Waraana biyyarratti banameefi miira dargaggootaa

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Waraana biyyattiirratti baname gama kamiinuu hirmaatanii qolchuuf qophii ta’uu dargaggootni Itoophiyaa yaadasaanii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennan hubachiisan.

Dargaggootni kunneen akka jedhanitti, biyya abbootinsaanii weerara keessaafi alaarraa gamtaan qolatanii birmadummaashee eeganii isaanitti dabarsan wareegama kamuu kaffaluun waraanaa yeroo ammaa diinota keessaafi alaan baname karaa guutuun qolachuun hirmaannaa barbaachisuun birmaddummaashee eegsisuuf qophiidha.

Dhalataa naannoo Sabaa, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa kan ta’e Dargaggoo Zalaalam Zarihun, waraanni adda durummaa gareen shororkeessaa ABUTn kan kaleessa biyya kana bulcheefi biyya kanarraa fayyadameen biyyarratti banamuun taatee nama gaddisiisu ta’us, humnootni guddinarra hiyyummaa, ijaarsarra diigamsa, qooda nageenya jeequmsa Itoophiyaaf hawwan garee kanatti fayyadamanii karoorasaanii milkeessaa jiraachuun hundaafuu ifa waan ta’eef dargaggootni kana maqsuuf kutannoo hojjechuun dirqama yeroon gaafatu ta’uu ibseera.

Waraana ABUT bane kanaaf gama kamiinuu kallattiin kan saaxilamu dargaggootaafi dubartoota kan jedhe Dargaggoo Zalaalam, dargaggootni naannoo Tigraay akkuma kaleessaa biyya oolchuuf dargaggootni Itoophiyaa waliin qabsaa’aa turan hara’s ibidda gareen shororkeessaa qabsiise kanaaf qoraan ta’uurraa of qusachuun dargaggoota biyyattii maddii akka hiriiran waamicha taasiseera.

“Injifannoo hundaa olitti Qeerroofi Qarreen Oromoo hedduun itti wareegamanii fidan akkuma kaleessaa wareegama kamiinuu tikfannaa malee diiginsaa diinaaf qaawwa hinkenninu,” kan jedhe ammoo dargaggoo naannoo Oromiyaarraa yaada nuu kenne, Daanyee Dajaneeti.

Kaleessa dargaggoon Oromoo adda durummaan qabsaa’ee humna juuntaa kana Maqaleetti galchuu kan yaadachiisu Dargaggoo Daanyeen, har’a garuu sadarkaa biyyi harka walqabatee ka’e kanatti tokkummaa uumuun Juuntaa qofa osoo hintaane kanneen biroos adaba qabsiisuufuu salphaa ta’uu dubbateera.

Hundaa ol michoomina Shaneefi ABUT ilaalchisee dargaggoon Oromoo tarii umuriin ta’e hubannoo gahaa dhabuun seenaa fokkisaa dhaabni shororkaa ABUT kaleessa ilmaan Oromoorratti dalage dagachuun Shanee waliin burjaajii keessa akka hingalle hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kennamuu akka qabus hubachiiseera.

Haaluma walfakkaatuun naannoo Harariirraa yaada kan kennite shamarreen Sittiinaa Zakkariyaa, Juuntaan lola ifatti banuun alatti shira dinagdee olaanaa xaxuun harkaqalleeyyiin hanga waa nyaatanii buluu dadhabuu eertee, naannichatti hojii hubannoo uumuu bal’inaan taasifameen dargaggootni hedduun dhiiga kennuu hanga dirree lolaa deemanii qolachuutti hirmaannaa gochaa jiraachuu ibsiteetti.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You