Walta’iinsa shororkeessitootaa ija hayyootaatiin

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Waggoota dheeraaf diina walii kan turan ABUTfi ummanni Oromoo, dhiyeenya qaamni Oromoofin qabsaa’a ofiin jedhu (shororkeessaa Shaneen)fi gitasaa, ABUT wajjin waliigaluun ajandaa tibbanaa miidiyaalee ta’ee ittifufeera.

Gaazexaan Bariisaas dhimma kanarratti hayyoonni Oromoo miidiyaalee garagaraarratti maala akka jedhan haala ittaanuun sakatta’eera.

Hayyu dureen ABO Jaal Araarsoo Biqilaa turtii Piraayiim Miidiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, waggoota hedduuf garee Oromoo miidhaa tureefi yakkoota garagaraa raawwataa ture waliin hariiroo uumuun qabsoo Oromoo duubatti kan deebisu, Oromoota hedduu kan naasiseefi saalfachiiseedha jedhu.

Walta’insa taasifamerratti garaagarummaan yaadaa Oromoota gidduutti mul’achaa jiru tokkummaa Oromoof yaaddoo ta’uu eeranii, waliigalteen taasifame faayidaa Oromoo qabsoon mirkanaa’aa jiru miliqsuuf kan akeekeedha jedhan.

Waajjira Ministira Muummeetti Qindeessaan Wiirtuu Dagaagina Sirna Dimokraasii Biqilaa Hurrisaa (PhD) gamasaaniin, turtii Tv Faanaa, sagantaa Afaan Oromoo waliin taasisanirratti akka jedhanitti, gareen shoroorkeessaa ABUT miira obbolummaa waggoota dheeraa saboota Itoophiyaa gidduutti dagaagee irradeddeebiin barbadeessuuf akka kaayyootti qabatee qabsaa’uurraa jalqabee hanga saboota walitti buusuutti xiyyeeffatee hojjetaa turuu ibsu.

Garichi wayita carraa biyya hogganuu argatetti badiin saba Oromoorraan gahe waan dagatamu akka hintaane eeranii, Shaneen murna farra Oromoo ta’e waliin hidhata akkasii uumuun diinummaasaa agarsiisa jedhu.

Ministir De’eetaan Nageenyaa Aadde Warqinash Birruus gamasaaniin sagantaa Ogeeyyiin aartii Wiirtuu Leenjii Loltummaa Xollaayitti dhiyeessaniirratti argamuun, “Shaneen garee diina Oromoo yeroo hundaa kan ta’e ABUT waliin hiriiruun ummata balleessuuf qophaa’uu kan mirkaneessedha” jedhaniiru.

Hundeessaafi Hayyuu Dureen jalqabaa ABO Diimaa Nagoo (PhD) turtii OBN wajjin taasisaniin “Humnoonni lama siyaasa keessatti walta’uun waanuma jiru. Haata’u malee murnoonni kunniin akeeka maaliirratti akka walta’an ifa miti jedhu.

Shororkeessaa ABUT badiiwwan kanaan dura saba Oromoorratti raawwataa ture dhiifamallee ummata osoo hingaafatiin walta’iinsi gitasaa, Shanee waliin taasisan Wayyaanee aangootti deebisuun miidhaa kalleessaa ummatatti deebisuudha” jechuun ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You