“Waliigalteen taasifame tasgabbii, nageenyaafi misooma waloo Itoophiyaafi Tarkii kan cimsuudha” -Doktar Abiyyi Ahmad

Riippoortara gaazexichaatiin

Finfinnee: Hariiroon biyyoota lama gidduutti taasifamu faayidaa waloosanii giddugaleeffatee kan raawwatamu yoo ta’u, keessumaa dhimmoota nageenyaa, tasgabbiifi misoomaa walsimataa ta’e dhogoomsuuf haala mijeessa. Dippilomaasiin biyyoota gara garaa gidduutti taasifamus murteessaadha.

Dippilomaasiin biyyoota gidduutti jiru laafuunimmoo sochii dinagdee, hawaasummaafi siyaasa biyyootaaniirratti miidhaa guddaa waan geessisuuf hariiroon biyyoota gara garaa gidduutti taasifamu guyyuu kan jajjabeeffamuudha.

Hariiroon gama kanaan taasifamu kamuu faayidaa biyyootaatti kan hinbuune dinagdeen, siyaasniifi hawaasummaan miirri walutubuu waliibirmachuufi walcimsuu kan itti calaqqisu waan ta’eef ni jajjabeeffama.

Tibbanas Jilli Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyii Ahmediin durfamu waamicha Pirezidaantiin Tarkii Rassiip Xayib Erdoogaaniin Tarkii daaw’ateera.

Jilli Ministira Muummee Doktar Abiyyiin durfamu wayita Tarkii, Ankaaraa gahu simannaa ho’aan kan taasifameef yoo ta’u, hariiroo biyyoota lameeniirratti waliigalteen mallatteeffameera.

Akka Doktar Abiyyitti toora marsariitiisaaniirratti ibsanitti biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaa, tasgabbii, waraanaafi misoomaarratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Akka ibsa Waajira Ministira Muumeettis Tarki hariiroo Itoophiyaa wajjin qabdu cimsuuf deeggarsa barbaachisaa kamuu ni taasisti.

Keessumaa dhimmoota misoomaafi waraanaan walqabatanirratti Tarki Itoophiyaa maddii kan dhaabattu ta’uun Pirezdaantichi Erdogaan ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You