“Waggaa 27 guutuu karri namaa Wayyaaneetiin hincabne hinjiru” -Koloneel Sabsibee Kumarraa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: “Waggaa lamaa ol osoon ifa aduu hinargin, kutaa dhiphaa keessa ibsaa ‘filorasantiin’ saddeet asii gadi narratti ifaa, utuun dhaqnaafi rifeensa koo hinmiccatiiniin hidhame. Wayyaaneen anarra waan baay’ee geesifte” jechuun imimmaan ijasaanii keessa guutaa kan nuu ibsan qabsaa’aa DhDOU duraanii Koloneel Sabsibee Kumarraati.

Koloneel Sabsibeen bara 1983 qabsootti kan dabalaman yoo ta’u, dhaaba maqaa Oromootiin dhaabate keessatti gaaffiilee faayidaa Oromoof jedhan waan gaafataniif qofa waggoota shaniif hidhamanii dararaa hedduun irra ga’eera.

Bu’aa ba’ii hedduu keessa darbanii har’a’ lubbuun hafanii, dhaabbata daldalaa ofiisaanii hundeeffatanii hojjetaa jiru. Nutis haala wayitii ilaalchisuun keessummaa gaazexaa keenyaa taasifachuun gaafdeebii kan waliin taasifne yoo ta’u, guutummaasaa torban dhufu akka dhiheessinu gamanumaa isin beeksifna.

“Ummanni Itoophiyaa ummata waldanda’uufi safuu beekuudha. Yeroo ammaa qaala’inni jireenyaa biyyattii keessa jiru qofti kan wal nama nyaachisuudha, garuu ummatichi har’arra boriin argaadhaan obsaan dabarfachaa jira. Rakkoo keessaas alaas dhufe deebisuuf ummanni gamtoomuutu qaba. Karuma kamiinuu gamtoomee diinasaa ofirra deebisuun  irra jira” jedhu.

Gaala ganama bade, galgala hinbarbaadan kan jedhan Koloneel Sabsibeen,   “Kaleessa  gaafa nuti gaaffii Oromoo gaafannu ABOdha jedhanii nu reebaafi nu hidhaa turan. Qeerroon baay’ee yeroo qabsoo sana dhiigisaa badheetti akka saree dhangala’ee hafe. Har’ammoo gaafa bakka lixan dhaban Oromoon hinfayyadamne jechuun maal jechuudha? Sammuun kaleessa Oromoo miidhaa ture gammoojjii Takkazee keessatti qulqulloomee dhufee Oromoof yaadee? Jechuun gochaa shororkeessaa ABUT raawwataa jiru balaaleffatu.

“Ummanni Oromoo dandeettii addaa namoota waliin jiraachuufi ofitti qabuu qaba malee gowwaa miti. Kan kaleessa dhume, ilmaansaafi namasaati. Kan barbadaa’e manasaa, daandiisaafi qabeenyasaati. Fakkii Oromoon biyya kana keessatti qabu akka bineensaatti akka ilaalamu kan godhe hojii juuntaati. Ulfinni ummata kanaa akka ulfinnisaa gadi bu’u taasisuun hawwiisaa guddaa ture. Har’a garuu kaabaa kibbaan ummanni itti duullaan Oromoo kottuu na bira dhaabadhu jechaa jiru” jedhu.

“Ani akka nama dhuunfaatti oggaa kaleessa sirnasaaniitiin gidiraan narra ga’u ilma Oromoo mitii? Gaafa ilkaan narraa harcaasan gaaffiin gaafadhe kan Oromoo mitii? Yoo “haattuun yommuu hattu gamtoomtee hatti, yommuu qooddattu walhirti” jedhan yoo ta’e malee, nama argu mitii inni hinagarrellee juuntaan saba Oromoof ni yaada jedhee ni amana hinjedhu ani”.

“Haati gootaa meeqa ilmashee dhabdee, boosee mar’ummaanshee guduunfattee kan teessu manni haa lakkaa’u. Waggaa 27 guutuu karri namaa Wayyaaneetiin hincabin hinjiru. Har’a waantota sana hunda dagatanii ummata Oromoofi paartiilee siyaasaa Oromoo na deggaraa jechuun sirrii miti”.

“Biyya diiguuf munyuuquun tarii isaan hambaa warra Ameerikaatiin waan socho’aniif waan humna qaban isaanitti fakkaate malee hindanda’amu. Waan qabaniifi gadhiisan waan wallaalaniif akkas ta’u. Silaa waan saamaniin lafa barbaadan deemanii magaalaa tokko hundeessuu ni danda’u. Garuu cubbuufi dhiiga ilmaan Itoophiyaatu irra jiraayyuu joonjo’anii gara itti badan wallaalan. Jaalatanii osoo hintaane dhiigaafi dafqa ummatichaatu isaan joonjeesse. Mootummaan gara nageenyaatti isaan fiduuf jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi abbootii amantii itti ergeera. Garuu isaaniif liqimfamuu hindandeenye. Dhumnisaanii waan ga’eef Waaqniyyuu garaa isaan jabeesse.”

“Mootummoonni biyya alaa har’a mirga namummaaf dhaabanna jedhan gaafa lammiin Oromoo Somaaleerraa buqqa’e, gaafa Gurraa Fardaatti dhume, gaafa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti lammiileen Itoophiyaa ajjeefamaafi gubamaa turan ilmaan namaa miti? Yeroos maaf quuqama dhabanii iyyuu didan?

Ummanni kana hubachuu qaba, nuti gaafa hidha Abbayyaa ijaarree xumurre hiyyummaa keessaa ni baana. Hirkatummaasaanii keessaas ni baana. Kunimmoo siyaasasaanii jalaa fashaleessa waan ta’eef waa hunda callisanii ilaalu. Ummanni garuu  kana hubatee biyyasaa oolchuuf waan danda’e gochuu qaba; juuntaa yoo mootummaan dhiiseyyuu ummanni hindhiisu” jechuun quuqama qaban ibsu Koloneel Sabsibeen.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You