Shaampiyoonaan kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa 19fan Ambootti adeemsifamaa jira

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Shaampiyoonaan Kilaboota Kubbaa miilaa godinaaleefi magaalota Oromiyaa 19fan kilaboota 36 hirmaachise Magaalaa Ambootti mataduree “Kabaja Raayyaa Ittisa Biyyaatiif nan dhaabbadha, Anis biyya kootiif loltuudha” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Komishnariri Komiishinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Naasir Huseen sagantaa baniinsa shaampiyoonichaarratti akka jedhanitti, sochiin ispoortii kabajaafi deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamaa jiru kun hanga Juntaan hanga dhabamsiifamutti kan itti fufu ta’a.

 Ittigaafatamaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa akka jedhanitti, sochii ispoortii kubba miillaa naannichatti taasiifamaa jiruun hirmaannaa kilboota liigii biyyaaleessafi liigii olaanaa dabalaa jira. Kaayyoon shaampiyoonichaa inni guddaan sadarkaa kilaboota magaalaafi godinaalee madaaluufi carraa hirmaannaa kilaboota fooyyessuudha.

Shaampiyoonaan qopheessummaa Komishinii Ispoortii Oromiyaatiin Magaalaa Ambootti Hagayya 9 bara 2013 irraa kaasee geggeeffamaa jiru  hanga Hagayya 23 bara 2013tti  kan turu ta’uunis ibsameera.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You