Seektara Fayyaa: Haalota kamuu keessatti ummata tajaajiluuf kan hojjetu

Saamraawiit Girmaatiin

Adaamaa: Barri 2013 akka biyyaatti waggaa rakkooleen garagaraa itti  mudataniidha;  rakkoolee uumamaafi namuumee. Isaan kaan kan addunyaa hundaaf qormaata turan yoo ta’an kaanimmoo rakkoodhuma keessootiin uumaman. Weerara koviid-19 addunyaa raase dabalatee, rakkoon nageenyaa mataa bowwuu Itoophiyaa ture.

Haalota kanneen keessatti gaafa dhaabbileen hedduun karrasaanii guutuufi gamtokkoon cufan seekatara fayyaatti garuu hojiin dachaa ture. Hojjettoonni seektarichaa koviidii ittisuuf  lubbusaanii aarsaa taasisan rakkoo nageenyaan walqabatee jirurattis kan ga’eesaanii ba’aachuuf bara itti of kennanidha. Akka Oromiyaatti hojjettoonni fayyaa 20 ta’aan Raayyaa Ittisaa Biyyaa cinaa hiriiruun dirqama ogummaasaanii ba’achuuf tibbana deemaniiru.

Akka waliigalaatti rakkoolene kunneen jiraatanillee baricha hojiileen hojjetaman jajjabeessoo turuudha Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa sagantaa qorannoo raawwiifi kallattii bara 2014 Kibxata darbe Adaamaatti taasifamerratti kan ibsan.

Weerara koviid-19, rakkoo nageenya, filannoofi dhimmoota garagaraa keessa darbuun hojiin hojjetame boonsaa ta’uu eeranii, hojiileen bakka hundatti walfakkaatuu dhabuufi gabaasiwwan sobaammoo kan hanqinni irratti mul’ate ta’uu himu. Fuulduraafis hanqinoota jiran irratti xiyyeeffachuun bu’aa caalu galmeessuuf kan hojjetamu ta’uu ibsu.

Ittigaafatamtuun Waajjira Eegumsa Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistar Samiiraa Mahaammad akka jedhanitti, bara 2013 magaalichatti karoorri akka naannoofi magaalaatti qabame akkasumas inisheetiviiwwan haaraan haala gaariin hojiirra oolaniiru.

Hojiiwwan jajjabeesoo raawwataman keessaa, du’a haadhooliifi daa’immanii hir’isu, tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa eegaluun %60 geesisuu, tajaajila yaalii inshuraansii fayyaas eegalsiisuu, tajaajila fayyaa garee maatii magaalota lamarratti kennamaa ture magaalota 19tti akka babal’atu taasifamuun Adaamaatti eegalamuu, magaalattiin dhukkuboota daddarboof daran saaxilamtu ta’uusheetiin xiyyeeffannaa kennamee hojjetameen bu’aa jajjabeessaa galmeessuu kaasu.

Akka hanqinaattis, magalattiin magaalota guddoofi ummata bal’aa kan qabdu akkasumas, ummanni naannawaa jirullee kan fayyadamu magaalattiitti waan ta’eef hanqinni qorichaa mudachuu eeranii, kanas yeroo yeroodhaan marii irratti gaggeessuun dafee akka hiikkatuuf hojjetamaa akka jiru ibsu. Kana malees kenninsa tajaajilaan walqabate, ogeessi hundi of kennee bifa walfakkaatuun tajaajila kennuurratti qaawwa mul’ate duuchuuf sadarkaa sarakaatti leenjiin kennamuufi tarkaanfiin fudhatamuu kaasu.

Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Margaa Yamaanaas, akka godinasaaniitti hojiilee bara bajataa 2013tti hojjetaman keessaa hojiin ittisaafi to’annoo dhukkuboota daddarboorratti hojjetame bu’aa gaariin kan itti argame ta’uu dubbatu. Keessumaa dhukkubsattoota daranyoo sombaa adda baasuufi tajaajila yaalii eegalanii akka xumuran  taasisuun raawwiin fooyyee qabu galmaa’uus ni himu.

Hojii ittisaafi to’annoo ‘HIV’tiin walqabatees namoonni hojiin dhiiga qorachuu dhaabbilee fayyaa godinachaa jechuunis buufataalee fayyaa 54fi hospitaala shan jiran keessatti bal’inaan hojjetamuu eeranii, namoota qoratamanii of beekaniifi  kanneen dhiigasaanii keessatti vaayirasichi argamemmoo dawaa akka eegalaniif waan hojjetame kan bara darbee waliin yommuu ilaalamu fooyya’aa ta’uu kaasu.

Rakkoolee dhiheessii qorichaa wajjin walqabatee jiru hiikuuf faarmaasii hawaasaa Hospitaala Tullu Boolloo wajjin ta’uun eegalsiisuu danda’uu kan himan Obbo Margaan, akka hanqinaatti ammoo tajaajila fayyaa haadhooliifi daa’immaniin walqabate hojiin hojjetame harcaatii akka qabu ibsu.

Keessumaa tajaajila da’umsaatiin walqabatee haadholii ulfa ni jiru jedhamanii yaadaman keessaa dhaabbilee fayyaatti akka da’an gochuutiin walqabatee raawwachuun kan danda’ame %51 ta’uu, deesisuuf kan karoorfame keessaammoo %69 qofa raawwachuu akka hanqinaatti kaasu.

Gama tajaajila fayyaa daa’imanii keessumaa sirna nyaataatiin walqabatee hojiiwwan hojjetaman akkaataa karooraan kan hinraawwatamne ta’uu kan himan ittigaafatamichi, karoora maatii yeroo dheeraa kennuurrattis raawwiin gadaanaa ta’uu ibsu.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You