Sammuun namaa maasiidha. Maasii sanyii gaarii yookaan aramaa itti faca’e margisiisu. Maasii kana keessa namni hundumtuu waan itti facaase haammata. Biyyis waan facaaste haammatti. Maatiin illee sammuu ijoolleesaatti waan facaase haammata. Waan gaarii kan facaase gaarii haammata; siphoo kan facaases aramaa galfata.
Namni sammuusaatti yoo sirriitti itti waa’ee ba’u dadhabe, yoo yaada sirrii keessa facaasuubaate diina hamaa itti ta’uu danda’a; hawaasaafis ta’e biyyaaf burqaa dararamuu ta’a. Addunyaa keenya rratti akkuma sammuun namaa waan gaarii kalaqe karaa biraa ammoo miidhaa cimaaf ilmaan namaa saaxileera.
Isaan kana keessaa muraasa yoo ilaalle, meeshaa dimshaashaan dhala namaa duguugu (Nuclear Weapon) Muddee 17, 1938 namni maqaan isaa ‘Otto Hahn’ jedhamuufi gargaaraa isaa ‘Fritz Strassmaniin’ kan yeroo jalqabaaf kalaqame yoo ta’u , waggaa afur booda biyya Ameerikaa keessatti addumaan bara 1942 meeshaa atoomikaa hojjechuuf yaalii cimaa taasifamaa ture keessatti injineerotni loltoota Ameerikaa akka dhimma cimaatti fudhachuun bara 1943 eegalanii meeshaa dimshaashaan ballessu qopheessuuf yaalii ta’een meeshaa hamaa qopheessaniiru. Meeshaa dimshaashatti nama balleessu jechuudha.
Isa kana ammoo dhuma loliisa addunyaa isa lammaffaarratti, Hagayya 6,1945 magaalaa Jaappaan maqaan ishee Hiroshima jedhamturratti gadi dhiisan. Itti fufuun guyyaa sadii booda Hagayya 9, magaalaa Nagasakiirratti dhoosuun lubbuun namoota kuma 120 (kuma dhibbaafi digdamaa) dhumeera. Hanga har’aatti magaalota kanarratti dhiibbaan isaa cimaadha. Haa ta’u iyyuu malee har’as sodaan balaa kanaa jira.
Baay’inni omishasaas dabaleera. Fakkeenyaaf lola addunyaa isa lammataa keessa bakki omisha dhuka’aa niyukileeraa kun bakka tokko qofa yeroo ta’u, har’a har’a yoo xiqqate biyyoota 31 ol keessatti omishnisaa itti fufeera. Bakkoota 437 ol keessatti meeshaaleen dimshsaashaan nama balleessan kun ni omishamu. Isaan kun ilmaan namaa ittiin duguuguuf kan kaayyeffaman ta’uun beekamaadha.
Darbees kalaqa hamaa kana booda sammuu namaatu jira. Akkasumas umurii dheeraa kan qabu dhuka’aa garaa garaa wajjin kan walqabatan kan akka rasaasaa yoo fudhanne ilma namaatu kalaqe. Inni kunis har’a sababa namootni hedduun ittiin duguugaman ta’aa jira.
Kana qofa utuu hinta’in yeroo ammaa waa’ee tamboo nibeekna. Mucooliitii eegalee hanga maanguddootaatti namootni hedduun utuu xuuxanii argina. Baay’een keenyaas tamboo xuuxuun balaa cawwee sombaaf (lung cancer) akka nama saaxilu manneetiin yaalaa kallattii argataniin utuu isaan barsiisanii agarra. Tamboo kana duubaan namni nuti agarru nama akka ‘Washington Duke’ jedhamuti.
Innis bara 1865 lafa bal’aa qabanirratti warshaa dhaaban utuu hinta’in tamboo facaasuun waraqaatti naqee harkaan maruun loltootni Ameerikaa bara isaan walii isaanii lolaa turan (American Civil War) akka bitatanii xuuxan gochaa ture. Namicha kanaaf madda galii gaariis ture. Wanti nama dhibu yoo jiraate hanga bara 1950 keessatti tamboon cawwee sombaa wajjin walitti dhufeenya inni qabu hanga adda baafatanitti namootni hedduun akka rakkoo hinqabnetti ilaaluun, tambookanas fayyadamuun miidhamaniiru.
Booda keessa biyya Ingiliziitti bara 1949 qorannoo namni maqaan isaa ‘Richard Doll’ jedhamu hanga inni taasisetti cawwee sombaan namoota duguugeera. Booda keessa garuu bara 1949 qorannoo namoota cawweesombaan qabamanii mana yaalaa dhufan namoota 649 irratti geggeeffameen namoota lama qofatu tamboo hinxuuxan turan.
Dhukkubsattootni 647 namoota tamboo xuuxan turan. Rakkoo kana akka adda baafateen ‘Richard Doll’ guyyaatti tamboo shan xuuxaa kan ture yerosuma dhaabe. Miidhaa isaa nihubate. Kanaaf bara 1956 tamboon akka hinbeeksifamne, dhaabbanni tamboo omishu gibira guddaa akka kanfalu, tamboon daa’imatti akka hingurguramne, bakka namootni baay’atanitti akka hinxuuxamne, odeeffannoon miidhaa isaa ilaalchisee akka kennamuufi kkf., gama mootummaan mirkanaa’e.
Egaa nama tokkoon haa eegalu iyyuu malee yeroo ammaa tamboon akka addunyaa keenyaatti yoo xiqqate du’a namoota miiliyoona torbaa oliitiif sababa akka ta’e ragaaleen garaa garaa ni addeessu. Isaan kana keessaa namootni miliyoona tokko ta’an kan dhuman alkallattiin namoota xuuxanii wajjin walitti siqeenya namoota qaban akka ta’e qorannoon mirkaneessa.
Karaa biraa ammoo ilmi namaa sammuu isaa waan gaarii ittiin kalaquufis itti fayyadameera. Akkuma beekamu konkolaataa, bilbila, ibsaa, meeshaalee mana yaalaafi kkf., ilma namaatiif faayidaa danuu kan kennan sammuu namaatu kalaqe. Namni yoo sirriitti itti fayyadame waan ilmaan namaaf faayidaa hedduu qabutu ittiin hojjetama. Yoo ta’uudhaabaate garuu burqaa miidhamaati.
Har’a sammuu keenyatti maal facaasaa jirraa? Isa kana namni hundi of gaafachuu qaba. Dhaloota keenya irratti maal facaasaa jirraa? Maal immoo eeggataa jirraa? Hundumaarra waanti beekuu qabnu yoo jiraate gaarii yoo facaasne gaarii haammanna. Hamaas facaasnaan hamaa galfanna.
Wantootni nuti facaasnu nurrattis ta’e namoota kan biraarratti faayidaas ta’e miidhaa mataa isaa danda’e qaba. Tarii baay’een keenyaa sanyiin nuti facaasuu mallu kun maali jechuu dandeenya. Sanyii gaariin yaada gaariidha; mul’ata gaariidha, jechoota gaariidha; ilaalcha gaariidha. Isaan kana gara sammuu keenyatti yoo erginu akka amalli gariifi hojii gaariin nurraa calaqqisu kan taasisu yoo ta’u, sanyii hamaa itti facaasuun ammoo faallaa isaati. Isa kana namatu nuuf murteessa miti. Nutu murteeffata.
Namni kamiyyuu sammuu ofii isaatii sababa qabuuf akka namni kan biraa itti hinfayyadamneef dhuunfaatti ofiif itti fayyadamuu qaba. Bakka hedduutti har’a rakkoo kanatu mul’ata. Namootni kan biraan sammuu keenya koloneeffachuun akka fedhan itti fayyadamuu yaalu. Inni kun miidhaan isaa hamaadha. Miidhaas jireenya keenyarratti fida. Sababiin isaa jijjiiramni jireenyaa sammuu irraa eegala.
Wanti guddaan dhala namaan hojjetamu yaada sammuurraa eegala. Salphaa haa fakkatuyyuu malee sammuun keenya jireenya keenya bocuu keessattis ta’e jijjiirama barbaachisaa kallattiin maraan akka fidnuuf ga’een isaa guddaadha. Faayidaa ajaa’ibsiisaa kan gumaachudhas. Fakkeenyaaf sammuun keenya xiqqoo yoo fakkaatte illee sirriitti yoo itti fayyadamne ofrra taruun addunyaa kanarratti bu’aa cimaa buusu, dhiibbaa gaarii geessisu, namoota jijjiiramaa akka taanuuf gumaacha guddaa taasisa.
Sammuun namaa ulfaattinni isaa xiqqoo yoo fakkeete jechuun giddu galeessaan ‘powundii sadii’ (1.36Kg) yoo ta’eyyuu akka kompiyutaraatti yoo fudhanne gigaa baayitii miliyoon 2.5 kan baatu yookaan televizyonni waggaa dhibba sadii ol kan tamsaasu baachuu kan danda’u kennaa ajaa’ibsiisaadha. Isa kana sirriitti ittifayyadamuun jijjiirama cimaa fiduun nidandaa’ama.
Darbees isa kana ajaa’ibsiifachuu qofa utuu hinta’in sirriitti itti fayyadamuun jijjiirama barbaachisaa fiduun murteessaadha. Dhalli namaa sammuu ajaa’ibsiisaa kanaa wajjin uumame. Kennaa guddaa kana immoo sirriitti itti gargaaramuun qooda isaati. Sammuu qabu kanas yoo sirriitti hubate, waan gaarii hojjechuuf dandeettii attamii akka qabu hubatee yoo itti gargaarame sammuu namaan oliifi gadi oofamuu oola. Meeshaa taphaa ta’uu jalaa miliqa. Yeroo kam caalaa bara keessa jirru kanatti isa kana agarra. Namootni akka sammuu isaaniitiin yaadnu barbaadu. Akka sammuu isaaniitiin geggeeffamnu barbaadu. Isa kana gonkumaa diduun ga’ee keenya.
Akka dhala namaatti sammuu keenya kana gabbisuus dagachuu hinqabnu. Yeroo hundumaa waan gaarii barachuuf, barannees dorgomtoota ta’uuf, guddachuuf, of fooyyessuuf namoota kaka’umsa qaban ta’uun murteessaadha. Guyyaatii gara guyyaatti waan haaraa barachuuf, dandeettiifi jireenya keenya fooyyessuuf tattaaffii gochuun barbaachisaadha. Dandeettii qabnu sirriitti adda baafannee namoota beeknuufi dandeettii qabnu kanas amala gaariifi beekumsaan namoota gabbisuu dandaa’an ta’uun barbaachisaadha. Isa kanarratti jabaannee hojjechuus malla jedheen amama. Barootni dhufan bara sammuuti. Bara namootni akka dheengaddaafi kaleessaatti yaadaniifi hojjetan miti. Namootni isa kana hinhubanne eessayyuu hinga’an.
Akkasumas ammoo barri nuti keessa jirru jaarraa 21ffaa bilchina sammuutiin dhaloota darbaniirraa nicaala. Sekondii muraasa keessatti odeeffannoo addunyaa kanarraa miiliyoonaan lakkaa’aman argachuu dhaloota danda’uudha. Dhaloota akkasii kana geggeessuufi hojii fiixaan ba’umsa qabu hojjechuuf guyyaatii gara guyyaatti muxannoowwaniifi ogummaa jijjiirama fiduu danda’an kumaatamaan lakkaa’amanitti fayyadamuun barbaachisaadha. Of fooyyessuunis murteessaadha.
Namootni kallattii addaa addaarratti ramadamnee jirrus isa kana ittiyaaduun gaariidha. Beekumsa malee jijjiirama kamiiniyyuu eeguun hindandaa’amu. Barri kunis bara sammuun caaluun geggeessaniidha. Isa kanaaf of fooyyessaa deemuun gaariidha.
Walumaagalatti ilmi namaa sammuu uumamaan kennameef niqaba. Kanaaf sammuu isaa kanatti waan facaasu sirriitti beekuun barbaachisaadha. Yoo waan sirrii itti facaase waan gaariitu biqila. Waan biyya jijjiiru, waan dhaloota jijjiirutu biqila. Isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Irrattis hojjechuun gaariidha.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013