Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Daldaltoota hidhata juuntaa qabanirraan kan ka’e qaala’insi gatii oomishaaleefi dhiyeessiilee gara garaa akka malee dabaluusaan komiin hawaasaa babal’achaa jiraachuun nibeekama.
Kun ammoo siyaasa dhokataa tasgabbiifi nageenya lammiilee booressuuf akeekameefi jaladeemtota ilaalcha juuntaan oofamaniin kan wixiname waan ta’eef hudhaa kana dhaamsuuf mootummaan humna guutuun hojjetaa akka jiru himeera. Humnoota waraana dinagdeerratti banan kanneen to’achuuf akka Oromiyatati hojiileen jajjabeessaa hojjetamaa akka jiran Pirezdaantii Ittaantuun Naannoo Oromiyaa Aadda Caaltuu Saanii dubbatan.
Hudhaa qaala’insa gatiin walqabateen ka’aa jiru kana furuuf Biiroon Daldalaa Oromiyaa qorannaa gara garaa gaggeessaa turuu yoo himan bu’aa argannichaarratti hundaahuun tarkaanfiilee jijjiirama fiduu dandahan fudhachuutti akka seenamu ta’uu himaniiru.
Kuni ta’us qaa’a’insa gatii gabaa oomishaaleef sababni guddaan daldaltoota juuntaan hidhata qaban akka ta’e irra gahamuu Aadde Caaltuun kaasaniiru. Daldaltoonni kun waliindhahuun dinagdeen of ijaaruurra darbanii tasgabbii fi nageenya lammiilee booressuun ergama diinaa milkeessuuf sochiirra akka jiran dubbatu.
Dabalataan akka qorannoon biirichaa ibsutti fedhiifi dhiyeessiin walgituu dhabuu, sirni gabaa iftoomina dhabuu, sababa dhibee kovid-19, dandeettiin bittaa maallaqa biyya keessaa ba’uufi doolarri dabaluu, daldaltootni faayida hin malle argachuuf tilmaamaa olitti gurgurtaa geeggeessuunfaati.
Galtee kanneen irraa ka’uun sadarkaa naannootti koreen komaandi poostii Aadde Caaltuun hogganamu hudeeffammeera. Koreen kun haala qabatamaa yeroo wayitawaa irratti hundaa’uun gatiin meeshaalee bu’uraafi tajaajila dabalatee kan hordofuu yoo ta’u sadarkaa naannoo hanga gandaatti ijaaramuun hojiitti bobbahuu ibsaniiru.
Ministeerri Daladalaafi Industirii gama isaatiin qaal’aiinsa gatii zayitaa sadarkaa biyyaatti mul’achaa jiru tasgabbeessuuf bitttaa zayita liitira miliyoona 36 xumuree biyya keessa galchuuf hojjetamaa jira jedhaniiru
Akka ibsa Ministeerichaatti shira sirna gabaa wayita ammaa mul’achaa jiru tasgabbeessuuf oomisha fedhii bu’uuraalee guutan biyya alaatii galchuun qaala’insa tasgabbeessuuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Rakkoo kana hundeerraa furuuf bara baajataa 2013 tti warshaalee zayitaa biyya keessatti oomishan eebbisiisuun gara hojiitti galchuun danda’ameera.
Warashaalee kanneen dhiyeessiin omishaaf barbaachisu biyya keessaa guuttachuu hamma hin dandeenyetti haala addaaatiin difdifa zayitaa biyya alaatii galchuun rakkoo hawaasaa akka furan taasisuun bittaan zayitaa akka raawwateen atattamaan biyya keessa galchuuf hojjetamaa akka jiru ibsi Ministeerichaa hubachiiseera.
Hogganaan Ejeensii Babal’ina Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Ahimad Sa’id gama isaaniin akka jedhanitti, qaala’iinsa gatii garmalee wayita ammaa mul’achaa jiru ittisuuf Ejansichi waldaalee kuma digdamaafi Yuuniyenoota 120 naannicha keessatti gurmaa’an wal-tumsuun hojjechaa akka jiru gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Ahimaditti waldaaleen bu’uuraafi yuuniyeenotni Ejeensicha jalatti gurmaa’an omishitoota irraa omisha walitti qabuun sona itti dabaluun magaalota akka Finfinnee, Dirree Dhawaa dhaabbilee barnootaa guguddoo dhiyeessaa akka jiru dubbataniiru.
Ejensichi hojii hojjetaa jiruun daladaltootni hidhata juunta qaban omisha dhoksuufi seeraan alaa gatii akka hindaballee taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Duula waraana diingidee wayita ammaa daladaltoota hidhata juuntaa qabaniin raawwatamaa jiru ittisuu keessatti ejeensischi shoora olaanaa taphachaa jira jedhaniiru.
Hanqina omishaa mudate kana furuufi gabaa tasgabbeessuuf dabalataan oomisha qonnaa qonnaa bulaa irraa gara gabaa giddu galeessaatti fiduun hamma tokko furuuf yaaliin gara garaa taasifamaa jira.
Qaala’insa gatii gabaa humnaa ol hawaasa rakkoo keessa galchaa jiru kana dhaabsisuuf sochiin mootummaan taasifamu qofa gahaa akka hintaanellee kaasaniiru.
lammiileenis seermaleeyyii ilalcha juuntaan dinagdee hawaasaa golgoleessan fi nageenya booressan kanarratti qabsaahuun sochii gabaa tasgabbeessuu kana keessatti qooda fudhachuu akka qaban dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013