Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Biyya tokko wayita waraanni mudatu gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeen gaaga’amni nimuudata. Gaaga’ama kanaan kutaalee hawaasaa keessaa dubartoonniifi daa’imman daran miidhamni guddaan waan irra gahuuf dheengadda dubartoonni kutaalee biyyattii hundarraa walitti dhufan marii taasisuu maddiitti Federeeshiniin Dubartoota Itoophiyaas dhimma nageenyaarratti qaamota adda addaatiif waamicha taasiseera.
Pirezidaantiin Federeeshinii Dubartoota Itoophiyaafi Oromiyaa Aadde Askaalaa Lammaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Garee Shororkeessaa ABUT har’a osoo hintaane kalleessas ummata biyya kanaa ajjeesaafi buqqisaa tureera. Ammas waraana biyyarratti geggeessaa jiruun dubartootaafi daa’immaniirra miidhaan dhaqqabaa jira.
Gareen kun wayita biyya hogganaa turetti badii gama hundaan raawwateen ummanni qabsaa’ee ofirra darbachuun filannoo ajaa’ibsiisaa biyyattiitti raawwatamee hinbeekne gaggeessuun bulchiinsa naaf ta’a jedhu filate tuffachuun humnaan aangootti deebi’uuf sochii taasisaa jiraachuu himaniiru.
Dubartoonni adda waraanaa deemuu danda’an deemuun, kanneen hindandeenye galaa qopheessuun, dargaggoo leenjiirra jiran eebbisisuun, dhiiga arjoomuufi deeggarsa gama barbaachisu hundaan cimsanii ittifufsiisu akka qaban ibsaniiru.
Biyyi nagaan yoo jiraatte malee hojjechuu mitii keessatti kadhachuunuu akka hindanda’amne lammiilee Sooriyaarraa barachuun nida’ama jedhanii, lammiin biyya kanaaa hundi adda waraanaa qofatti osoo hintaane qe’eesaatti misooma jalqabame ittifufsiisuun, nagaa naannawasaa eeguufi qaama adda waraanaa jiru deeggaruun waraanarratti hirmaachuun akka danda’amu hubachuun barbaachisaa ta’uu beeksisaniiru.
Walta’insi ABUTfi Shaneen taasisan hawwota Oromoo ilmaansaanii kaleessa Wayyaaneen ajjeefamaniif hedduu ulfaataa waan ta’eef keessumaa Shaneen dhuguma osoo Oromoof qabsaa’a ta’ee ABUT dheedhiifi bilchaataa saamaafi qonnaan bulaa Oromoo buqqisaa ture waliin walta’iisa hintaasisu ture jedhanii, Shaneen Oromoofi Oromummaaf osoo hintaane faayidaa mataasaatiif kan qabsaa’u ta’uu akka mul’isu ibsaniiru.
Paartiin morkattootaas haala biyyattiin keessa jirtu hubachuun ejjennoo dhuunfaan qaban moggaattii dhiisaanii biyyaa baraaruuf wayita sagalee tokkoon dubbataa jiranitti, Shaneen baandaa waliin ta’uun waan saba Oromoo bakka bu’u osoo hintaane salphinasaa seenaan yaadatu ta’uu himaniiru.
Bakka buutuun Fedeereshinii Dubartoota Dirre Dhawaafi miseensi raawwachiistuu hojii Federeeshinii Dubartoota Itoophiyaa Aadde Iftuu Abbaas gamasaaniin, Gareen ABUT ijoollee umuriinsaanii waraanaaf hindhaqqabne haadha boossisaa gama waraanaatti ergaa jiraachuu kan balaaleffatan ta’uu eeranii, lolli kun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf deeggarsa taasisuufi waraanarratti hirmaachuu cimee ittifufuu qaba jedhaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013