Keessoo ofii cimsaa diinarratti xiyyeeffachuu

Haalli biyyi teenya yeroo ammaa keessa jirtu yeroo kamuurra yaachisaadha. Tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuuf jedhamee jalqabame haala yaadameefi karoorfameen xumuramuu dadhabee osoo asiifi achi jedhuu ji’oonni saddeetii ol lakkaa’amaniiru.

Wayyaaneen baduuf holqa qarqara geessee turte tattaafattee lubbuu horatee farra nagayaa ta’aa jirti. Daangaa Tigraayi keessaa baatee naannolee Amaaraafi Affaaritti nagaa booressaa, ummata jeeqaa jirti. Akkuma amalashii shira adda addaa diriirsitee qaawwa argatte hundatti fayyadamtee biyyattii nagaa dhorkuuf tattaaffii guddaa gochuurratti argamti.

Du’aa ka’iinsa Wayyaaneetiif sababoota hedduutu jira.  Qamoleen adda addaa dhimma kana keessa harka galfatanii dubbii laaquunsaanii sababa tokko. Akuma dhageenyuufi himamu qamoleen biyya alaa fedhiiwwan gara garaa biyya kanarraa qabaniin Wayyaanee al-kallattiin deeggaraa jiru.

Kan dhimma nageenyaa biyya kanaa walxaxaa taasisaa jirus isuma kana. Kan waraannni Wayyaanee waliin taasisaama jiru akka dheeratu kallattii qabsiisu fedhii qaamolii adda addaa kana. Kana fakkeenya tokko tokko kaasanii ilaaluun ni danda’ama.

Sudaan ollaa Xoobbiyyaati. Yeroon akka ollaatti hariiroo gaariifi yaraa waliin qabdutu ture. Kanaan dura bara Darguu sana biyyoota Wayyaanee deeggaranii akka Finfinnee galtu taasisan keessaa tokko Sudaan akka ta’e beekamaadha.

Bara sana Sudaan dawoo Wayyaanee, meeshaa dhiheessituu Wayyaanee, qallabduu Wayyaanneen gorsituu Wayyaanee akka turte warri ragaa bahu hedduudha. Kana qabsaa’onni dhaabbata kana waliin turan irra deddebi’anii miidiyaadhaan dubbataniitu. Sababa kanaan hariiroon dippiloomaasiin Darguufi Sudaan gaarii hinturre. 

Ammas  wanti sun deeb’ee waan uumame fakkaata. Sudaaniifi Xoobbiyaan yeroo ammaa hariiroo akkamii qabu? Sudaaniifi Wayyaaneen fedhii waloo maal qooddatu? jedhanii xiinxaluun gara waraanni biyya keenyaa kun itti deemu hubachuuf ni gargaara.

Akkuma beekamu Sudaan rakkoo keessoo keenyaa akka carraatti fudhatte ittifayyadamteetti. Yeroo mijataa eegdee birmadummaafi daangaa duraanii dabartee lafa Xoobbiyaa qabatte qotachaa  jirti.

Osoo waraanni biyya keessaa kun dhaabbatee xiyyeeffannaan mootummaa maal akka ta’u hinbeektu hinjedhamu. Kanaaf biyya keenyatti nagaan akka bu’u hinbarbadu. Nagaa booressuuf ammoo meeshaa gaariin ishii tajaajilu Wayyaaneedha.

Gochi torbe kana keessa hoggantoonni biyyattii lafa Xoobbiyaa qabatanirratti argamanii pirojektii haaraa eebbisiisne jedhanii suura ka’anii miidiyaatti of mul’isanii deeb’an waan dubbatu qaba.  

Dhaamsa maal dabarsuu akka barbaadanis beekamaadha.  Firaafi ollaa gaarii fakkaattee mootummaafi Wayyaanee walitti araarsina jedhanii dubbachuunsaaniis kaayyoofi fedhiisaanii karaa biraatiin galmaan gahachuufi, jechuun ni danda’ama.

Waraanni Xoobbiyaa  keessaa akka dheeratu gochuurratti Ijibti harka lafa jalaatiin shira hinhojjattu jedhamee hin yaadamu. Ijibtiifi Sudaan fedhii waloo Xoobbiyaarraa qabu. Ijaarsi Hidhi Guddichaa akka xumuramu waan hinfeeneef karuma kamiinuu gufachiisuu fedhu.

Kanaaf tarsiimoo guddaan biyyattiin akka nagaa hinarganne taasisuudha. Biyyi Xoobbiyaa jedhamtu tun nagaa akka hinarganne, akka hintasgaboofne, akka walwaraansaan dadhabdu taasisuun kaayyoosaanii isa guddaadha.

Kanaaf, Wayyaanee jabeessanii akka ishiin nagaa biyyattii booressitu gochuun ittifayyadamaa akka jiran ragaaleen ni mul’isu. Deeggarsi kunimmoo waraanna biyya kana keessatti adeemsisamaa jiru umurii dheeraa akka qabaatu gochuu waan danda’uuf akkamitti fashalsiisuun akka danda’amu, akkamitti gabaabsuun akka danda’amu ittiyaaduun gaariidha.  

Ollaa biyya Xoobbiyaarraa fagaatamee yoo deemame ammas fedhiin biyyoota Lixaafi Bahaa kan dorgommiin guddaa of keessaa qabu ni mul’ata. Biyyoonni Bahaafi Lixa jedhamanii mooraa lamatti qoodaman kunniin olaantummaasaanii mirkaneessuuf, faayidaasaanii kabachiifachuuf akkasumas qabeenya biyyoota hiyyeeyyii saamuuf tarsiimoon baafatan biyyoota hiyyeeyyii akka Xoobbiyaa dhiisii kanneen humna fooyya’aa qabanuu nagaa dhabsiisa.

Biyyoota nagaa dhabsiisuu bira taree hanga diiguutti akka deemu ragaaleen dhugaadhan lafarra jiran, qabatamaan lakkaawaman ni jiru.

Biyyoonni humna qaban kunniin keessattuu biyyoota akka Xoobbiyaa qabeenya qofaaf osoo hintaane faayidaa tarsiimootiif waan barbaadaniif of harkatti galfachuuf, irratti ajajuuf walmorkii guddaa taasisu.

Kan humna qabu dhaaneet boo’icha nama dhorga jedhu maanguddooti keenya. Biyyoonni humna qaban kunniin biyyootii faayidaasaanitiif barbaadan of jala oolchuu yaalanii yoo milkaa’uu baatan ibidda itti qabsiisu.

Kanas fakkeenyaan ilaaluun ni danda’ama.  Somaaliyaan asuma ollaa keenyatti argamti. Waggaa soddomaa oliif mootummaa jiddugaleessaa dhabdee bakkawwan adda addaatti qoodamtee jirti. Tokkummaafi nagaa biyyattii kan dhabsiise fedhiin biyya humna qabanii waan milkaa’uu dadhabeefi. Ameerikaan qabattee of jalatti to’annoon bulchuuf yaaltee waan hinmilkaa’iniif kallattiifi al kallattiin akka diigamtu gooteetti.

Yamanis  ollaa keenya ta’uu baattus asuma nutti dhihootti argamti. Biyyi tun bara waraana diilallaa’aa (cold war) sana sababa fedhiifi falaasama siyaasaa biyyoota Bahaafi Lixaatiin  akkuma Jarman bakkawwan lamatti qoodamtee Yaman Kaabaafi Yaman- Lixaa  jedhamtee ummanni biyyi tokkoo waggaa dheeraaf gargar jiraate.  

Xumura waraana diilallaa’aarratti mooraan warra bahaa waan dadhabeeeef ummatoonni lamaan walitti makamanillee bulee bubbulee rakkoon biraa  waggoota muraasaa as biyyattii raasaa jira.

Rakkoo keessoo biyyattiitti qaamni alaa harka naqatee biyyattii daaraa botoroo taasisaa jira. Rakkoo kana keessa harki biyyoota ollaafi fagoo ni jira. Sababa kanaan walwaraansi biyyattii keessa jiru lammii biyyatiif dhibee hamaa taeera. Sababa fedii alaatiif lammiin biyyattii bakkawwan lamatti qoodamee eddii waltumuu eegalee waggoonni lakkaawamaniiru.

Fakkeenya biraa Sooriyaa ilaaluun ni danda’ama. Sooriyaa keessatti Ameerikaafi Ruusiyaatu al kallattiin wallolaa jira.  Biyyoonni lamaanuu murnoota adda addaa deeggaru. Sababa kanaan erga Sooriyyaarraa nageeny fagaatee bubbuleera.

Asuma Afrikaa keessatti wanta Liibiyaatti ta’e hubachuun gaariidha. Gaadaafiin maaliif jibbame? Maaliif aangoorraa hari’atame?

Gaadaafiin hogganaa abbaa irree ta’uunsaa beekamullee waan fedhii ummata Liibiyaa guutuu dideef osoo hinta’in fedhii Ameerikaafi Biyyoota Lixaa waan guutuu dideefi ykn waan fudhachuu dideefi, kan itti duulame.  Sababa kanaan Liibiyaa biyyi bareedduun sun diigamtee murnoonni biyyoota adda addaatiin deeggaraman keessatti waltumaa jiru. Ummanni biyyattiimmoo nagaan irraa fagaatee rakkootti gale.

Afgaanistaan waggoota 20f Ameerikaadhaan bulaa turtee jechuun ni danda’ama. Ameerikaan murna tokko deeggaraa kan biraa rukutaa turte. Yeroo kana keessatti qabeenyaa biyyattii guddaa akka saamamte himama.

Miidiyaan warra dhihaa garuu kan dubbatu dhimma saamichaa, jireenya hawaasaa diigame, lubbuu namaa tare osoo hintaane maallaqa doolaara tiriliyoonaan lakkaawamu kan Ameerikaan baste qofa.

Fakkeenyoota kanneen hunda waa malee hinkaasne.  Nageenyi biyya tokkoo akkamitti boora’uu akka danda’u, akkamitti biyyi balaa waraanaatiif akka saaxilamtu mul’isuuf ni gargaara yaa jedhuuni.

Akkuma waliigalaatti  dhimma biyya tokkoo keessa qaamni alaa yoo harka keessa galfate akka laayyootti akka hinxumuramne Somaaliyaa,  Yaman, Sooriyaa, Liibiyaa, Afagaanistaaniifi kkf irraa hubachuun ni danda’ama. Kunimmoo akka gara biyya keenyahindhufne maaltu ta’uu qaba kan jedhu mootummaan, hayyuuleen biyyattii,  beektonni siyaasaa akkasumas qaamni dhimmi kun na ilaallata jedhu marti  itti yaaduu qabu.

Akka ilaalcha kootti keessoon ofii ilaaluun, rakkoo keessoo ofii karaa nagayaa hiikuun, biyyoota fedhiisaanii qofarratti hundaa’ani biyyoota biroo diiganiif ulaa saaquu dhiisuu qofatu mala. 

Yoo keessoon ofii nagaa qabaate dhiibbaa warra alaa ofirraa ittisuun ni danda’ama. Kanaaf ammas, fedhiiwwan biyyoota alaatiif osoo hintaane fedhii ummata biyya ofiif abboomamuun tokkummaa ofii cimsuun gaarii ta’a. Yoo kana ta’e qofa biyyi nagaa kan argattu.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You