Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Addunyaafi Afrikaaf qophiirraati argamti

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Bu’uura ispoortii kubbaa miilaa Afrikaa kan ta’e walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan yeroo san koree kubbaa miilaa Afrikaa, wayita ammaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa jedhamuun beekamu kan jalqabame magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuumitti.

Walmorkiin kun yeroo jalqabaaf kan adeemsifame biyyoota sadii jechuun  Itoophiyaa, Misirifi Sudaan jidduutti Waxabajii 18 bara 1957 ture. Yeroo sana biyyoonni Afrikaa hedduun kolonii jala waan turanf walmorkichi biyyoota sadii jidduutti adeemsifame.

Haata’u malee suta suta biyyoonni Afrikaa hundi bilisa waan ba’aniif yeroo ammaa biyyoota Afrikaa 54nu miseensa konfedereeshinichaa ta’uudhaan walmorkicharratti  hirmaachaa jiru. Walmorkiin kun erga jalqabamee  waggoota 64 lakobsiseera. Waggoota kanneen keessatti osoo addaan hincitin biyyoota miseensota konfedereeshinichaa ta’an gidduutti yeroo 32f adeemsifameera.

ALA Amajii 9 hanga Guraandhala 6 bara 2022 yeroo 33faf magaalaa guddoo   Kaameeruun Yaawundeetti adeemsifamurratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa qophiirratti argamu.

Biyyoonni Afrikaa 48   ramaddii 12tti qodamuudhaan walmorkii gulaala  duraa godhachuudhaan walfalmaa kan turan yoo ta’u, 24  kufanii  24 immoo darbuudhaan gara Kaameerun deemuuf shaakala isaanii jalqabaniiru.

Haaluma kanaan biyyoonni tapha waancaaf darban ramaddii isaanii beekuuf Kibxata darbe Waajira Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaa Kaayirootti argamu dhaquudhaan carraa baasaniiru.

Akkaataa carraa ba’eetti Itoophiyaan ramaddii tokkoffaa keessatti qopheesituu waancaa Kaameeruun, Burkiinaa Faasoofi Keepvardee wajiin ramaddamteetti.

Pireeidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Issayyaas Jiraafi leenjisaan garee kubbaa miilaa Waaliyaa Obbo Wubatuu Abaataa sirna carraa baasurratti argamaniiru.

Biyyoonni Itoophiyaa wajjin ramaddaman kunneen keesumaa Kaameerun waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana yeroo shaniif  shaampiyoonaa ta’uun ishee ni yaadatama. Burkiinaa Faasoonis gamasheetiin yeroo ammaa biyyoota kubbaa miilaa Afrikaa guddinarratti argaman keessaa tokka ta’uusheetin walqabatee walmorkichi Itoophiyaatti ulfaachuu ni danda’a jedhameera.

Akkasumas ramaddii lamaffaa keessatti kan argaman Seeneegaal, Zaambiyaa, Giiniifi Maalii, ramaddii sadaffaa keessatti Morookoo, Gaanaa, Komoorosiifi Gaabon, arfaffaa keessatti Naayjeeriyaa, Misir, Sudaaniifi Giinii Bisaawu, shanaffaa keessatti Aljeeriyaa, Seeraaliyoon, Ikuwaatoriyaal Giiniifi Kotdivaar, jahaffaa keessatti ammoo Tuuniziyaa, Maalii, Mooritaaniyaafi  Gaambiyaa ta’uun beekameera.

Karaa gara biraatiin ammoo Waancaa kubbaa Miilaa Addunyaa 22fa ALA bara 2022 Kuwaataaritti adeemsifamuuf Itoophiyaan ramaddii 7fa keessatti Gaanaa, Zaambiyaafi Afrikaa Kibbaa wajiin ramadamuun ishee beekameera.

Haaluma kanaan Waaliyaan tapha gulaalaa duraa ALA Fulbaana 1-4 Gaanaa wajiin, Fulbaana 5-8 Zaambiyaa wajjin, Onkololeessa 6-9 ammoo Afrikaa Kibbaa wajjin akka taphattu sagantaan Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa baase ni mul’isa.

Qophii kanaafis taphatoota 25 of keessaa kan qabu gareen Waaliyaa magaalaa Adaamatti imaluudhaan shaakala jalqabusaa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa mul’iseera.

Obbo  Wubatu Abaataa qophii kanaaf taphatoota pirofeeshinaalotaaf kanneen kilaboota liigii pirii meerii Itoophiyaarraa walitti qabuun leenjisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You