Waaqshuum Fiqaaduutiin
Finfinnee: Ilmaan Oromoo beekaniis ta’e osoo hinbeekin gantummaan garee shororkeessaa ABUT wajjin biyya diiguurratti hirmaatan yoo qabsoo karaa nagaatti deebi’uu fedhan karri mootummaa banaa ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa, Obbo Geetaachoo Baalchaa beeksisan.
Hoggantichi, ibsa dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin, wayita Oromoon qabsoo hadhaawaa taasiseen wiirtuu siyaasaafi dinagdee qabatee biyya gaggeessaa jiru kanatti ilmaan Oromoo beekaniis ta’e osoo hinbeekiin maqaa shororkeessaa ABO Shaneetiin garee shororkeessaa ABUT wajjin michooma uumanii biyya diiguuf addatti ammoo qabsoo Oromoo laamshessuuf carraaqaa jiran dogoggora seenaa ta’uu hubachuun gara qabsoo nagaatti deebi’uu qabu jedhan.
Akkuma namuu beeku shororkeessaa ABUT dhaaba kaleessa ilmaan Oromoo hedduu ilaalcha siyaasaasaa qofaan ajjeese, hidhee, daraareefi biyyaa baase waliin Oromoo harkatti biyya diiguuf hiriiruun seenaa keessatti qalama gurraachaan yaadatamuudha kan jedhan Obbo Geetaachoon, gaaffii Oromoo karaa guutuun deebisuuf akka ta’utti yoo fedhan mootummaa Oromoon hogganamu kana cina hiriiruun yookiin ammoo dhimma Oromoorratti qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf mirgi guutuun akka jiru yaadachiisaniiru.
Osoo Oromoo maqaa dha’atanii hidhannoodhaan qabsaa’uun milkaa’ina qabaatee silaa kaleessa ture kan jedhan hoggantichi, har’a deebii siyaasaa wareegama ilmaan Oromoo kumaatamaatiin dhufe of harkaa baasuuf walirratti qabsaa’uun yoo Oromoo garbummaatti deebisuuf ta’e malee haaluma qabatamaa addunyaa si’anaatiinuu qabsoon hidhannoo hiikkoo dhabaa dhufuu hubachiisaniiru.
Shororkeessaa ABUT dhaaba Oromoo saba guddaa cabsuun eenyummaasaatti akka qaana’uu taasisee keessummaa Finfinneetti lafa Oromoo saamuun qonnaan bultoota Oromoo daandiirratti gate ta’uu kan eeran Obbo Geetaachoon, yeroo ammaa garuu mootummaa aadaa, afaanii, eenyummaafi abbaa qabeenyummaa Oromoo hundeedhaan lafa qabsiisuuf lafa qonnaan bultootaa seeraan ala saamamee deebisuun waraqaa abbaa qabeenyummaa kennuusaafi dargaggootni Oromoos Finfinneerraa fayyadamoo akka ta’an hojii bal’aa hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.
Finfinneerratti qonnaan bultoota Oromoo gara investimentiitti akka ce’aniif hojii guddaan raawwatamus gaaffiin Oromoo guutummaa guututti deebi’eera jechuuf wanti hafu yoo jiraatellee qajeelfama mootummaan amma diriirseen dhawaataaan guutummaatti akka deebi’uu shakkiin hinjiru jedhanii, ta’us gaaffii Oromoo karaa guutuun deebisuuf tumsi hundaafi walhubatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013