Gocha shororkeessummaa Shanee saaxiluu

 “Miidhaa kan narraan ga’e qaama hidhatee caakka jiru ABO Shanee jedhamu. Guyyaa inni miidhaan narraan ga’e Sadaasa 14, galgala keessaa naannawa sa’aatii 1:15tti mana koo balbala cabsanii ol galan.

Namoonni sadii hidhannoo guutuu qabu, billaas ni baatu. Kaan immoo dargaggoota. Bakkan mucaa baadhee taa’utti gajara /billaa narratti gadhiisan. Maatiin ni iyye. Du’eera jedhanii xarapheezaa narra naqanii sokkan. Haati warraa koo iyyaa ollaa dhaqxe.

Ollaan birmatee, namni na baatee mana yaalaa na geesse. Bakki miidhaan narra ga’e tokko adda koo kana. Yaalii naa geggeeffameen, iji koo kun keessisaa, hiddi sammuufi ija walquunnamsiisu citeera naan jedha.

Iji koo mirgaa guutummaatti hojiidha ala ta’eera. Lafeen adda koo irra jiru tokkos citee ture naan jedhan. Isa booda sarjariidhaan naa sirreessan. Deebi’ee harki koo (bitaa) kun buqqa’aadha. Danda’ee ol hinqabu.”

  • Lammeessa Tarrafaa, Jiraata Ganda Y/Walal (Wallaga), miidhamaa qaamaa

“Jalqaba lakkoofsa saddeet na hidhan. Miila koo achii ol deebisanii harkaan walitti na hidhan. Ibiddatti gadi na harkisanii mataa koo dullaadhaan dha’an. Dhiigni narra xuruure. Ibiddi gaafa shurraaba uffadhee jiruun walqabatu, laphee koo na fixe. Ibiddicha keessaa gaafa na gara galchan, miila isa bitaa kana fuudhanii abidda giimii keessa ka’an.

  • Abbaa maatii ijasaa dhabe

***********

Toofiq Nuuraddin jedhama, jiraataa Aanaa Begiiti (Wallagga), gochaa Shaneen isa irratti raawwate akkas jedhee nuti hime.

“Lakkoofsa saddeet na hidhanii halkan sa’aatii 5:00 hanga sa’aatii 12:00tti bosona keessa of bira na tursan. Isa booda fuudhanii moora jaraatti na geessan, kaaboo miilaafi harkatti na kaa’anii na reeban. ‘Lakkisaa ani dafqeen bulaa’ jedhee kadhadhe.

Didanii na reeban. Isa booda na fannisan. Akkan hidhametti bakka fannisanii ba buusanii, ibidaa bob’aa jirurrati jaarkaanii Zayitii baqsaa duddaafi harka kootti naquu jalqaban. Duddi koo amma goda ga’utti homtu na hinhafne. Akkanatti na olchaani ammas guyyaa lammattaa, kana hunda hidhaattan jira. Na waamanii ‘hin amantuu basaastu ta’uu kee?’ naan jedhan. ‘Na ajjeesaa malee waanan hintaane akkamiinan amanan’ jedheen.”

Maddi: Miidiyaalee adda addaa

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You