–Murnichi juntaa wajjin hariiroo ummachuun abdii kutachuusaa agarsiisa jedhame
Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Shororkeessaa ABO shanee hariiroo waliin hojjechuu tibbana juuntaa waliin raawwate hordofee “ergamtuu juuntaa hintaanu jechuun” qoqqoodamiinsi gidduusaaniitti uumameen Mogor keessatti walgalaafachaa jiraachuu Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ibse.
Waajjira paartiichaa damee Oromiyaatti Ittigaafatamaa Ittaanaan sabquunnamtii Obbo Haayiluu Addunyaa ibsa gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, shaneen akkuma duraanii juuntaaf ergamuun qabsoo Oromoo quucarsuuf bosonatti galee walgalaafachaa jira. Qoqqoodiinsa gidduusaaniitti uumameen lubbuun namoota 11 galaafatamuu odeeffannoon isaan gidduuti miliqee ba’e mul’iseera.
Shaneen juuntaaf ergamuun qabsoo Oromoo akka ija hingodhanne bacancarsuun biyya diiguuf hariiroo uumanii erga waliin hojjechuu eegalanii kan bubbule ta’uu eeranii, sochinsaanii hanga amma agarsiiftuun garagaraan mul’ataa turufi waggoottan 27 darban keessatti hoggansi murna ABO shaneen caasaa tika juuntaan to’atamaa waan tureef yeroo adda addaatti hayyuu, barataafi artistoota Oromoo qaalii fincila diddaa agarsiisan ajjeechaafi gidiraa juuntaaf dabrsee kennaa ture jedhaniiru.
Miseensi humna tikaa farra shororkeessaa juuntaa kan ta’e Obbo Girmaa Xurunaa ABO shanee waliin ta’uun bara 2007 artistoota Oromoo bebbekamoo 27 ABO jalatti isin gurmeessa jechuun alabaa itti laatee juuntaatti dabarsee laachuun qabsoo Oromoo ajjeesaa turuu ibsu.
Haala walfakkaatuun murnichi jijjiirama booda wayita biyyatti deebi’e Obbo Sibahaat Naggaatiin simatamuufi Obbo Girmaa Xurunaa akka hiikamuuf gaafachaa turuun ABO shanee fira Oromoo fakkaachaa ergamaa juuntaa raawwachaa kan ture ta’uu kan agarsiisuu ta’u dubbatu.
Shaneen risaan fira fakkaattee simbira nyaattuudha kan jedhan Obbo Haayiluun miira ergamtummaa uffachuun qabsaa’aa Oromoo fakkaatanii bosonatti deebi’uun Oromoo qe’eerraa buqqisuufi ajjeesuun juuntaa afaan Oromoo dubbatu ta’ee argamuusaa kaasu.
Qabeenya qonnaan bulaa Oromoo mancaasuufi nagaan akka hinomishine bobba’uun ergama maxxantummaa raawwachuun daladaltoota seeraan alaa hidhata juuntaa qaban dabalatee qaala’iinsi akka babal’atuuf waraana dinagdee geggessuuf socho’aa akka jiran hubatamuusaas ni ibsu.
Wayita biyyi diina biyya keessaafi alaa biyya bittinneessuuf socho’aa jirutti qaamin dinagdee dadhabsiisuuf yaalu kamiyyuu juuntaarraa adda akka hinbaane hubatamee tarkaanfiin irratti akka fudhatamu himanii, duula olaantummaa seeraa kabachiisuu kaabatti eegalame xumuruun gochi maxxantummaa ABO shanee waliin xumura argatas jedhaniiru.
Gama biraatiin Ogeessi Seeraa Obbo Gizaawu Kabbadaa hariiroo waliin hojjechuu shororkeessaa ABO Shaneefi ABUT ilaalchisuun gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, shororkeessaa shaneen abdii kutachuusaa akka agarsiisu himu.
“Juuntaan ergamtuufi daladaltuu siyaasaati malee biyyaafi sabaaf kana qabsaa’u miti. Biyya diiguu irratti bobba’uun gocha badii kaleessa raawwachaa ture jalaa miliquuf olaantummaan seeraa akka hin kabajamneef ABO shanee meeshaa godhatee socho’uuf haala mijeeffateera. Waraana raayyaa ittisa biyyaa irratti banuun, daa’imman lolatti bobbaasuun, Maayikaadiraatti ajjeechaa jumlaa raawwachuun daangaasaa lolaan babbal’ifatee siyaasa bu’aa warra Itoophiyaa saamanii eegisisuuf wiixifata” jedhu.
Akka ibsa ogeessa seeraa kanatti, ABO shaneen ummanni Oromoo gochaasaa ilaalee waan ofitti fudhachuu dideef abdii dhabe juuntaatti maxxane.
Lamaanuu ergamni Itoophiyaa diiguu waan qabaniif amala wal isaan fakkeessu qabaachuu kaasanii, biyyoonnifi hawaasni addunyaa gochaa suukanneessaa juuntaan raawwataaa jiru utuu dhaga’anii balaaleffachuu dhiisuunsaanii ammoo bu’aa siyaasaa juuntaan irraan argatan giddugaleeffachuu isaanii agarsiisa jedhu.
Waggoottan 27n darban shira biyya diiguu juuntaan raawwatameef wayita ammaa raawwatamaa jiru walbira qabuun imbaasiwwan Itoophiyaa lammiilee biyya alaa jiran waliin ta’uun hojii dippilomaasii guddaa hojjechuun olola sobaa biyya diiguuf geggeffamaa jiru qolachuu akka qabaniifi miidiyaan biyya keessaammoo dhalattoota Tigraayi kanneen Itoophiyaa diigamuu hindeggerre hojii juuntaa saaxiluu akka hojjetan daddamqsuu akka qaban dhaamu.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013