Alergii bu’aalee paarkiiwwan indastiriirraa galiin doolaarri miliyoonni 247 ol argame

 Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Alergii omishaalee paarkiiwwan indastiriirraa galiin doolaara miliyoona 247.9 argamuu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indastirii Itoophiyaa beeksise.

Itti gaafatamaa Waajjira Daarektaraa Obbo Addisuu Maammoo raawwii waajjirichaa ilaalchisuun ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, alergii omishaaleerraa galiin doolaara miliyoona 247.9 kan argame yoo ta’u, galiin argame mudannoo ture waliin yoo madaalamu olaanaadha.

Barri hojii 2013 tatamsa’ina vaayirasii koronaan walqabatee raafamni dinagdeefi hawaasummaa mudachaa turuu himanii, qormaaticha dandamachuun galiin damecharraa argame jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Tatamsa’ina koronaan galiin damicharraa argamu akka gadi hinbuuneef omishaalee farra koronaa dabalataan biyya keessatti omishuun baasii hinmallee qarshii doolaara miliyoona 66 baraaramuu danda’ameera kan jedhan Obbo Addisuun, korporeeshinichi bara bajataa 2013 keessa namoota kuma 85 oliif carraan hojii kan uume yoo ta’u, isaan keessaa kumni 17 ol hojjettoota teeknikaafi bulchiinsaati jedhaniiru.

Korporeeshinichi damee alergiirraa galii argamu guddisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himanii, bara bajataa 2014ttis misooma damicha babal’isuun namoota kuma 74f carraa hojii uumuuf kutannoon hojjechaa jira. Kanamalees hojjettoota paarkichaa kuma sadiifi 400f mana jireenyaa ijaaruuf kaayyeffatee hojiitti seenuusaa dubbataniiru.

Korporeeshinichi bara bajataa 2014tti galii doolaara miliyoona 139 argachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu himanii, hudhaalee hojiilee damichaatti hudhaa ta’an furuufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You