Mariin gumii Balal qopheessummaa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatiin dhimmoota adda addaatiin adeemsifamaa jiru Sanbata darbes marsaa 10faf mataduree “Adeemsa birmadummaa biyyaa eegsisuu keessatti gumaacha Oromoo” jedhuun geggeeffameera.
Yaada ka’umsaa marichaa kan dhiyeessan hayyuu seenaa Obbo Taabor Waamiiti. Hayyichi gahee Oromoon biyya keenya ijaaruu keessatti qabuufi biyya ofii ijaare kana akkamiin ceesisuu danda’a? jedhurratti gadi fageenyaan barsiisanii erga hubachiisanii booda hirmaattonni yaada hedduu gumaachaan.
Yaadolee ka’an keessaa:
Oromoon Itoophiyaadha, Itoophiyaanuu Oromoodha. Kanammoo seenaan akka seenaa Adwaafi kanneen biroo hedduun ragaadha.
Hojii dippilomaasiifi nagaa buusuu keessatti Abbaan jifaar seenaa guddaa hojjetan. Hojiinsaanii hanga ammaatti Dippilomaasii fi nageenya biyya keenyaatiif bu’uura guddaadha. Akka itti Oromoon birmadummaa biyya Itoophiyaa tikse jechuudhaan.
Akka sabaatti birmadummaa ofii tikfachuudhaan (Sirna Gadaa, aadaa, afaan tiksuudhaan, mirga namoota hundaa jaarsarraa kaasee hanga ulfa garaa keessaa (kan garaatti baatamtee jirtuu) ykn Universal Rights, eeguudhaani.
Yoo maqaa dabsan obsuufi garaa baldhachuudhaan (maqaa seenaa, maqaa namaa, maqaa lafaa), seenaa waraanaafi Afoolaan tiksuudhaan. (Daa’imummaarraa kaasee akkaataa bulchiinsaa ykn ‘Leadership’ barsiisaa ijoollee guddisuu dhaan.
Kunimmoo birmadummaa yaadaati. Birmadummaa biyyaa kan eegsisuu danda’u hiikaa birmadummaa hubatee kan guddate qofa. Kan jedhu yaada hirmaattotaa keessaa isa muraasa yoo ta’u, waan Oromoon sirreeffachuu qabu jedhanii akka dhaamsatti kan dabarsan keessaas, nama cimaa keenya ormaaf kennuu dhiisuu, Oromoon waantoa guguddoodhaan mo’ee, waantota xixiqqoodhaan mo’ama, kan walaloo barreessu Oromoodha, kan sirbamuuf orma (kan seenaa fudhatuufi ittiin beekamu). Du’aafi rakkoolee guguddoo fudhachuuf mataa taanee gurra wareegama keenyaan dhufe kaaniif kennina, kan ajjeesu nu’i , mirga fudhatee kan ittiin geeraru kan biraati. Barsiifanni akkanaa sirraa’uu qaba jedhan.
Dhumarrattis Hayyuu seenaa Doktar Dachaasaa Abbabee (Yunivarsitii Finfinneerraa) yaadota dhiyaatan walitti qabuudhaan seenaa hayyoonni, gootonni, abbootiin keenya qabsoo kallattiifi karaa afoolaafi aadaa tiksuutiin asiin gahan barreessinee kaa’uufi dhaloota barsiisuudhaan itti fufsiisuu qabna jechuudhaan guduunfan.
Maddi: WPO
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013