Waasihun Takileetiin
Har’a jaarraa 21fa keessa jirra, ilaalcha dulloomaa impaayerri Itoophiyaa dulloomtuu kaleessa ittiin ijaaramteen Itoophiyaa har’aa madaaluun dandahama jedhanii yaaduun fafummaadha.
Saba mitiitii namni dhuunfaan, bineensi daggalaafi uumamni lafaa marti bilisummaa dhuunfaa,walabummaa ofii qabaachuu fedha. Kun ta’us akka kaleessaa ilaalcha ofii namatti fe’uun miira natu sii beekaa calaqqisiisuunis ta’e hannaafi saamicha baraniin qe’eefi qabeenya lammiilee golgoleessuun dinagdeedhaan of ijaaruuf akkasumas siyaasaan caalanii argamuuf wixxiffannaan taasifamu fagoo nama hindeemsisu.
Dhaloonni si’anaa murna walabummaafi mirga bilisummaasaatti bu’uuf ka’eef akka kaleessaa gadi jedhee harqoota gabrummaa baatee kan socho’u waan hintaaneef miira walqixxummaatti amanuun dirqama osoo hadhaahuu liqimfamuu qabuudha.
Waytii kanatti ilaalcha dulloomaafi boodatti hafaa barnoota ammayyaan hinijaaramneen Itoophiyaa kaleessaa faarsuunis garba daakuu ta’uun alatti fagoo nama hindeemsisu.
Sirni kamuu yoo dhalate ilaalcha kaleessaan Itoophiyaa hoogganuunis ta’e Itoophiyaanummaa kijibaa faarsuun rakkoo nageenyaafi diddaa cunqursaa uumuun ala bu’aa inni tokkummaa biyyaatiif buusu hinjiru.
Itoophiyaan ilaalcha dulloomaa kaleessaa keessaa baatee dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan imala qajeelaarra akka hindeemne ilaalchonni dukkanaahoofi fafa ta’an yeroorraa yerootti dhalachaa jiru.
Dubbistootaa barreeffama keenya har’aa kana keessatti Itoophiyaan gara fuulduraatti akka hintarkaanfanne hudhaa, rakkoon nageenyaa akka hammaatu sababa kan ta’e maali isa jedhuuf kutaan qophii Gaazexaa Bariisaa keessummaa tokko qabatee isiniif dhiyaateera.
Keessummaan keenya dhimma kanarratti turtii nuwaliin taasisan Jaarsa Araaraafi Nageenyaa Itoophiyaa akkasumas Ogeessa Seeraa Obbo Abbabiyyaa Abbaajoobir yoo ta’an, gaafdeebii isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir eenyu?
Obbo Abbaa Biyyaa: Maqaan koo akkuma atuu eerte Abbaa Biyyaa Abbaa Joobiri. Ani dhaloota 4fa Abbaa Jifaari. Dachee Shanan Gibeetu nabiqilche. Abbaa Jifaar Abaabayyuu kiyya. Yoo naa tarreessi jettes; Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir, Abbaa Duulaa Abbaa Jifaari yoo feete hanga mana soddomaattuu waama.
Bariisaa: Warraaqsa qabsoo bilisummaa Oromoos sochoosaa turtaniirtuutii kana akkamitti ibsitu mee?
Obbo Abbaa Biyyaa: Hundeeffama Waldaa Maccaafi Tuulummaa sababa godhachuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsaa turreerra; qeerrummaa hanga ga’eessummaatti.
Biyya keessaafi alatti, kaayyoon qabsoo keenya yerosii mirgi walqixxummaa akka jiraatu, hirkattummaafi saamtummaan akka hafuuf ture. Oromummaan akka lalisuufi miirri namaallee olaantumma saba tokkoo mul’ataa ture akka maseenuuf hojjetaa turre.
Bariisaa: Obbo Abbaa Biyyaa waggoota 10 oliif hidhamtaniittu. Eenyutu isin hidhe, maaliif?
Obbo Abbaa Biyyaa: Mootummaa Dargiitu nahidhe. Innis sochii maqaa Waldaa Maccaaf Tuulamaatiin qabsoo ABO finiinsuuf hojjetaa turre sababa godhachuuni. Waggoota 10f hidhameen akkuma sirni abbaa irree kufeen hiikamee biyyaa bahe.
Bariisaa: Erga biyyaa bayyaa baatanii Wayita qabsoofi quuqama Oromummaa ganama guduunfattanii kaatan akkam gootan?
Obbo Abbaa Biyyaa: Imaanaan qabsoo fudhanne Oromoofi Oromummaa dhokatee ture gadi baasu walqixxummaan sabaa akka kabajamu taasisuu waan tureef hojii dhuunfaa hojjedhu cinatti akkuma jaalleewankoo biroo Oromummaa labsaa beeksisaan ture.
Bariisaa: Oromummaan beekamtii hinqabu turee?
Obbo Abbaa Biyyaa: Bara Minilik eenyummaan Oromoon dhokatee ture. Sabichi ajjeefamaafi gurguramaa ture. Bara Hayilasillaasee lafa dabalatee qabeenyasaarratti abbummaa dhabee maqaa ‘ciisanyaa’ jedhamu itti moggaasuun saamamaa ture.
Oromoonis ta’e Oromummaan murnoota kanaan ukkaafamaa awwaalamaa ture. Erga Dargiin dhufee Oromoon hamma tokko lafasaatti akka deebi’u ta’e.
Bariisaa: Oromoonis ta’e sabaafi sablammoonni kaan jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ukkaamsaa jala turaniiru. Duubattan isin deebisaatii ogummaanis ija siyaasaan uumamni impaayera Itoophiyaa kaleessaa maal fakkaattuuyyu nuu ibsaamee?
Obbo Abbaa Biyyaa: Uumama impaayera Itoophiyaa wayita jettee nagaafattu waan tokkon yaadadhe. Abaabayyuun kiyya Abbaan Jifaar Abbaa Gomol dimokraasiitti amanu turan. Yeroo tokko Minilikiin akkas jedhaniin jedhama.
“Impaayera Itoophiyaa isin humnaan ijaartan kun fedhiirratti kan hundaahe waan hintaneef gaaf tokko diigama. Impaayera hindiigamne ijaaruuf jaalalatu furmaata”.
Wayita Minilikiifi haati warraasaanii yaada kana hojiitti jijjiiruuf yaalan adeemsichi sirrii ta’uu hubatanii deemsa keessa shakkii aangoo nan dhaalama jedhu waan qabaataniif yaadicha madditti dhiisanii karaa biraa qabatan.
Bariisaa: Itoophiyaan har’a jaarraa 21fa kana keessa wayita ilaalamtu kan darberraa jijjiiramoonni ashuu, nama jechisiisan ni mul’atu. Ta’us rakkoon nageenyaa yeroorraa yerootti hammaachaa jiraatii maddisaa maali jettu?
Obbo Abbaa Biyyaa: Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa gola Itoophiyaanotaa goolaa jiruuf sababoonni jiraniifi furamuu qaban sadii.
– Inni jalqabaa murni walqixxummaatti hinamanneefi Itoophiyaaf natu beeka jedhu jiraachuusaati. Murni kun akkuma abbootiisaa kaleessaa ilaalcha boodatti hafaafi barnoota ammayyaan hinijaaramneen Itoophiyaa bocuu barbaada sun siyaasa gabaa keessaa baheedha.
Ilaalchi akkasii daranyoo balaafamaa yeroo gabaabaafi kutannoo siyaasaatiin biyyattii keessaa buqqa’uu maluudha. Ilaalcha dulloomaa kaleessaa sabaafi sablammiin ittiin dhiitamaa turaniin impaayera Itoophiyaa eenyummaa sabootaa baqqisuun humnaan ijaaramte deebisuuf kan gururi’uudha.
Ilaalchi akkasii walqixxummaa kan faallessu olaantummaan saba tokkoo akka daraaru kan fedhu waan ta’eef kichuudhumatti buqqa’uu mala.
Ilaalchi durii sun har’umallee dhukkuba ta’ee gola sabaaf sablammiilee kan diige, walitti bu’insa sabootaa hammeessaa kan jiru waan ta’eef xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu mala.
Hudhaa lammaffaan yeroo ammaa Itoophiyaa goolaa jiru walqixxummaa amantiitti amanuu dhabuudha. Kootu kee caalaa, ana malee kankee fudhatama hinqabu miira jedhuudha. Biyya sabaafi sablammiin 83 qabdutti amantiiwwan gara garaa jiraachuu akka malu beekuu dhabuun mataansaa ofittummaadha.
Amantii walii kabajuu dhabuu kan islaamni qale, kan kiristaanni qale akkaa jenne walqooduun jira. Ilaalchi akkasii rakkoo ofii uummanne malee Wangeellis ta’e Quraanni nun foone. Uumamni marti kan Rabbi tokkichaa ta’uu beekuun miira obbolummaatiin waliin jiraachuun barbaachisaadha.
Dhukkubni sadaffaan Itoophiyaa ammaan tana goolaa jiru dinagdeedhaan walmadaaluu dhabuudha. Itoophiyaa keessatti fakkeenyumaaf Finfinnee keessatti namoonni tokko tokko gamoo abbaa darbii kudhanii iddoowwan gara garaarraa qabu. Kaanimmoo mana dhabee laastikii uffatee gamoo abbaa qabeenyaa jala rafa.
Addunyaa tokko keessatti jireenya garagraa jiraachuutu calaqqisa. Kaan dhama’ee of jijjiiruuf kufee ka’a, kaanimmoo hatee ykn saamee halkan tokkotti dureessa gameessa taa’eera.
Inni kun sakatta’amuu qaba. Akkuma kan hojjetee jijjiirame jiru kaanimmoo saamee qe’ee lammiilee golgoleessee sagaleessaa dhokfatee lafa jalaan shiraa xaxaa jiran irratti dammaquun barbaachisaadha.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiin qe’eefi qabeenyasaatti kabajamee jiraatu mirgisaa kabajameefii socho’u malee gola hattuun itti duroomtu, abbaan qe’ee salphatee waardiyyaa itti ta’u taatee argamuun fafummaa waan ta’eef hafuu qaba.
Bariisaa: Erga biyyaa baatanii Oromummaa barsiisuufi beeksisuun ala maal hojjetaa turtan?
Obbo Abbaa Biyyaa: Qabsoo Oromummaa gatii itti kaffalaa ture sana mootota Arabaa biratti beeksisuuf hojiilee gara garaa hojjedheen jijjiiramoonni Oromoof beekamtii kennan galmaahaniiru, qabsoon keenya akka milkaahu karaa nuu mucuceessaa turaniiru.
Innuu sheekota waliin ta’uun Oromoofi Oromummaan maali isa jedhurratti hojii boonsaa hojjedheera. Kanamalees Misir biyyoota Afrikaa gara garaatti Oromummaan beekamtiifi deeggarsa akka argattu hojjedheera. Ameerikaattis Waashingitanitti Dhimma Haajaa Alaa ABO ta’ee tajaajileera.
Bariisaa: Wayita Waashingitan turtanitti hojii abukaatummaan tajaajilaa akka turtan himama dhugaadhaa? Waa’ee qophiin barnootaa keessanis otoo nutti himtanii?
Obbo Abbaa Biyyaa: Ani Yunivarsiitii Qadaamaawwii Hayilasillaasee (Yunivarsitii Finfinnee har’aa)tti seeraan digrii jalqabaatiin eebbifameera.
Ergan gara Waashingitan deemeeyis digrii lammaffaakoo seeraan baradheera. Sana booda ergama siyaasaa ABOn naa kenne, cinaatti Abukaatummaan hojjechaan ture.
Bariisaa: Namoota sababa Osaamaa Billaadaniin hidhamaniif abukaatummaan falmaa akka turtan himamaatii kun hammam dhugaadha?
Obbo Abbaa Biyyaa: Dhugaadha. Yeroo Osaamaan Ameerikaatti balaa qaqqabsiise sanatti shakkii uumameen Musliimonni hedduu hidhamaa turaniiru.
Wayita sanatti abukaatoo ta’een namoota seraan ala hidhaman akka bilisa bahan taasiseera. Gama kanaan hojiin hojjedhe olaanaadha, akka Oromoo tokkootti ittan boona.
Bariisaa: Gara biyyaattan isin deebisaatii, gara hojii jaarsummaa araaraafi nageenyaatti kanatti akka fuulleffattan maaltu isin taasise?
Obbo Abbaa Biyyaa: Yerooniiti fiiganii qabsaa’an dhumeera. Amma hojii jaarsummaan hojjetaa jira. Jaarsummaa Rabbitu jaalata. Jarsummaan araaraafi nageenyaa amma biyya keessatti itti hojjetaa jirru alatti kan hundaa’eedha.
Harki eenyuuyyuu kan keessa hinseenne, Itoophiyaanota hunda hirmaachisuufi nageenyi waaraa ijaaruuf hojjetaa jirra.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaa amma biyya keessatti uumame furuuf hammam ittideemtaniirtu ree?
Obbo Abbaa Biyyaa: Erga dhufnee biyya keessatti hojjechuu eegallee yeroo torba ol yaalii araara buusuu taasisneerra.Yaalich imala tarkaanfachiisaa jalqabus milkaa’uun hindandeenye.
Waraana adeemsifamaa jiruun kan ajjeesus kan ajjeefamus lammiidhuma Itoophiyaati. Waldhabdeen jiru ilaafi ilaameedhaan xumuramuu osoo maluu dargaggoonni, jaarsi jaartiin, daa’imi daandiirratti kufaa jiru. Dinagdeenis golgolaa’aa jira.
Waraanni balleessa malee faayidaa hinqabu. Israa’eeliifi Filisxeem har’a araaramu boru wallolu, qe’eefi gollisaanii golgolaa’eera.
Nuyis osoo carraansaanii nunqaqqabiin Itoophiyaa walqixxummaan sabootaa itti mirkanaa’e ijaaruuf waraana caalaa araara filachuun barbaachisaadha. Araaramuu jechuun sodaachuu jechuu miti. Lola balaafamaa karaa nagaatiin injifachuu jechuu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Yaalii araara buusuu ABUTfi mootummaa federaalaa gidduutti taasisaa turtan si’a torba yaaltaniitti ammoo dhaabdanimoo maalirra jirtu?
Obbo Abbaa Abbiiyyaa: Koreefi miseensonni keenya marii taasisuun bifa addaatiin araara buusuuf humna guutuun hojjetaa jirra. Araara kanas gaggeessuuf qaamota dhimmisaa ilaallatuuf kallattii sadii keenyeerra.
Dhimmi Itoophiyaanotaa Itoophyaa qofa ilaallata miira jedhuun takkaan jaarsa biyyaa biyya keessa jiruun, lammaffaammoo nageenyi Itoophiyaa biyyoota Afrikaa bahaafillee murteessaa ta’uun beekamaadha.
Kanaaf qondaaltota Afrikaan karaa Gamtaa Afrikaa akka yaalamu Afrikaan alattimmoo diyaaspooraawwan biyya alaa jiruufi siyaasa gara garaa hordofu marti karaa bakka bu’aasaa walitti dhufuun kallattii araarri itti bu’uu dandahurratti mariin akka taasifamu ta’eera.
Bariisaa: Biyyi yeroo ammaa walwaraana hamaa keessa jirti. Mariin kun yoom eegalamee milkaahina argata jettanii yaadduu, adeemsa irra jiru koo akkamiin ibsitu?
Obbo Abbaa Biyyaa: Akkaa biyyaatti koreen jiru marti irratti waliigalee qaama mootummaa wajjinillee mariirra jirra. Adeemsa itti jirruun fudhatama argata jennee abdanna.
Karaa Gamtaa Afrikaas ta’e diyaaspooraaa deeggartoota paartii gara garaa haala jiru si’eessuufi mijataa taasisuuf humna bobbaasnee hojjetaa jirra.
Yeroo gabaabaatti itti deemnee furuuf humna guutuun hojjetaa jirra. Kanaaf kan nukakaase jaalala biyyaa, lammummaafi egeree tokkummaa Itoophiyaaf quuqama nukeessa jiruudha.
Bariisaa: Hawwiin isin Itoophiyaaf qabdan akkamitti ibsama?
Obbo Abbaa Biyyaa: Itoophiyaa sabaaafi sablammii hunda walqixa keessummeessitu, dimokraasiin ittidagaage, hanniifi saamichi dinagdeerra qaqqabaa jiru hafee dachee misoomaafi hawata turistii akka taatun hawwa.
Isa kanaafimmoo nageenya buusuuf hunduu ilaaf ilaameen waldhagahee gorsa abbootii fudhatee Itoophiyaa badhaate arguuf hojjechuu qaba.
Bariisaa: Gaafa ija siyaasaatiinis ta’e ogummaa seeraatiin madaaltan injifannoon waraanaanmoo araaraan argama?
Obbo Abbaa Biyyaa: Yeroo tokko Ameerikaafi Mooskoon walwaraanaa turan. Yeroo sanatti gaaga’ama guddaatu qaqqabe. Hudhaan sun araaraan akka furamuuf wayita ‘Joon F’ Kenediin gaafataman akkas jedhanii deebisan. “Araaramuun sodaachuu miti, nagaa buusuudha malee. Gaafa lolli dhufes itti beekna” jedhan.
Lolli baasii hinmalle biyyatti fe’uun raafama siyaasaafi dinagdee hammeessa. Araarri dubbii as dhiyeessa, qisaasa’amaafi lubbuu badu oolcha. Kanaaf akka jaarsa araaraafi nageenyaatti ammas araarri biyya keenyaaf falan jedha.
Bariisaa: Waa’ee Itoophiyaa baay’ee isin haasofsiisee mee gara Oromiyaatti deebina. Jijjiiramoonni kaleessa dhufuu qaba jettanii qabsaa’aafii turtan hammam milkaahaniiru?
Obbo Abbaa Biyyaa: Ani gama kiyyaan baay’ee gamamde. Oromiyaan kaleessa dheengadda Oromimmaashii dhabdee turte. Gootonni qaaleyyii hedduun Oromummaa lallabuusaaniifi Oromoo ta’uusaanii qofaan addababa’iitti ajjeefamaniiru. Kaanimmoo fannifamaniiru. Dacheen dhiigaan machooftee turte dhiiguma ilmaansheetiin qubeen Afaan Oromoo barraa’eera. Har’a dhalli Oromoo afaansaatiin barata. Fooliin Oromummaa ukkaamamee tures bahuu eegaleera.
Magaalaa Guddoo Oromiyaa, Finfinneettis sochii Afaan Oromoo cimsuu manneen barnootaa keessatti hojjetamaa jiru ilaalee daran ittigammadeera. Kana arguu koottis Rabbiif galatan galcha.
Yeroo ammaatti Afaan Oromoo manneen barnootaa Finfinnee fuutuu keessatti baratamuurra darbee sadarkaa yunivasrsiitiitti hanga doktireetiitti kennamuun jijjiirama karaa saaquudha. Isa hafes adeemsaan milkeessuuf dimokraatawaa ta’anii socho’uun barbaachisaadha.
Dhaloonni kaleessa guyyaa ifaa akkasii kana ibsuuf dhignisanii dhangala’e lafeensaanii caccabe takkaa ka’anii osoo argani namatti tola ture,hundasaafuu biyyeen isaanitti haa salphatu kufanii Oromummaa salphina oolchaniiru.
Oromoon mootummaa naannoo mataasaa qabaachuun, daangaansaa kabajamuufiin, jijjiirama addaa yoo ta’u, bu’a dhiiga qeerroofi qarree Oromoo durii kaasee dhngala’aafi harca’aa ture waan ta’eef kanaafis kabajni ni malaaf.
Oromoon akka kaleessaa lafasaarratti ciisanyaa ta’ee aanga’oota sooruun hafeera. Kuni ta’us waliindhahuun hannaafi saamicha lafaa qabeenya ummataa yeroo ammaa qaqqabaa kutannoo siyaasaa mootummaan agarsiisuun furamuu qaba.
Bariisaa: Nageenyaa Oromiyaa caalaatti amansiisaa gochuuf eenyurraa maltu eegama?
Obbo Abbaa Biyyaa: Simbirroon gola qabdi gola keessattis gololchaa qabdi jedhe Oromoon. Dhimmi Oromoo Oromoo qofa ilaallata. Sirni Gadaa dimokraasii barsiisa, Siinqeen dubartoota keenyaa nagaa labsa. Nuyi ilmaan dimokraatotaa taanee yeroo waljifannu salphina.
Garaagarummaa siyaasaa qabaachuu dandeenya. Ta’us hanga ilmaan haadha tokkoo taanetti maniin keenya tokko. Waldhabdee keenya gola keessatti, isa iccitii ta’emmoo gololcha ykn diinqatti ilaafi ilaameedhaan furuu qabna.
Oromoon ummata bal’aa walakkaa biyya kanaati. Yoo hubanneerra ta’e dhimmi keenyas ta’e kan Itoophiyaa nu harka jira. Waldhabdeen nu gidduutti dhalatu orma nudiiguun qe’eefi gola Oromoo saamuuf gururi’uuf karaa bana.
Qondaaltonni siyaasaa, hayyonni, hawwan, qeerroofi qarreen, abbootiin amantii walitti dhufuun Oromiyaa ceessisuuf harka walqabachuun murteessaadha.
Amma yeroo murteessaa keessa jirra. Dhimmi Oromoofi Oromummaa nu harka jiruuf walbaqachuufi waljifachuun diinaaf karra banuun ala jijjiirama waan hinfidneef waldhagahuu barbaachisa.
Bariisaa: Jijjiiramni amma hunduu dhandhamaa jiruufi injifannoo irratti walsaamu kun bu’aa dhiiga qeerroofi qarree Oromooti. Kun akkamiin kunuunfameefi eegamee lafa qabachuu qaba jettu?
Obbo Abbaa Biyyaa: Yoo injifannichi kan kooti jenne sirriitti qabachuu qabna. Akkuma “Yamarqaa si afuufuun siliqimsuufi” jedhamu san inni wallolu kamuu bakka dhuunfachuuf waan ta’eef jijjiirama ni hafa jedhamu milkeeffachuuf kan harkaa qabnu cimsanii qabachuun barbaachisaadha.
Dhimmi kunimmoo qeerroofi qarree Oromoo jijjiiramicha fidanii asiin gahan harka jira, haalaan qabamuu baannaan qolachuuf kan wixxifatu hedduu ta’uu dagachuu hinqabnu.
Siyaasni biyyattii Oromoo harkatti kufuu hinqabu. Siyaasaan caallee dinagdeen of ijaarree Itoophiyaa hundaaf haadha taateefi fedraalizmii sabdaneessummaa keessatti lafa qabate ijaaruuf hundumtuu gaheesaa bahachuu qaba.
Nuyis gama keenyaan nageenya waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf araara jalqabne cimsinee ittifufna. Qondaaltonnis yaadicha tole jedhanii fudhachuun imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf tokkummaan socho’uun barbaachisaadha.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif isin galateeffanna.
Obbo Abbaa Biyyaa: Isinis galatoomaa!
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013