Dhiphinni haala kee hinfooyyessu

Yeroo tokko nama jechi tokkichi xinnummaasaatti yeroo inni barataa sadarkaa tokkoffaa ta’ee jiru barsiisaansaa ittiin jedheen ganna digdamaa oliif jireenya dhiphinaatti jiraate argeen ture. Barsiisaansaa fokkisaa, ijoollee biroo wajjin nama xaphachuu hinqabne ta’uusaa barattoota duratti dubbatee qaanesse.

Waan namni kun jedheeniin nimiidhame. Guddatee hojii gaarii, bakka gaarii, jireenya gaariifi kkf haa qabaatu malee keessaasaatii gammachuu raawwatee hinqabu. Ija laafessa, nama ofitti amanamummaa hinqabne, yeroo namni garasaa ilaalu sodaarraa kan ka’e biftisaa kan geeddaramu ta’e. Nama dura dhaabatee haasa’uuf jabina hinqabu; haasaansaa waliin makamu nama dhiphataa taasise.

Rakkoo kana keessaa ba’uuf yaalii cimaa taasiseera. Bareedina ofii isaatii irratti hojjechuuf yaaleera. Yaaliiwwan kunniin hundi rakkoo guddaa inni qabu, rakkoo keessasaatiif furmaata hintaane. Akka of jibbu, akka ilaalcha gadi aantummaa ofiif qabaatu haalli isa taasise inni guddaan bakkeedhaa kan mul’atu utuu hinta’in kan keessaa ture.

Haala bareedina isaa fooyyessuunis kan dhufu miti. Rakkoon isaa rakkoo keessaati. Furmaatni isaas sammuu isaa irratti hojjechuu qaba. Rakkoo isa mudate kana nama amanamaa hiruuf qabaachuu qaba. Nama rakkoo kana keessaa daandii ittiin ba’u waliiin mala dhahan qabaachuu qaba. Kun furmaata fida. Rakkoon kun rakkoo namoota hedduuti.

Waan kaleessa numudateen dhiphachuun, yaada keenya isa har’aa irra utuu hinta’in isa darbetti hidhuun namoota hedduu miidheera. Namootni hedduun ba’aa isaan eelchu sammuutti baatanii waliin rakkatu. Tokko tokko isa darbee wajjin dhiphatu. Kaan ammoo bor maal ta’inna laata jechuun of dhiphisu. Sammuusaanii ko’eessa taasisu.

Miira qofa ta’u; gadi fageessanii yaaduu dadhabu. Waan dhiisuu qaban dhiisuu dadhabu. Inni kun namoota hedduu miidheera; miidhaas jira. Qorannoowwan adda addaa bara keessa jirru kanaa isa kana addeessa.

Akkuma beekamu dhiphinni sammuu deebii qamni namaa yaaddoofi sodaa jiruuf deebisu yeroo ta’u yeroo ammaa rakkoo namoota hedduuti. Fakkeenyaaf Awustiraaliyaatti waggaa tokko qofatti yoo xiqqaate namootni miliyoonni lamaa ol rakkoo kanaa wajjin walqabateen akka dararaman agarra.

Addumaan bara 2020 keessa namoota dhibba tokko keessaa dhibbaantaan 62 ol jireenyasaanii keessatti akka dhiphatan ibsu (Single Care, 2020). Akka qorannoo “Harvard Medical School “ ibsetti biyya Ameerikaa qofa keessatti namootni dhibbaantaan 19.1 ta’an barasaanii keessatti yoo xiqqate si’a tokkoo ol akka jireenyasaanii keessatti dhiphinni cimaan isaan mudatu dubbata.

Akka qorannoon tokko tokko agarsiisutti dhiphinni sammuu baay’inaan kan mudatu dhiira caalaa dubartoota akka ta’es ni addeessa (NIMH, 2017). Yeroo si’anaa yoo xiqqate namootni miliyoonni 19 ol biyya Ameerika qofa keessatti waan tokko jibbuu irraa kan ka’e jireenya dhiphinaa keessa jiraatu.

Egaa inni kun akka addunyaa keenyaatti salphaa miti. Namootni hedduun jireenya dhiphinaa keessa jiraatu jechuun nidandaa’ama. Isa kanaaf yeroo ammaa yoo xiqqate addunyaa keenya irraa namootni miliyoonni 264 ol jireenya rakkisaa kana keessa jiraatu.

Isaan kana keessa namootni dhibbeentaan 63 ol ta’an yookaan namootni miliyoonni 179 dhalaa yeroo ta’an dhibbeentaan 37 ammoo dhiirota. Rakkoon kun waggoottan kurnan darban keessatti dhibbeentaa 50 oliin akka dabale qorannoon nimirkaneessa.

Akka umuriittis yoo fudhanne umurii saafelummaatti rakkoon kun akka hammaatu agarra. Akka qorannoon addeessutti saafelootni umuriin isaanii ganna 13-18 gidduu jiru dhibbaantaan 31 ol dhiphina isaan mudatuun akka dararaman agarra.

Haa ta’u malee baay’inaan namootni jireenya dhiphinaaf saaxilaman namoota umuriinsaanii ganna 26-49 gidduu jiran akka ta’eefi isaan kunnniin ammoo yeroo ammaa dhibbantaa 50 ol akka ta’an qorannoon agarsiisa.

Yeroo umuriin namootaa ol fagaataa deemu keessumatti ganna jaatamaa olitti namootni jiran dhiphanaaf akka harka hinlaanne qorannoon niagarsiisa. Qorannoowwan geggeeffaman isa kana addeessu. Baay’inni namoota kanneenii warra kaan caalaa daran xiqqoo akka ta’e agarra.

Dhiphinni namoota hedduuf rakkoo cimaa ta’uusaa qofa beekuun furmaata hinfidu. Burqaasaa hubachuun barbaachisaadha. Qorannoowwan gara garaa sababa hedduu maqaa dha’u. Akka biyya keenyaatti sababa kana keessaa muraasa yoo fudhanne haalli jireenya tokko ta’uu nidanda’a.

Haala jireenya yeroo jennu hojii, barnoota, dhukkuba, namoota jaal’atan du’aan dhabuu, hiyyuma, hiriyaa jaalatanirraa adda ba’uu, yaadannoo taateewwan gara garaa kanaan dura nama mudatan, ilaalcha gadaanaa ofiif qabaachuu, egeree ofiif yaadda’uu, dhugaatii, daawaa sammuu hadoochu fayyadamuufi kkf sababa dhiphina sammuuf saaxilamuu ta’uu danda’u.

Isaan kana hinfoyyeffannu taanaan gara jireenya keenya miidhuutti nugeessu danda’a. Fakkeenyaaf rakkoo mallaqaa yookaan horii wajjin kan walqabatetti yaadda’uu dhiisuun akkaataa itti maallaqa argannu ittifayyadamnu, akkaataa seeraan qabuusaa irratti hojjechuun rakkoo gama kana nama mudatu jalaa ba’uun nidandaa’ama.

Namoota tarii haalli jiruu isaanii dhiphisu, keesumatti namootni tokko tokko hojii irraa nan ari’ama, hanga narraa eegamu hojjechuu hindandeenye, dhaabbatni ani keessa hojjedhu hojii kootti hingammaduufi kkf yaaduun namootni dhiphatan jiraachuu danda’u.

Haa ta’u malee furmaatnisaa dhiphachuu utuu hinta’in itti gaafatamaa dhaabbata isaan hojjechiisuu wajjin mare qabaachuun hanga dandaa’ametti yerootii gara yerootti keesummatti ji’a ja’aan ykn dhuma waggaatti akka hojjechiistotni isaanii gamaaggamanii yaada kennaniif gochuu, hojii hojjetan sirriitti namoota beekan akka ta’an hojjechiistotni isaanii akka hubatan taasisuun barbaachisaadha.

Namootni tokko tokkos tarii hiriyummaa isaan namoota jaal’atanii waliin qaban rakkoo keessa kan jiru yoo itti fakkaate daran kan dhiphtan jiru. Isa kanas injifachuuf namoota amanamoo ta’anii wajjin haala keessa jiran mari’achuun barbaachisaadha.

Darbees namoota wajjin jiranii faana rakkoo isaan mudate mari’achuun furmaata waliin barbaaduun gaariidha. Gama kanaan namootni gorsaan namoota gargaaruu danda’an (Relationship Counselors) sababa jiraaniif tumsa barbaachisaa isaan irraa argachuun nidandaa’ama.

Namootni tokko tokkos waa’ee fayyaasaanii ilaalchisee kan dhiphatan jiru. Yeroo akkas jennu tarii ofiisaaniis ta’e maatiisaanii keessaa namni tokko yoo dhukkubsate dhibeen sun eessaan ga’uu danda’a jedhanii namootni yaaddoo seenuun dhiphinaaf saaxilamu. Haa ta’u malee namni tokko waa’ee fayyaa ofiisaatiifis ta’e kan biraaf dhiphachuun faayidaa niqabaata.

Namni tokko waa’ee fayyaasaaf yaaduun hamaa miti. Akka inni caalaatti nyaata nagaa isaaf gaarii ta’an filatee sooratu gargaara. Akka inni sochii qaamaa garaa garaa hojjetuufis faayidaa niqabaata. Haa ta’u malee wanti hirraanfatamuu hinqabne yoo jiraate fayyaa keenyaaf hanga raawwachuu dandeenyu qofa raawwachuu malee wantoota humna keenyaa ol ta’etti dhiphachuun barbaachisaa miti.

Wanti dagaramuu hinqabne yoo jiraate namni waanuma dhiphateef jijjiirama fiduu hindanda’u. Ittiyaaduun, miira ofii to’achuun, tasgabbaa’uun waan jijjiiramuu qaburratti hojjechuun jijjiiruuf yaaluu malee dhiphina hamaa keessa gallaan miidhamaaf nama saaxila.

Nama gammachuu hinqabne nama taasisa. Namni tokko fuulasaa dura ilaalee ykn haala keessa jiruun of dhiphisa taanaan waan hojjechuu malu tasgabbaa’ee hojjechuu hindanda’u. Waan hojjechuu danda’uyyuu sadarkaa dadhabuu irra ga’a.

Jireenya injifatamaa jiraata. Namni suuta jedhee haala keessa jiruun utuu hinjeeqamin miirasaa tasgabbeessee ogummaafi beekumsarratti daandii hundaa’een hojjetu yoomiyyuu nama mo’ichaati. Waan hojjetutti nigammadda. Gammachuun immoo murtoo ati har’a fudhattuu irratti hunda’a. Tasgabbaa’uu qabda. Waan jijjiirama hinfidnee wajjin yeroo kee gubuurraa of qoqqobbachuun murteessaadha.

Walumaa galatti wantootni nama dhiphisan nidhibu yookaan nibadu jechuun hindandaa’amu. Haa ta’u malee hanga danda’ametti akka dhiphinnni nu hinto’anne gochuun barbaachisaadha. Namootni hedduun waan hojjechuun isaan irra jiru hojjechuu dhiisuun waan hojjechuu hindandeenyetti dhiphatu.

Yeroo itti isa darbeef yookaan isa si’achi ta’uuf dhiphannu waan har’a hojjechuu qabnu irratti xiyyeeffachuun hojjechuun gaariidha. Waan har’a hojjechuu mallus boritti dabarsuun rakkoo kan biraaf nama saaxila. Inni kunsi bor burqaa dhiphinaa nutti ta’uu danda’a.

Sababiinsaa waan nuti bor hojjennu irratti idaa’amee nu dhiphisuu danda’a jechuudha. Inni kun ammoo miidhaa mataasaa danda’e qaba. Akka nuti hojii keenya har’aa sirriitti hinhojjenneef sababa guddaadha. Namootni kallattiilee adda addaatiin bakka geggeessummaarra jiranis taanaan isa kana beekuun dirqama.

Sababiinsaa utuu hindhiphatin tasgabbaa’uun yaaduun hojjechuuf duraan dursanii dhiphina injifachuun murteessaadha. Miira qofaan socho’uu irraa gara sammuufi ogummaan hojjechuu, gadi fageessanii xiinxaluufi kkf daran barbaachisaadha. Dhiphinni diina tasgabbiiti.

Diina yaadanii hojjechuufi murteessuuti. Riqicha kufaatiiti. Isa kanaaf of to’achuufi haalota ta’an hundaaf harka kennuu dhiisuu, haala nu dhiphisu injifannee tasgabbiin gara fuula duraatti deemuun murteessaadha.

“Dhiphinni diina tasgabbiiti. Diina yaadanii hojjechuufi murteessuuti. Riqicha kufaatiiti. Waan xiqqoon akka gaaddidduu guddaa qabaatu taasisa. Dadhabbii guddaan hojiiirraa utuu hinta’in dhiphinarraa burqa”

Doktar Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You