ABO Shanee kaleessa ABUTf shororkeessaa, har’a maaltu walitti firoomsaa?

 Riippoortara gaazexichaatiin

Murni shororkeessaa ABUT waggoota 27f biyya qorqaafi golgoleessaa ture wayita aangootti dhufu sana ABO dabalatee jaalleewwan isa waliin qabsaa’aa turan deeggartootasaa hedduu rasaasaan fixeera.

Kaleessa Dargii kuffisuuf wajjin qabsaa’aa turanii wayita gara aangootti dhufan jaarmiyaalee isaan waliin dhaabatanii duulaa turaniifi qabsoon isaan dursan duubaan itti malanii hedduusaanii irbaata rasaasaa taasisuunsaanii seenaa fagoo miti.

Gantummaa shorkeessaa ABUT wayita mootummaa cehumsa ABO irratti raawwate seenaa keessatti kan hindagatamne yoo ta’u, qondaalonni addichaa hedduun akka biyyaa bahaniifi jireenya biyya hambaaf akka saaxilaman taasiseera.

Erga kun ta’ees namoota ABO deeggaruun shakkaman gandarra naannahuun funaanee hedduusaanii achii buuteensaanii akka dhibamu taasisuurra darbee warreen hafanimmoo qaama hir’isuun du’aafi jireenya gidduutti gateera.

Qondaaltota olaanaa ABO achi buuteensaanii dhabame kumaatamatti lakkaawamaniif sababa guddaa kan ture Shorokeessaa ABUT takkaa gaarummaa Shanee kaasee hinbeeku.

Deeggartootaafi miseensota addichaatiin ala barattoota yunivarsiitii, qonnaan bulaa siyaasa hinbeekne, dhiira dubartiin osoo hinfoohiin maqaa Shaneetiin hiraarsaa dhabamsiisuun madaa hinqoorre onnee Oromoo keessa kaahee darbeera.

Sirni Shororkeessaa ABUT murna bicuun durfamu kun ajjeechaafi hiraarsa ilmaan Oromoorratti raawwataa ture sana nagaha osoo hinjedhiin lammiileen qe’eef qabeenyasaaniirratti kabajamanii akka hinteenye hannaafi saamichaan golasaanii golgoleessaa ofii dinagdeen walijaaraa turaniiru.

Gamoowwan guguddoo Finfinnee keessa jiran, hoteelonni bakkeewwan bashannanaafi wiirtuuwwan daldalaa dinagdee biyyittii ijoo ta’an marti harka murna kanaa turan.

Hojii hannaafi saamichaan akkasumas sarbama mirgaa isan qaqqabsiisaa turan kana mormuuf dargaggoota addababahiitti bahan hedduu maqaa ABO Shanee jedhuun rasaasaan akaahaa tureera.

Qabsoo diddaa qaqqabaa ture kanaan dargaggoonni Oromoo kumaatamatti lakkaawaman adda baba’iitti irbaata rasaasaa ta’aniiru.

Gara jabummaan murna shrororkeessaa ABUT daran hadhaa’aa ta’uusaatiif agarsiistuu kan ta’e dargaggoota fincila diddaaf uleefi dhagaa qabatanii sagaleesaanii dhageessisaa turan irratti humnoota agaazii bobbaasuun isnaayperiin adda dhahee bakkeetti gataa turuun seenaa fagoo miti.

Murni kun godaannisa hinqoorre ilmaan Oromootti fe’ee osoo jiruu har’a gaafa rakkoo keessa galu fakkaattiisaatiin waliin hojjenna yaada jedhu kaasuunsaa nama dhiba.

Yaa marqaa si afuufuun siliqimsuufi akkuma jedhamu shrororkeessaa ABUT kaleessa wayita aangoorra ture maqaa ABO Shaneen dargaggoota fixaa ture har’a koottu waliin hojjenna jechuun wayita yaada kaasu shakkuun barbaachisaadha.

Kan kaleessa ajjeesaa ture har’a sitti firoomfachuun ammas kaayyoosaa ittiin milkeeffachuuf kan akeeke ta’uun ala faaydaa inni biyyaafis ta’e murna ABO Shaneef buusu hinjiraatu.

Wayita qabsoon diddaa murna shrororkeessaa ABUT irratti taasifama ature waggoota sadan har’aa Geetaachoo Raddaa ABO Shaneen Oromoof waa hinbuusne ilaalcha seexanaa qaba jedhee Oromoota rifachiisaa turuun niyaadatama.

Namni alaabaa ABO baatee deemu, kan deeggaru, kan shakkamu marti Geetaachoo Raddaa biratti akka seexanaatti lakkaawamaa kan ture yoo ta’u, har’a gaafa ulfi hindhalanne itti dhufu ABO Shanee dhiibaa ture, akka hiriyaa qabsootti waliin hojjechuuf jirra jedhee ibsuun shira dura bareen aangootti deebihuu kan akeekeedha.

Hara’a Oromoof kan quuqame fakkaatee kan mul’ate murni shrororkeessaa ABUT kaleessa wayita Oromoon saamamu, hidhaatti darbatamuufi ajjeefamu gochichi alseerummaadha jedhee quuqama Oromoota maqaa ABO Shaneen hiraarfamaniif qabu hinagarsiisne.

Kanas ta’e sana harka Oromoon fi maqaa ABO shaneen abidda qabatanii qaxxaamuraan aangootti deebihuuf shira murni ABUT xaxaa jiru kanarratti dammaqun barbaachisaa yoo ta’u, ilaalchichi yoomiyyuu kan fudhatama hinqabneefi afanfajeessa kijibaati.

Uumamumasaarraa kaasee afanfajeessa kijibaan of ijaaraa qe’ee lammiilee golgoleessaa ilmaansaa Awrooppaatti barsiifachaa biyya saamaa kan ture shororkeessaa ABUT, laphee dhala namaa keessaa baheera. Kanaafuu yeroo ammaa hunduu kan qabuun itti duulee raacitiin hattummaa kun hanga dhabamsiifamutti irratti qabsaahaa jira.

Kans ta’e sana Geetaachoo Raddaa Shanee waliin marii tokkummaa eegaleerra jedhus ilaalchi finxaalessummaa fagoo kan isan hindeemsisneefi murna kaleessa farra biyyaati shorokeessaadha jechaa tureefi ajjeesaa ture wajjin hidhata uumuuf yaaluun siyaasa dhokataa akka qabu ifaadha.

Shorokeessaa ABUT guyyaa aangootti dhufee kaasee ABO Shaneefi deeggartootasaa akkasumas namoota ilaalcha deeggarsaa qabu jedhuuf isnaayperii tuffachaafii ture sanuu maqaa shorokeessaa jedhu itti moggaasuun likkiitti galchina humna qabna jedhee lafa dhiitaa tureera.

Murni kun Lafa dhiitus dhagaafi ulee qeerroon lafa erga dhahee har’a ABO Shanee kaleessa shororkeessaa jedhee arrabsaa ture harka naqabi waliin duulla yaanni jedhu ka’uun lamaanuu dhidhima laaqii keessaa hinkaane seenuusaanii agarsiisa.

Keessumaa warraaqsa diddaa gabrummaa murna shororkeessaa ABUT diiguuf qeerroofi qarreen Oromoo taasisaa tureen walqabatee Geetaachoo Raddaa miidiyaarratti dhiyaachuun ABO Shanee waanbadee, jeeqxota, shorokeessitoota isaan kana likkiittigalchuuf mootummaansaanii tarkaanfii barbaachisaa fudhata jechaa dhaadachaa ture.

Akkuma jedhanis ilmaan Oromoo hedduu maqaa ABO Shaneetii haamsisaa kan ture yoo ta’u, madaa hinqoorreefi godaannisa hindagatamne kaa’ee darbeera.

ABO Shaneen kaleessa isaaf diina har’ammoo firoomfatee biyya gooluun qaxxaamuraan aangootti deebi’uuf akeekus homaa waan milkaahuuf hinjiru.

Adeemsichi maqaa ABO Shanee jedhuun Oromoota biraa deggarsa argachuuf kan akeeke ta’uu qondaaltonni siyaasaa kan kaasaa jiran yoo ta’u, waliin hojjetes hojjechuu baates shororkeessaa ABUT kana booda harree dugdi citteedha jechuun dandahama.

Harree dugdi cite waafuu hinfayyaddu, itti hi fe’atan, carraan isheen qabdu bineensaan nyaatamuu qofa yoo ta’u, farra ummata balaa erga ta’anii dhabamsiisuun dirqama.

Daldalli maqaa ABO Shaneen bayyanachuuf akkasumas hookkora akka biyyaatti babal’aisuuf tasifamu kamuu eessayyuu kan isaan hingeessisne ta’uu beekuu qaba. Isa kanammoo deeggarsa sabaafi sablammiileen sina shororkeessaa ABUT hundeedhaa buqqisuuf raayyaa ittisa biyyaaf taasisaa turanirraa baruun irra jiraata.

Yeroo ammaa tarkaanfiin murna shororkeessaa ABUT irratti fudhatamaa jiru wayita cimaa jirutti yaadaaf gurra ofii eenyumaafuu kennuuuu dhiisuun haleellicha finiinsuun ummata Tigraay bilisoomsuuf deeggarsis ittifufaa jira.

Akkuma hima diddu du’a hindiddu jedhamu shororkeessaa ABUT irra deddeebbiin karaa nagaa qalbii akka diddiirratu kadhatamee erga didee falli nageenya biyyaa eegsisuuf taa’u tarkaanfii barsiisaan ‘likkiitti’ galchuu qofa.

Abootii amantii kan tuffatu, qondaaltota kan jifatu, aadaafi duudhaa Itoophiyaanummaa booddeetti gatuun garaasaa qofa guuttachuun murna qe’ee lammiilee daarsaa ture humnaan hurreessuun dirqama yeroon gaafatu waan ta’eef tarkaanfichi finiineera.

Lubbuun gaafa bahuuf dhiyaattu abdiin jireenyaa gaafa citu watwaachuun hinooluutii Geetaachoofi fakkaattonnisaa humna kaleessa shorokeessaafi farra Itoophiyaa jadhan sana harka naqabii jechuun bayyanachuuf yaaliin taasifamu amalasaa dhokataati.

shororkeessaa ABUT hundeeffamumasaarraa kaasee gantuudha, akkuma sirni ilmooshee nyaatti jedhamu kaleessa koodeewwan isa wlaiin qabsaahanii Dargii kuffisan duubaan waraanuun aangoo har’a dheebotan kana dhuunfatanii turan.

Boodarras uleen bulchiinsa erga harkaa baatee yaada araaraafi dhiifamaatiin ceena jedhu diduun raayyaa ittisa biyyaa isaaniif waardiyyaa dhaabbatte duubaan waraanuun gantummaafi haxxumma hadhaahaa jibba biyyaafi lammiif qaban ifatti baraameeraaf.

Walumaagalatti murni kaleessas har’as koodeesaa nyaatu maqaa ABO Shaneen bayyanachuuf kaka’us kana booda nama du’etti lubbuu horuuf afarsuu waan ta’eef hanga sirni awwaalchaa raawwwatamutti dhidhiittatus inuma dhabamsiifama.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You