“Arkiteekchariin daawitii aadaa, seenaafi hawaasaati” -Arkiteekti Seenaa Eliyaas

Saamraawiit Girmaatiin

Arkiteekti Seenaa Eliyaas dhalattee kan guddatte Godina Wallagga Lixaa, Magaalaa Najjootti. Barnootashees sadarkaa tokkooffaadhaa hanga lammaffaatti achumatti baratte. Barnootatti jabduu kan turte Seenaan bara 2006 gara Yunvarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa seenuun barnoota Arkiteekcharaal Injinariingii waggoota shaniif barachuun bara 2010 eebbifamteetti. Wayita ammaas Magaalaa Buraayyuutti hojii barnootashee waliin walqabatu dizaayinii manneeniifi gamoowwaniirratti xiyyeeffattee hojjetaa jirti.

Gaazexaan Bariisaas muuxannoo barnootaafi hojiisheen walii walqabate, keessumaa damee shamarran hedduu fagootti sodaatan waan ta’eef akka irraa barataniif jecha gaafdeebii taasiseeraaf. 

Akaakuu barnootaafi bakka itti baratte kana barbaaddeefi filattee barachuu kan kaastu Seenaan, kanaafis ka’umsa kan ta’eef yommuu barattuu sadarkaa lammaffaa jirtu hojiilee damee sanaan hojjetaman miidiyaarratti dhihaatan arguudhaani. 

“Arkiteekchariin akaakuu barnoota injinariingii keessaa irra caalaatti kan dizaayinii ijaarsa manneeniifi gamoowwaniirratti xiyyeeffatudha. Bakka waa tokkoo jiaaruuf yaadnurratti maaltu maaliif akka barbaachisu, iddoon kam maaliif akka oolufi kkf kan mijeessuufi toora qabsiisudha. Kun akka waliigalaatti malee hojiinsaa isarra kan caaluudha. Uumamaa waliin illee waan walqabatu qaba. Akkamittiin naannawaa keenya kununsaa ijaarsa akka gaggeessinullee kan of keessaa qabudha. Kana jechuun yommuu hojiin ijaarsaa hojjetamu kan irratti xiyyeeffatamu ijaarsa qofa osoo uumamarrattisi jechuudha” jetti. 

Barnoota barattee baateen waliigala xiyyeeffattee kan hojjettu dizaayinii ijaarsa waliin haa walqabatu malee, barnootichi gaafa guddataa deemu misooma magaalaa, ijaarsa waaraa (sustainable arctecture)fi kanneen birootiin illee akka walqabatu dubbatti.

Barnoota kana barachuuf erga yunvarsiitii seentee booda fedhasheetiin galmooftee qormaatas fudhatte ta’uu kan kaastu Seenaan, akka carraa ta’ee yommuu qormaata qoraman barattoota gara 500 ta’aanii qoramuufi isaan keessaa barattoonni 65 hincaalle darbanii barachuu himti. Achi keessattis hirmaannaan barattoota shamarranii parsaniidhaan yommuu ilaalamu gadaanaa turuu yaadatti.

Kanaaf immoo sababni inni ijoo shamarran hedduu fagoodhumatti “hindandeenyu” jedhanii waan yaadaniif ta’uu eerti. Utuma qormaatatti hindhihaatiin illee keessasaanii shakkii “hindarbu” jedhu kaa’anii of dhiphisaa akka dhihaataniifi duruma sammuusaanii daangeessu akka daangeessan kaasti. “Wanta tokkommoo duruma hindanda’u jettee kaanaan hindandeessu. Ta’uu kan qabu garuu sammuudhaan yaaduudha malee korniyaadhaan yaadu miti. Sammuudhaan dhiirriis dubarriis waluma qixa” jetti. 

Akka Arkiteekti Seenaan jettutti, yeroon kaampaasii seenan yeroo baay’ee ulfaataadha. Yeroo jalqabaaf maatiirraa adda ba’aanii jireenya haaraa eegaluunu qormaata tokko. Keessumaa haala jireenya hawaasaa keessaa dhufan waliin walqabatee shamarraniif ammoo caalaatti ulfaata. Garuu maatiirraa gorsa fudhattee waan baateef keessa darbuuf hinrakkanne. Isuma keessaayyuu durba ta’uun qofa wantoonni garagaraa gufuu namatti ta’uu danda’an karaa barattootaas ta’u barsiisootaa namatti dhufu. Nama dogoggoorsuuf namoonni hedduun daandii namaarratti dhufu.

“Haaloonni ulfaatoo hedduu jiraatan illee wantoota yarummaasaanii qofa haasa’uurra gaariisaanii haasa’uu wayya. Akkakootti injifachuuf yaalii goonaan wanti hininjifatamne hinjiru. Wantoota sitti dhufan malaafi haxxummaadhaan bira darbuu danda’uu qabda. Wanti namni siin jedhe dhageeffattee ilaalta taanaan kuftee hafta jechuudha. Waan ittiin manaa baatee yaadaa yoo baratte waan hundaa galmaan ga’atta. Galmakee ilaalaa hindeemtu taanaan karaan hedduu sitti mul’ate akka hintaane ta’uu dandeessa” jetti.

Maatiinshee ijoollee afur (dubara lamaafi dhiira lama) kan qaban yoo ta’u isheen intala lammaffaa ta’uu kan himtu Seenaan, hangaftishee injinariingii barachuusheefi akka waliigalaatti maatii barnootaaf iddoo olaanaa kennan keessatti guddachuun ishee har’aasheetiif bu’uura ta’uu kaasti. Obbolaan dhiiraa quxusushee lamaan ishee ilaaluudhaan barnoota arkiteekcharii barachuu akka barbaadan kaastee, isheen garuu kennaan isaan keessatti argitu isa akka hintaaneefi utuu kennaasaanii adda baafatanii baratanii akka itti tolu himti.

Gama ogummaasheetiin walqabate yommuu ibsitu, yommuu daandiirra deemtu ijaarsawwan hunda ilaalaafi nama ogummaasaa hinqabneef illee yaada kennaa akka deemtu eertee, yeroo tokko tokko ijaarsawwan keessasaa mijeessuuf jecha naannawaarratti dhiibbaa akka uuman ta’aanii ijaaraman akka taajjabdu dubbatti.

Keessumaa ijaarsawwan bara1995-2005 gidduu jiran baay’een isaanii callaqisuun ija namaarratti dhiibbaa uumuu akkasumas, ho’isaan bakkeetti baasan olaanaa ta’uufi kanneen akkanaa yommuu agartu akka ogeessaatti akka namatti hintolle ibsiti. Amma garuu mootummaan xiyyeeffannaan keessattisa alattis kennamu walqixa ta’uu qaba kallattii jedhuun irratti hojjechaa waan jiruuf fooyya’aa jiraachuu himti.

“Inni biraa mana baay’ee barechamee ijaaramuu danda’u miidhagina malee ijaarame nan arga. Gaafa keessa seenu ammoo mana baay’ee guddaa gatiin baay’ee itti ba’ee ijaarame tajaajila inni kennu gadaanaa ta’een taajjaba. Maaltu dursee argamuu, kamtu eessa taa’uu akka qaburratti osoo hinhojjetamiin hafa. Wantoota akkasii gaafan argu na gaddisiisa. Sababnisaa dursee kan hojjetamuu qabu dizaayiniirratti ture. Dizaayin jechuunuu waan tokko hojjettee bakka buustee jalqaba ilaaluu jechuudha. Achirratti nama ogummaasaa qabu fidanii hojjechuun barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko erga ijaarsi eegalamee booda bakka itti nuuf godhaafaa yaadni jedhu dhufa” jetti.

Rakkooleen akkanaa sababoota garagaraarraa madduu akka danda’an eertee, inni jalqabaa beekumsa dhabuurraan kan ka’e namni baay’ee amma manuma ijaarrachuusaa malee itti fayyadama iddoorratti hangas mara xiyyeeffannaa akka hinkennine dubbatti. Kana malees teknolojiirraa fagoo ta’uuniifi qarshii baasuu qusachuuf jecha dizaayinii dhiisanii isuma ijaaruutti kennuun akka mul’atus ni eerti.

Waggoota muraasa dura ammoo humni nama damichaan barate baay’ee waan hinturreef gatii isaan dizaayiniif gatii olaanaa waan gaafatamaniif namoonni hinhojjechiifatan ture kan jettu arkiteektiin tun, amma garuu barnootichi yunvarsiitiiwwan baay’eetti kennamaa jiraachuun isaa sana ni fura; akkasumas,  mootummaan immoo ijaarsi kamiyyuu dizaayinii malee akka hinijaaramne kallattii jedhu waan baaseef rakkinichi ni sirrata jettee akka yaaddu ibsiti.

Ijaarsawaan bara ammaafi kan duraa walbira qabanii namoonni “ogummaan ijaarsaa dur hafe” jedhaniif yaada qabdu yommuu ibsitu, wanti kun isheef akka hinfudhatamne dubbatti. “Manneen bara Mosoppotaamiyaa ijaaraman daran bareedaa Zigrat jedhamutu ture. Manichi mana amantii yoo ta’u, akka itti toora qabate ijaarame, bocnisaas miidhagaadha. Bara Giddugaleessaa keessa bara meeshaaleen ijaarsaa hedduun gara Xaaliyaaniifi Giriikiitti ijaaraman kaasuun ni danda’ama. Manneen hanga jaarraa 19fa jiran dhagaadhaan ijaaramu, baay’ees qabu. Gaafa ammayyaa’aa deemtummoo wanta yeroo waliin deemu, boca bareedaafi jabina walsimuun ijaaramaa jira. Namoonni baay’ee ijaarsi amma akka durii kan itti hinbareenneef tarii warri amma jiran bocisaanii akka warra duraa hintaaneef ta’a” jetti.

“Bara kana gamoo abbaa darbii  50-100tu ijaarama jira. Kana akka durii sanatti dhagaadhaan yoo ijaarra jenne hindanda’amu. Kanaaf ijaarsi bara waliin haareeffamaa deemuutu irra jiraata. Dur darbii lama sadiitu waan ijaaramuuf dhagaafi koniriitiidhaan ijaarama, amma garuu sun hindanda’amu. Kanaaf akka nama ogummaasaa qabu tokkotti inni kun sirriidha sun sirrii miti jedhee hinqeequ” jechuun ibsiti. 

Eegumsa ijaarsawwaniin walqabate mootummaan wanti kaa’e akka jiru kan dubbattu Arkiteekti Seenaan, fknf ijaarsi gamoo tokkoo karaarraa meetira hamma kana keessa seenuu qaba, foddaan isaa akkas ta’u qaba jedhee ifaa taa’uu ibsitee, garuu hojiirra oolmaasaa yommuu ilaalamu xiqqaa kaasti. Waa’ee eegumsaa dubbachuuf jalqabbiin isaa murteessaa ta’uullee ni eerti.

“Manni tokko daandiirraa meetira 10 siquu osoo qabu lama qofa yoo seenee, bor gaafa daandiin bal’achuuf yaadame manichi diigamuuf deema. Akkasumas haala ijaarsawwaniirratti hundaa’ee ijaarsi tokko waggaa itti haareffamuu qabu qaba. Garuu namni baasii dabalataa itti baasuu jibbaaf osoo hinhaareessiin dhiisuun ni jira. Bor dhalootaaf ijaarsawwan dabarsuuf, bara akkasii kun ijaarame ture jechuuf har’a kununsi barbaachisu taasifamuufiin dirqama” jetti. 

Hojii dizaayiningii kan eegalte osoo barattuu arkiteektii waggaa lammaffaa taatee jirtuu ta’uu kan eertu Seenaan, hanga yoonaa dizaayinii mannneen jireenyaa hedduu, gamoowwan daldalaa magaalaa keessa jiraattu waliin kan deemu abbaa darbii afurii hanga shanii gara ja’aa,  ijaarsawwan gurguddoos dhuunfaafi namoota waliin hojjechuu ibsiti. Dhiheenya kanas Gamoo Waldaan Dubartoota Daldaltootaa Buraayyuu ijaarsisuuf yaale dizaayiniisaa kan hojjette ishee ta’uufi, miidiyaa hawaasummaarratti kan deemes akka carraa ta’ee malee hojiishee jalqabaa ykn addaa ta’ee akka hintaane dubbatti.

Yommuu hojii dizaayinii ijaarsaa hojjettu haala lamaan waliigaltee akka uumtu kan himtu Seenaan, inni tokko dizaayinii qofa hojjechuu yoo ta’u, tokkommoo dizaayiniifi gorsaa ta’uuni. Kunis akkaataa fedhii abbaa ijaarsifaturratti hundaa’a. Gaarii kan ta’u namni dizaayinii hojjete, gorsasaa utuu hojjetedha, namoota hojjettuufis kanuma itti himti. Yeroo baay’ee isa namni tokko dizaayin godhe namni biraa yommuu hojjetu akka jedhame sanatti otoo hintaane jijjiiramee mul’ata jetti.

Addunyaa hojii keessa jirtu kanattis dubartummaan ulfaataa ta’uufi namoonni jabina dubartootaatti amanan akkuma jiran namni baay’ee hanga hojiishee arganitti dhuguma hojjetti jedhanii akka hinamanne dubbatti.

“Utuma waa hunda afaan ogummaatiin hojjettuuyyuu akka dhiiraatti ni hojjetti hinjedhan. Kun namatti hintolu. Kan biraan ammoo qorumsaaf kan dhufan ni jiru. Dubartummaakeen karaa ittiin si argatan taasisanii gaafa ilaalan ni jira. Hojii keettis danqaa ta’uuf yaalu. Wantoonni si mudatan takka takka akka ati dadhabdee harka kennattu si taasisan ni jira. Ani garuu gaafa qormaanni natti baay’atu taa’een ofiikoof boqonnaa fudheen of haaresseen deebi’a. Gufuufi rakkinaaf jedhee boodatti hindeebi’u. Ofiikoof anumatu jabaachuu qaba malee namni iddookootti naaf jabaatu hinjiru. Jabinakeef situ tokkoffaadha, inni kaan deggaraadha. Ati laafnaan namni achi si kaasu hinjiru” jetti.  

Gama galiitiin hojiin baay’inaan yoo jiraate galiin kan argamu ta’uus madaalawaadha jechuun rakkisaa ta’uu kan dubbattu Seenaa, gaafa muuxannoon dabalaa deemu garuu hamma ta’e madaalawaa ta’aa akka deemu ibsiti. 

Fuulduratti ogummaa kanaan fagaattee deemuu akka barbaaddu kaaste, caalaatti ammoo fooyyeeffachuuf dhiheenyatti carraa barnootaa argachuun gara Kaanaadaa deemuuf qophii xumurushee dubbatti. Hojiishee asii osoo hindhaabiin hojjechaa akka barattuufi gaafa xumurtus dhaabbata barnoota itti barattu waliin waliigaltee uumtee biyyasheetti deebitee hojjechuu akka barbaaddu kaasti.

Akka waliigalaatti biyya kana keessatti dargaggoonni hedduun osoo waa tokko hinargiin yommuu abdii kutatan akka mul’atu kaastee, kanarratti xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu akka qabuufi  keessumaa mootummaan haalota garagaraatiin irratti hojjechuu akka qabu himti. Carraan hojii akka uumamu ofiisaa qofa osoo hintaane dhaabbilee dhuunfaallee hirmaachisuun rakkoo hoii dhabdummaa hiikuuf caalaatti hojjechuu akka qabu kaasti.  Gama ogummaa arkiteektiitiinis namoonni hojiicharra jiran horii qofa argachuu osoo hintaane hubannoo dizaayinii uumaa deemuu akka qabaniifi hundumtuu kallattii irra jiruun jabaatee akka hojjetu dhaamti.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You