Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Ololli sobaa jireenya nama dhuunfaarraa ka’ee waliin jireenya namootaafi sochii dinagdeerratti waan dhiibbaa uumuuf hawaasni waanuma dhagahe amanuufi tamsaasuurraa of qusachuu akka qabu ogeessi qorqalbii (saayikolojii) ibsan.
Ogeessichi Obbo Abdulaahii Ahmad, ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, keessumaa ololli deemaa jiru manii warra ololicha hoofaa jiranii osoo rukutee dhuudhaa ummataa jaarraawwan hedduuf walkabajaafi waljaalachaa jiraaterratti dihibbaa dhaqqabsiisuun haala nageenyaa yaaddoo keessa galcha.
Gareen tokkoo kaayyoosaa milkeeffachuuf jette jettee hafarsuun ummata shakkiifi yaaddoo keessa galchuuttii waan dhimma bahuuf hawaasni osoo dhugummaa odeeffannoo hinmirkaneeffatiin waanuma dhagahe amanuufi tamsaasuurraa of qusachuu qaba jedhaniiru.
Sagantaan marii ‘Dargaggoo Sababaawoo’ jedhamu qorqabbii dargaggootaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhanii, odeeffannoo kamuu dursa kan argatuufi tamsaasu dargaggoo waan ta’eef, odeeffannoo argatan hunda osoo dhugummaasaa hinmirkaneessiiniifi dhiibbaa dhaqaabsiisu hinmadaaliin maatiisaaniifis ta’e hawaasaaf wayita tamsaasan sababaafi ittigaafatama guddaa waliin ta’uu akka qabu himaniiru.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013