
Finfinnee: Gareen shororkeessaa TPLF loyee Naannoo Amaaraa lixe humna milishaafi humna addaa naannoo Amaaraa gadi ta’uu Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa beeksise.
Gareen shororkeessaa kun hanga badutti oduun sobaafi burjaajii uumuu hindhaabbatu waan ta’eef, hawaasni oduu sobaafi burjaajii gareen kun uumurraa of eeguu qaba jedhame.
Daayreektarri Qunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanaa ibsa kaleessa kennaniin, Itoophiyaa oolchuuf duulli taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba jedhan.
Gareen shororkeessaa TPLF adda waraanaa karaa Raayyaa aanaa Gubbaa Laaftoofi Harbuu haleellaa ummata naannichaatiin irra gahe damdamachuu dadhabee meeshaa waraanaasaa gatee baqachuu himaniiru.
Milishaan naannoo Amaaraa miseensota garee shororkeessitoota booji’an Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabarsanii kennaa jiraachuu kan himan koloneelichi, meeshaa waraanaa isaan itti fayyadamaa turan milishaa miseensota garee kanaa booji’an akka itti fayyadaman taasifamaa jira jedhan.
Ta’us garuu gareen kun kisaaraa irra gahe damdamachuu dadhabee kan gara Gaashanaa, Takulaashiifi Qulmasikiitti dheesse akkuma kanaan duraa odeeffannoo sobaafi ololaa bareen ummata burjaajessaa jiraachuu ibsaniiru.
Odeeffannoo sobaa garee shorkoosseessa TPLF tamsaasuun hawaasni jeeqamuu akka hinqabnes dubbataniiru.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013