“Magaalaa keenyatti raawwii hojii bara 2013, haala yeroofi karoora bara 2014 irratti Adaamaatti mari’ataa jirra.
Marichi jaarmiyaalee sektaraa, hoggantoota kutaalee magaalaafi aanaalee kan hirmaachiseedha.
Waltajjichi dhimmoota biyyaalessaa haala yeroorratti gumaacha dursummaa hoggansaa iftoominaafi hubannoo kan uumuudha.
Waltajjii murteessaan kun gama tokkoon amantaafi imaanaa ummanni nutti kenne ga’umsaan bahachuuf, karaa biraatiin alaafi keessaan yeroo qorumsaa keessa jiraachuu keenya hubannee qorumsicha gara injifannootti jijjiiruuf duula cimaa qindaa’aafi walta’aa gochuudhaan ittigaafatamummaa biyya baraaruu keenya ummata magaalaafi biyya keenyaa wajjin taanee ce’uuf yeroo qophii ittitaasisnuudha.
Akjasumas bu’aalee ijoofi hanqinoota bara 2013 mul’atanirratti xiyyeeffachuun kanitti qorannu, hanqinoota dafnee ittimaqsinu, ittigaafatamummaa dachaa filannoodhaan nutti kenname bara 2014tti miira yeroo hinqabnuutiin daka buunee hojjechuudhaan hirmaannaa cimaa ittitaasisnuufi sadarkaalee hundatti sirna ittigaafatamuu diriirsuudhaan milkeessuuf waltajjii itti waliigalluufi humna dabalataa ittihorannuudha.”
– Adaanach Abeebee kantiibaa ittaantuu Finfinnee
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 1/2013