Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad hoogganaa warraaqsa dhaloonni haaraa dhagaan murna hattuufi saamtuu akkasumas gooltuu dura dhaabatee miixuu guddaan dhaleedha.
Yerichi yeroo dukkanaa ture, dukkana limixii sodaachisaa sana keessa qeerroofi qarreen Oromoo lubbuusaa wareeguun sirna badii sana dhabamsiisuun mootummaan haaromsaa isaaniin durfamu lafa qabteera.
Qabsoo hadhaa’aa dargaggoonni taasisan kanaanis keessumaa qeerroofi qarreen Oromoo kumaatamatti lakkaa’aman wareegamuun Doktar Abiyyii gara aangootti fiduunsaanii seenaa yerooti.
Lammiileen hiraarsa sirna murna bicuu sanaan goolamaa turanis bu’aa qabsichaatiin haara galfii argachuu dandahanii turan.
Erga mootummaan jijjiiramaa Doktar Abiyyiin hogganamu gara aangootti dhufees hojiileen siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa hojjetamaniifi bu’aaleen galmaa’an olaanaa ta’anis hamma hojjetaniin qixa kan hinajaa’ibsiifatamne ta’uu toorri Marsariitii Naayroobii Loo Menzilii jedhamu tibbana qabatee baheera.
Afrikaa Bahaatti Daariktarri Wiirtuu Tarsiimoofi Gorsaan Liinkii Kibbaa Barreessaa Abdiiwaahib Sheekii Abdisamad gabaasa balballoommii barreesseen Ministirri Muummee Itoophiyaa goota bu’aa galmeessan gituun hinfaarfamneedha jechuun ibseera.
Barreessichi guyyaa Doktar Abiyyi bokkuu bulchiinsaa Ministira Muummee Duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany harkaa fudhatanii jijjiiramoota galmeessisan tarreesseera.
Jijjiiramichaan booda Ministirri Muummee Doktar Abiyyi hidhamtoota siyaasaa kumaatamaan lakkaa’aman hiikuusaanii, walabummaa miidiyaa mirkaneessuu, waldhabdee Ertiraa wajjin waggoota dheeraaf ture nagaan furuufi kanaanis badhaasa Noobeelii Nageenyaa dhuunfachuu ibseera.
Milkaa’ina Ministirri Muummee Itoophiyaa kun galmeessisanitti kan hingammanne murni bicuu dur biyya saamaa, hataafi gola lammiilee golgoleessaa ture imala nagaa hogganichaa danqaa akka jirus eereera.
Murnichi Itoophiyaa idaa doolaara biiliyoona 30f saaxiluurra darbee maallaqa hedduu baankii biyya alaatti dhoksuufi osoo warqiinillee hinhafiin ukkaamsee biyyattii deegaaf saaxiluu ibseera.
Maallaqaafi albuuda ukkaamseen ammoo jaladeemtotaafi leellistootasaa waa’eesaa afarsaniif kennuun Itoophiyaa dirree jeequmsaa taasisee egeree biyyattii dukkaneessuuf sakaallaa hedduu ta’aa turuufi jiraachuu beeksiseera.
Jaladeemtonnisaa kunneen ammoo olola sobaa facaasuun hawaasa bal’aa burjaajessanii qaxxaamuraan aangoo qabachuun hannaafi saamicha dur baran sana milkeeffachuuf kufanii ka’aa jiraachuus addeesseera.
Waldhabdee sabummaa akka Itoophiyaatti bakkawwan gara garaatti mudachaa jiruufis sababni guddaa murna bicuu ABUT jedhee, akka fakkeenyaatti shira Abdii Illeetiin xaxamaa ture kaaseera.
Yeroo dhiyoottis Affaariifi Sumaalee gidduutti shira xaxuun jeequmsi akka hammaatu lammiileen walirratti akka ka’an hojjetaa turuu barreessichi ibseera.
Murni kun saamichaafi hanna baretti sanatti deebi’uuf olola sobaa afarsee biyya keessaafi alatti yaaliiwwan badii gara garaa taasisaa jira jedheera.
Hawaasni addunyaas olola murna bicuu kanaan gowwomee Itoophiyaarratti dhiibbaa gochuuf yaaluun sirrii miti kan jedhe barreessichi, haalichis seeraan ala jechuun qeeqeera. komateera. Yaaliin ABUT gara aangootti deebisuuf taasifamus sirrii miti jechuun yaadasaa ibseera.
Rippoortara gaazexichaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 1/2013