Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Mana Maree Daldalaafi Dameesaa Finfinneefi naannawaashee daldaltoonni Oromoo walitti dhufanii carraa jirutti akka fayyadamaniif hundaa’ee jiraachuun ibsame.
Walittiqabduu Ittaantuun Boordiifi Hoggantuun Damee Beeladaa mana marichaa Aadde Saaraa Hasan Adam gaafdebii Gaazexaa Bariisaa waliin tibbana taasisaniin, daldalaan Oromoo damee kamirrattiyyuu bobba’ee jiru daldaltoota baay’ee fiduun galmaa’ee miseensa mana marichaa ta’uun fayyadamuu danda’a jedhaniiru.
Manni marichaa kan undaa’e daldalaan Oromoo walitti dhufee akka muuxannoo walirraa fudhatu, carraa jirutti fayyadamu, ciminasaatiin hojjechuu akka danda’uufi fuulduraaf ammoo mana maree daldalaa isa federaalaa wajjinillee tokkoomuu akka danda’uuf ta’uus ibsaniiru.
Namoonni mana maree kana keessatti galmeeffamaa jiran hundi daldaltoota Oromoo ta’uu eeranii, daldalaan tokko daldaltoota Oromoo danuu gara mana marichaatti fidee dhufu qabuufi yoo kana ta’ee, daldalaan Oromoo kumaatamaan yoo dhufe mana maree Finfinnees ta’u kan federaalaatti dorgomuun akka danda’amu ibsu.
“Hojii barana hojjenne keessaa horsiisee bultoota keenya waliin walqabatee daba olaanaatu hojjetama raawwatama. Faddaalaan Jibuutiidhaa kaasee hanga Booranaatti deemee loon gatii fedheen irraa fudhata. Horsiisee bulaan keenya achumatti irraa hafa jechuudha. Kun kana booda hafuu qaba jennee asii deemnee Jibuutiitti konfiransii guddaa gaggeessinee mootummaa biyyattii wajjin waliigalleerra. Asirratti imbaasiin keenyallee guddaa nu gargaare” jedhu.
Dhimma kana miidiyaan tokko tokko akka waan manni maree daldalaa federaalaa mana maree daldala Jibuutii waliin waliigaleetti tamsaasuu kaasanii, garuu kan waliigaltee uume mana maree daldalaa Finfinneefi naannawaashee ta’uu ibsaniiru.
Dhimmicharrattis deebii kennuu kan dhiisan seenaa walii hatuu, walirraa butachuu, kan tokko dalage akka kan ofiitti odeeffachuun waanuma barame waan ta’uusaatiin ta’uus kaasaniiru.
“Asirratti wantin osoo hinkaasiin hindabarre shira bara Wayyaanee xaxameedha. Akka seera Itoophiyaatti naannoleen hidhata ykn hariiroo biyya alaa uummachuu hindandeessu kan jedhuudha. Gaafa hojiin keenya isa kaaniif kenname kan nuti callisnellee kanumarraa ka’eetu jechuudha. Hundaafuu manni marichaa qaama of danda’e ta’e dhaabbate, namoota of jalatti galmeessaa jira. Waajjijra matasaa Finfinneedhaa ni qaba; adeemsa seeraa hundas guuttatteera” jedhu.
Akka ibsa Aadde Saaraatti, kan hafe dameewwan addaddaa banuun babal’isuun namoota itti mindeessuu ta’uu himanii, kanaaf daldaltoonni Oromoo damee kamirrattuu bobba’aniifi eeyyama daldalaa qaban akka galmaa’an waamicha dhiheessaniiru.
Fuulduratti magaalota Oromiyaa hundarratti damee banachuuf karooraa qabaachuufi namni Finfinneefi naannawaashee ala jiru, mana marichaa keessatti hirmaachuu barbaadus dhufee galmaa’uu akka danda’u ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013