Qajeelfama karooraa qisaasama bajataafi gabaasa sobaa hambisu

Caancoo: Ministeerri Fayyaa qajeelfama ‘One plan, one budjet, one report’ jedhu ALA bara 2017 irraa eegalee hojiirra oolchaa jira. Kunis keessumaa deggarsi maallaqaa dhaabbilee deggartootaarraa argamu akka hinqisaasamneefi sirriirra waan yaadameef akka oolu dandeesisuufi.

Qajeelfamichas hanga sadarkaa godaatti diriirsuun karoorri keellaa fayyaadhaa kaasee qabamu bifa walfakkaatuun akka karoorfamee gara, buufataatti, buufatarraa hospitaalatti, hospitaalarraa magaalaatti, magaalaarraa, godinatti, godinarraa naannootti dhufuu taasifamaa jira. Gabaasni haaluma walfakkaatuun kan deemu yoo ta’u, bajannimmoo gubbaarraa kaasee hanga gajjallaatti tartiibaan gadi bu’a jechuudha.

Gama kanaan raawwiin Naannoo Oromiyaa fakkeenyummaa waan qabuf jecha ministeerichi Jilli, Rippablikii Afrikaa Giddugaleessaarraa dhufan dheengadda adeemsa hojii Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa (BEFO) irraa kaasee jiru hanga Hospitaala Caancoo akka daawwatan taasiseera.

Hogganaa Ittaanaan BEFO Obbo Darajjee Abdannaa, hojii karoora tokko, bajata tokko, gabaasa tokko (One plan, one budjet, one report) ilaalchisee hojjetame miidiyaaleef wayita ibsan akka himanitti, sadarkaa Oromiyaatti qajeelfamichi hojiirraa ooluu erga eegalee waggoota shan caaluu kaasanii, keellaa fayyaarraa kaasee hanga sadarkaa naannootti hojiirra oolees bu’aa gaariin irraa argamuusaa dubbatu.

Kaayyoon qajeelfamichaa inni ijoo, gabaasonni kana duraa akka biyyaatti dhufan bifa faffaca’en kan dhufan ta’uu caalaa kan afaan tokko itti dubbatamu akka hinturre kaasanii, qajeelfamichi garuu sirni gabaasa itti gabaafamu tokko akka ta’uuf agarsiiftuuwwan seektara fayyaaf fayyadan murteessuun hojiitti galamuu eeru.

Kanaaf akka oolus agarsiiftuwwan 131 ta’aan haala gabaasa qopheessuuf fayyadan qophaa’uu himanii, kunis bakkeewwan tajaajilli fayyaa itti kennaman kellaa fayyaarraa kaasee hanga hospitaalaa rifaraalaatti galmeewwan sadarkaasaanii eeggataniifi walfakkeenya qaban qopheessuun danda’amuusaa ibsu ittaanichi.

Akka Obbo Darajjeen jedhanitti, hojii kanaan dura barreeffamaan (hard copy) dhaan tures ragaa hunda kompiwutaratti galchuudhaan bakka tajaajilli itti kennamurraa kaasee hanga Ministeera Fayyaatti argachuun ni danda’ama. Kana malees qajeelfamichi unka gabaasaa walfakkaataa waan qabuuf hunduu afaan walfakkaatu haasa’uudhaan afaan tokko akka haasa’u akkasumas, gabaasni sobaa akka hinjiraanneef fayyadeera.

“Karooraan walqabates, kanana dura aanaa, godinniifi naannoonakka barbaadetti karoorfataa ture. Amma garuu Ministeerri Fayyaa hojiilee ijoo hojjetamuu qaban gara naannootti gadi buusa, naannoon ammoo sadarkaasaa eegee hanga aanaatti gadi buusa. Dhuma waggaarrattis hojiin hojjetame kan ministeerichaa waliin walsimuufi dhabuun isaa ni qoratama” jedhu.

Dabalataanis qajeelfamichi adeemsa kanaan dura dhaabbileen deggartootaa karoora ofiisaaniin baafachuun akka barbaadanitti hojjetan hambisuun karoora mootummaa akka deggaran waan taasisuuf, deggarsi mootummaarraafi dhaabbilee deggartootaarraa argamuus addaan ba’ee akka beekamuf fayyada jedhu.

Aadde Maanzibahal Kaantaal Gorsituu Teknikaalaa Ministeera Fayyaa Rippablika Afrikaa Giddugaleessaa yoo ta’aan, isaanis daawwannaan booda ibsa miidiyaalef kennaniin hojii karoora tokko, bajata tokkofi gabaasa tokkorratti hojjetamerraa waa baay’ee barachuusaanii eeranii, muuxannoo kana gara biyyasaaniitti geessuun kan ittiin hojjetan ta’uu ibsu.

Keessumaa, adeemsichi iftoomina kan qabuufi bifa malaammaltummaarraa bilisa fakkaatuun hojjetamuun isaa biyyoota akka biyyasaanii guddinaan boodatti hafaniif faayidaa olaanaa waan qabaatuuf filatamaa ta’uu himu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You