Finfinnee: Lagni Awaash oggaa tibbi gannaa gahu hawaasa naannawaa sulula qinxamaa keessa jiraatuuf yaaddoo guddaa ture. Kanaanis yeroowwan garagaraatti qe’eerraa buqqa’uun rakkoo hawaasummaafi dinagdeef saaxilamaa turaniiru. Keessumaa hawaasni Aanaa Sabbataa Hawaas miidhamaa ture.
Ittigaafataman Waajjira Sodaa Balaa Aanichaa Obbo Addunyaa Galaan ibsa Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda kennaniin lagichi miidhaa akka hinqaqqabsiisne bal’inaafi gadifageenya bishaan keessa yaa’uu danda’u hanga dheerina kiiloomeetira shanii haguugu keessatti dabalamuu ibsan.
Gandoota aanicha hedduu keessatti lolaan bishaanii waktii gannaa mudachuun hawaasa buqqisuun qabeenyaa amma lubbuutti mancaasaa turuu eeranii, hojii ittisa lolaa milkaa’aa hojjetameen hanga ammaattii miidhaan dhaqqabe akka hinjirre ibsaniiru.
Hojiin ittisa lolaa gadii fageenyaafi bal’ina bishaan keessa yaa’u dabaluun cinaatti, kan bona keessa yaa’aa tures haxaa’ameera jedhanii, lagichi bonaa ganna hojii misoomaatiif akka oolu karoorfamuus ibsaniiru.
Yeroo hedduu lolaan Godina Shawaa Lixaa, karaa Aanaa Ejersa Lafootiin cabsee waan dhufuuf osoo hojii walfakkaatan achiinis hojjatamee jechuun ganda Wareersoo keessatti bakki gartokkeen qofti qotamuun itti hafe waan jiruuf innis sodaa uumuu himaniiru.
Jilli sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa Doktar Girmaa Amanteen durfamu torbee darbe hojiilee dursaa lolaa waytii gannaa mudachuu danda’u hambisuuf akka aanaalee Iluufi Sabbataa Hawaasitti hojjatame yeroo daaw’atetti, rakkoo lagni Hawaas qaqqabsiisaa ture furuuf hojiin hojjatame gaarii ta’uu himan.
Ta’us hojichi barfatee jalqabuusaarraa kan ka’e iddoowwan tokko tokkotti osoo lageen hin axaa’amiin hafuu eeranii, wanti hojjatame garuu balaa tasaa jalaa hawaasa keenya ni baraara jennee abdanna jedhan.
Hojiiwwan ittisaaf hojjataman kunneen fala yeroo ta’uu kan himan Doktar Girmaan, fuulduraaf garuu bishaan akkasumaan qisaasa’e miidhaas geessisu kana mala ammayyaan kuusuun misoomaaf oolchuurratti mootummaan naannichaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Hawaasti rakkoolee kanneen irraa amma tokko baraaramuu isaa hubachuun qonna isaa sirnaan gaggeessuu akka qabu, darbees iddoowwan hojiiwwan kunneen itti hojjataman bishaan akka hincabsineef eegumsa taasisuun irra jiraata jedhaniiru.
Iddoowwan sodaan jirutti haalli roobaa hammaachuun balaan yoo qaqqabe mootummaan naannichaa lafti qonnaa tokkollee agabuu akka hin bulle deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uus himaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 24/2013