“Hanga gootichi injifannoon deebi’utti deeggarsi ittifufa” – Aadde Fatiyaa Mahaammad

 Finfinne: Kutaan Magaalaa Aqaaqii Qaallittii erga hojiin seera kabachiisuu akka biyyaatti jalqabamee hanga ammaatti Raayyaa Ittisa Biyyaa haalota garagaraatiin deggaraa jira.

Hojjetanii hojjechiisuun kan beekaman raawwachiistuun hojii kutaa magaalichaa Aadde Fatiyaa Mahaammad ibsa kaleessa Gaazexaa Baarisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, kutaan magaalichaa deeggarsa marsaa jalqabaatiin qarshii, galaafi akaakuuwwan garagaraa qarshii miliyoona 86 tilmaamamu walitti qabuun adda waraanaatti eergameera.

Marsaa lammaffaan qarshii, galaafi akaakuuwwan garagaraa hanga qarshii miliyoona 40 ta’u waliittiqabamuu eeranii, dargaggoota dhiibba 300 Raayyaa Ittisa Biyyaatti makuuf qorannoo fayyaa xumuruun calalamanii qophaa’uu ibsaniiru.

Hawaasni kutaa magaalichaa maanguddoo hanga ijoolleetti miira xiiqii guddaan humnaafi qabeenya qabu hundaan Raayyaa Ittisa Biyyaa bira dhaabachuuf fedhii akka qaban ibsanii, lammiin Itoophiyaa kamuu qarshii qofaan osoo hintaane yaadaafi humna qabuun hirmaachaa jiraachuun hoggaansaafillee hamilee ta’uu himaniiru.

Haalli gaggeessaan sirnoota bulchiinsa duraanii keessatti hubatamaniifi wayita amma jiru tasuma tokko miti. Akka qajeelfama paartii Badhaadhinaatti wanti
jalqabaa hogganaan ummata hogganutti dhiyoo ta’uun miiraafi fedhii hawaasichaa beekuu qaba waan jedhuuf wayita deeggarsi walitti qabamaa jiru kanattis hoggansis ta’e kutaaleen hawaasaa marti fedhiidhaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hogganaan hawaasuma keesssa jiraatu keessaa waan baheef akkuma inni barbaadutti miira tajaajiltummaatiin gaggeessuun barbaachisaadha jedhanii,
fageenyi hawaasaafi hogganaa gidduu jiru cabuu waan qabuuf akkuma nama kamiittuu biqituu dhaabuun, mana haadha hiyyeessaa ijaarsisuun ittigaafatamummaa bahachuun barbaachisaa ta’uu eeran.

Miirri tajaajiltummaa gaggeessitoota keessatti akka dagaaguuf hoggansi hojii fakkeenyummaan eeramu hojjechuu qaba jedhanii, isaanis ijoollummaasaaniitii jalqabanii wayita hojii hunda hojjetan itti dhimmaniifi of kennanii ta’uu himaniiru.

Torbeewwan lamaan dhufan keessatti deeggarsa akaakuuwwan garagaraa hanga miliyoona 50tti tilmaamamu walitti qabuuf karoorfachuu eeranii, hanga Raayyaan Ittisa Biyyaa injifannoon deebi’utti deeggarsichi cimee kan ittifufu ta’uu beeksisaniiru.

Deeggarsi akaakuu taasifames maakaronii, sangoota, tumaaleyyii re’eefi hoolota, sukkaara, bassoo, buddeena gogaafi kanneen biroo kan hammate ta’uufi deeggarsichis gaggeessitootaafi jiraattota kutaa magaalichaarraa walitti qabamuu eeraniiru.

Gareen shoroorkeessaa ABUT waraana dheeressuun dhiibbaa biyyaafi ummatarraan gahuuf kaayyeffatee socho’aa waa jiruuf, mootummaan waraanicha yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu lammiileen hundi deeggarsa barbaachisu maraan Raayyaa Ittisa Biyyaa bira dhaabachuu qabu jechuun dhaamaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You