“Kanaa booda tajaajiloonni Oromiyaa keessatti kennaman madda galii hattootaa hinta’an” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Samraawiit Girmaatiin

Pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffee tibbanaarratti karoora bara 2014 dhiheessanii keessaa akka maxxansaaf tolutti akka armaan gadiitti qindaa’eera.

Imala biyyittiin  qabatte tarkaanfachuuf yaalaa jirtu karaarratti hambisuuf keessaafi alaan dhiibbaawwan mudachaa jiran dandammachuun bara 2014 hojiilee misooma dinagdee, hawaasummaafi nageenya naannichaa caalmaatti mirkaneessan hojjechuuf karoorfameera.

Haaluma kanaan, dinagdeen gooroo naannichaa bara 2013tti dhibbantaa sagaliin (%9) akka guddatu kan tilmaamame yommuu ta’u, bara 2014tti giddugaleessaan %13n guddisuuf kutannoon kan hojjetamu ta’a.  

Omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf qorannaafi qo’annaan karaa deggarameen badhaadhina maatii mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan haaraa bara 2013 keessatti eegalaman babal’isuun fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuu, akkasumas guddina biyyaaf hiikkoo olaanaa kan qaban cimsuun kan hojjetamu ta’a.

Bajata mootummaarraa argamu qofaan fedhii hawaasa baadiyyaafi magaalaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe guutufi imala badhaadhinaa eegalame sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf waan hindanda’amneef, muuxannoo baroota darban argamerraa ka’uun hojiilee bara 2014 keessatti hawaasni misooma waloorratti tumsa eegale akka ittifufuufi badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf deemamu milkeessuuf qonnaan/horsiise bulaan hundi karoora dhuunfaa mataasaa akka qabaatuufi ittiin gaggeeffamuuf kan hojjetamu ta’a.

Kanaan alattis raawwii hanga ammaatiin ittifayyadamni maallaqa fandii lafaa akka ture ni beekama. Raawwii kana fooyyessuudhaan, dhaabbilee deggartoota misoomaa kanneen ta’an waliin yeroo yeroon waliin mari’achuun maallaqaafi deggarsoota biroo isaanirraa argamu haalaan fayyadamuun misooma naannichaa saffisiisuuf yeroo kamuu caalaa barana deggarsaafi hordoffii gama kanaan barbaachisu cimsuudhaan kan hojjetamu ta’a.

Imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf sadarkaa maatiitti badhaadhina mirkaneessuun dhimma filannoof dhiyaatuu miti. Kanaafis qonnaan/horsiisee bulaan, jiraataan magaalaa, hojjetaan mootummaa, dargaggoonni, dubartoonnifi kutaan hawaasaa kamuu waan argaturraa qusachuun barbaachisaa ta’a. Qusannaan alatti invastimantiin hinjiraatu, invastimantiin alatti guddinni yaadamus hinmilkaa’u.

Wanti qusatame yoo jiraate liqaan jiraata. Kanaafuu, dhaabbileen faayinaansii kanneen akka baankii Siinqee kallattiidhaan jiruufi jireenya hawaasa baadiyyaa jijjiiruuf hundeeffameefi bifa addaatiin ammoo dubartoonni dinagdeedhaan akka cimanii of danda’aniif kan hojjetutti dabtara qusannoo qabaachuun qusachuun barbaachisaa qofaa osoo hintaane murteessaa waan taheef MNO xiyyeeffannaa addaatiin dhimma qusannoorratti ni hojjeta.

Qonna ceesisudhaaf tajaajila ekisteenshinii ammayya’aa ta’eefi dandeettii humna raawwachiisummaa caasaa sadarkaan jiru cimsuun hirmaannaa qonnaan/horsiisee bultootaa kilaastaraan omishuufi paakeejiiwwan guutuu fayyadamuu, hojimaata fooyya’oofi makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuurratti qaban guddisuun omishaafi omishtummaa qonnaa teknolojiin deggarame hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaa olaanaan kennamee kan hojjetamu ta’a.

Bara omisha 2013/14 irratti hojii hojjetamaa jiruun, lafa heektaara miliyoona 6.3 qotamee midhaan akaakuuwwan addaddaatiin uwwifamurraa oomisha kuntaala miliyoona 198.6 argamsiisuuf ni hojjetama. Haaluma walfakkaatuun, omisha qonna gannaa bara 2014/15n lafa heektaara miliyoona 6.3 misoomurraa omisha midhaanii akaakuuwwan addaddaa kuntaala miliyoona 214.3fi qonna arfaasaa bara omisha 2014/15 keessattis lafa heektara 965.6 misoomurraa omisha midhaan akaakuuwwan addaddaa kuntaala miliyoona 17.5 sassaabuuf karoorfameera.

Bara 2014tti lafa hektaara kuma 807.3 jallisii marsaa 1fafi marsaa 2fan misoomsuun omisha akaakuu addaddaa kuntaala miliyoona 124.3 argamsiisuuf kan karoorfame yommuu ta’u, muuxannoo gaarii barakana qamadii jallisiin misoomsuurratti argame caalmaatti babal’isuun lafa heektaara kuma 607 qamadii jallisiidhaan misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 16.3 akka argamuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’a. Ittifayyadama xaa’oo bara 2013/14 faayidaaf oolu kuntalaa mil.8.2 dhiyeessuun raabsuuf karoorfamee milka’inaan raawwachuuf hojjetamaa jira.

Bifuma walfakkaatuun, ittifayyadama sanyii filatamaa bu’uuraa (C1) kuntaala miliyoona 1.5 dhiyeessuun faayidaarra oolchuuf kan karoorfame yommuu ta’u, keemikaalotni akaakuuwwan addaddaa kiiloo giraama miliyoona 3.1 dhiyaatee tajaajila barbaadamuuf akka oolu ni taasifama.

Bara 2014 keessatti omisha bunaa qulqullinaafi sadarkaasaa eeggate miccamaa toonii kuma 79fi buna gogaa toonii kuma 203 waliigalaan toonii kuma 282 omishamee gabaa alaafi biyya keessatti dhiyaatuun galii sharafa alaa gama kanaan argamu guddisuuf ni hojjetama.

Bara 2014tti tajaajila mala namaan loon diqaalomsuu kuma 243.7 kennuuf kan karoorfame yommuu ta’u, raanchiiwwan hawaasaa naannicha keessa jiran sadarkaan isaanii akka fooyya’u akkasumas, hojii kunuunsa sanyiifi misoomni nyaata beeladaarrattis xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’a.

Gama birootiin, misooma lukkuu fooyyessuuf giddugaleessota lukkuu jiran humna omishtummaasaanii cimsuun, lukkuu sanyii fooyya’aa kan guyyaa tokkoo miliyoona 8.5fi kan ji’a sadii sokkee/goramtii miliyoona 14 horsiistota akka qaqqaban ni taasifama.

Omisha dammaatiin walqabatee, gaagura kanniisaa ammayyaa kuma 126fi idileedhaan kuma 80, waliigalaan kuma 206 kan dhiyaatu ta’a.

Bara 2014 keessatti waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa 126 dabalataan ijaaruun waliigalaan waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa akka naannootti jiran kuma 20fi 403 irraan gahuuf kan hojjetamu yommuu ta’u, riiformii waldaalee hojii gamtaarratti hojjetamuun kaappitaala qarshii biliyoona 1.54 dabalataan akka horatamu ni taasifama.  Rakkoo gama faayinaansii baadiyaatiin jiru hiikuuf aadaa qusannaa waldaalee hojii gamtaa babal’isuun qarshii biliyoona 2.075 miseensota waldaalee hojii gamtaan kan qusatamu ta’a.

Bara 2014tti pirojektota buleeyyii waggootii dheeraaf harkifachaa turan xumursiisuufi haaraa baay’ee murteessoo ta’anirratti kan xiyyeeffatamee hojjetamu ta’a. Haaluma kanaan, uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu xumura bara 2013tti %76.42 irra gahe bara 2014tti % 81 irraan gahuuf ni hojjetama.

Misooma inarjii keessatti sagantaa waliin gahiinsa humna elektirikii guddisuun uwwisa tajaajila humna elektirikii mandaroota 550 ta’aniif galchuun; gandaan gara %40tti, mandaraan gara % 20ttifi ummataan gara %35tti guddisuuf kan hojjetamu ta’a.

Gama misooma albuudaatiin omishni gabaa biyya keessaafi biyya alaaf dhiyaaturraa walduraa duubaan qarshii miliyoona 300fi doolaara miliyoona 325 maddisiisuuf kan hojjetamu ta’a. Bara 2014 keessatti walumaagalaan hojiilee misooma daandii sadarkaa naannoofi godinaatti raawwatamuun; daandii kiiloo meetira kuma lamaafi 615 ijaaruun dheerina daandii naannoo Oromiyaa hanga dhuma bara 2013tti kiiloo meetira kuma 57fi159 irra gahee ture gara kiiloo meetira kuma 59fi 774tti kan guddatu yommuu ta’u; daandii idilee kiiloo meetira ja’aafi 532.5fi sagantaa waliin gahinsa daandii baadiyyaa kiiloo meetira kuma shaniifi 996 kan suphamu ta’a.

Bifuma walfakkaatuun, riqaaleen ijaarsarra jiran 177 hojii ijaarsasaanii saffisiisuun tajaajilaaf akka qaqqaban ni taasifama. kan hojjetamu ta‟a.

Guddina dinagdee qulqullina qabu galmeessisuun, dargaggoonni misooma gaggeeffamurraa fayyadamaa akka ta’aniif, bara 2014tti carraan hojii jireenya lammilee fooyyeesuu bal’inaan kan uumamu yoo tau, haaluma kanaan, bara 2014 keessatti carraa hojii dhaabbii miliyoona 1.2fi carraa hojii yeroo kuma 300 uumuun waliigalaan carraan hojii miliyoona 1.5 lammiileef kan uumamu ta’a.

Kanaafis qusannaa sochooftoota IMX irraa qarshii mil.525fi qusannaa hawaasaatiin qarshii biliyoona.7.47 kan sassaabamu ta’a. Sochooftoota IMX kuma 280 intarpiraayizoota kuma 56 jalatti gurmaa’aniifis liqiin qarshii biliyoona 3.5 kan mijaa’uuf ta’a.

Bifuma walfakkaatuun, rakkoo omishaafi gurgurtaa intarpiraayizoota qunnamu hiikuuf, sochooftoota kuma 546.6 kan qaban intarpiraayizoota kuma 46.08 jalatti gurmaa’aniif lafti heektaara kuma 35.5 akkasumas sheediiwwan kuma sadiifi 300 kan mijatan yommuu ta’u, rakkoo gabaa hiikuuf walitti hidhamiinsa gabaa qarshii biliyoona 12 argamsiisuu danda’u ni uumama.

Invastimantiin naannicha keessatti gaggeeffamu kamuu qonnaan bulaa keenyaaf sodaa ta’uun qe’eefi qabeenya irraa kan buqqisuu osoo hintaane hammataafi hirmaannaasaa kan mirkaneessu akka ta’u gochuuf, pirojektota bara 2014tti simataman keessaa %76.4 pirojektota qonnaan/horsiisee bulaafi intarpiraayizootni xixiqqaan qabeenya horataniin kan gaggeeffaman ta’a.

Simannaa invastimantii kana keessatti baay’ina qofaa osoo hintaanee, pirojektootatti sona dabaluun guddina dinagdeerratti shooraa olaanaa qabaniif dursa kennuun pirojektoota waliigalaa simataman keessaa maanufaakchariingiin % 15.2, qonni % 43.3 fi Agiroo-industriin % 24.9 akka qabaatan kan taasifamu yommuu ta’u, hoteelafi tuuriizimiin % 6.5, konistiraakshiniin % 2.9, pirojektoota tajaajilaa % 3.9fi kanneen hafan warra inarjii maddisiisan, odeeffannoo teknolojiifi kkf irratti kan bobba’an ta’a.

Bu’aa qabeessuumaa invastimantii mirkaneessuuf pirojektota baroota darban keessa murtee argatanii sadarkaalee addaddaarra jiran kuma shaniifi 413 akkasumas, pirojektota ijaarsa xumuranii sababa addaddaatin hojii keessa hingalle 592 hojii omishaa/tajaajilaa akka eegalan ni taasifama. 

Tarkaanfiiwwan haaraa seektara barnootaa keessatti qabamanii turan itti fufsiisuun dhimma xiyyeeffannaa addaan hojjetamu ta’a. Haaluma kanaan, dhaabbilee barnootaa qaqqabamaa gochuuf manneen barnootaa sadarkaa 1fa (1-8) kuma 15fi 50 irraa gara kuma 15fi 150tti, sadarkaa 2fa (9-12) kuma tokkoofi 310 irraa gara kuma tokkofi 350n gahuuf kan hojjetamu yommuu ta’u, qindoomina qaamolee qooda fudhattootaafi hawaasaan ijaarsa manneen barnootaa sadarkaa duraa kuma sadii ijaaruufi mana jireenya barsiisotaa aanaalee horsiisee bulaa keessatti kuma torbaafi 492 ijaaruun ni raawwatama.

Hirmaannaa barattootaa barnoota sadarkaa 1fa kuma 853.3 irra ture gara miliyoona 1.01tti, baay’ina barattoota haaraa umurii waggaa 7 kutaa 1 kuma 810.3 ture miliyoona 1.02tti, baay’ina barattoota kutaa (1-6) miliyoona 6.6 ture gara miliyoona 7.6tti, baay’ina barattoota kutaa (7-8) miliyoona 1.1 ture gara miliyoona 1.2tti, baay’ina barattootaa sad.2fa (9-12) miliyoona 1.1 irra kan ture, mil.1.26 irraan gahuun; waliigalaan barnoota idileen duraafi barattoota kutaa (1-12) miliyoona 10.4f barnootni qulqullina qabu akka kennamuu ni taasifama.

Hojiilee kunneen hundi yommuu hojjetaman akka kanaan duraa hattoota abaaraa kan taa’amu osoo hintaane tarkaanfiin barbaachisu fudhatamaa badhaadhinni biyyatti ni mirka’na’a jedhaniiru.

Akka biyyaattis ta’u akka naannootti hiyyummaa keessaa akka hinba’aamneefi fayyadamummaan lammilee akka hinmirkanoofne taasisaa kan jiru hattummaa ta’uu eeranii, kanaa booda tajaajiloonni naannicha keessatti kennaman madda galii hattootaa akka hintaane hubachiisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You