Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Qaala’insa jireenyaa biyyaattii mudateen walqabatee, haala qabatamaa ammaan tana mul’ataa jiruun jiruun gatiin bu’aawwan bineeldotaa yeroo gara yerootti dabalaa jira. Keessumaa annaniifi foon namoonni jireenya giddugaleessarra jiranillee bitanii fayyadamuuf galii argatan wajjin kan walmadaalu miti.
Daarektarri Ittaanaan Inistiitiyuutii Misooma Industirii Aannaniifi Foon Itoophiyaa Obbo Sahaaluu Muluu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, qaala’insa jireenyaa wajjin walqabatee wantoota hundarratti daballiin gatii jiraatus kan aannaniifi foonirratti mul’ate garuu daran hamaadha. Kunis caalaatti hanqina to’annoo wajjin waan walqabatuuf qajeelfamoota adda addaa qopheessaa jira.
Naannoon Oromiyaa qajeelfama sadarkaa qulqullinaafi faddaaltota sarara gabaa jeeqan to’atu akka naannootti hojiirra oolchuun fayyadamuufi akka fedeeraalaattis naannicha waliin ta’uun to’annoo cimsanii gabaa tasgabbeessuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Daballiin gatii mudate hanqina omishaa wajjin hidhata kan hinqabne ta’uu eeranii, omishni olaanaan tokko tokkoon qe’ee qonnaan bulaa keessa jiraatus sababa hanqina bu’uuraalee misoomaatiin omisha walitti qabuun gara warshaaleetti fiduun rakkisaa ta’uus beeksiisaniiru.
Instiitiyutichi aannaniifi foon qulqullinasaa eeggate industiriiwwan biyya keessaatiif dhiyeessuuf Abbaa Taayitaa To’annaa Nyaataafi Qoricha Itoophiyaa wajjin hojjetaa jira jedhanii, ammaas rakkoon sadarkaa qulqullina aannaniifi foonii gadaanaa ta’uu himaniiru.
Alergii aannan re’eefi gaalaarratti biyyoonni ollaa fedhii olaanaa agarsiisaa waan jiraniif Instiitiyutichis sarara gabaa mijeessuun qaamota barbaadan biraan gahuufi omisha biyya keessaa guddisuuf aannan bakka omishamerraa qulqullinsaa eegatee, adeemsa warshaa keessatti hordofuu qabu xumuree akka hawaasa bira gahu xiyyeefannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013
Galiin alergii damee fooniirraa akka biyyaatti argame kanneen biroo waliin walbira qabamee wayita ilaalamu sadarkaa lammaffaarra jira jedhanii, bara bajataa 2013 qofatti qarshiin miliyoona 82.6 argamuus ibsaniiru.
Waggoota sadan darbanitti jijjiiramoota taasifamaniifi hojii dippiloomaasii biyyoota ollaa waliin hojjetameen carraa gabaa haala nama jajjabeessuun guddisuun galii argamerrattis jiijjirama olaanaa fiduu danda’eera jedhu.
Daandii Qilleensa Itoophiyaa dabalatee hoteelonniifi supparmaarkeetonni biyya keessatti argaman omishtoota biyya keessaarraa sochii bu’aalee bineeldotaa akka fayyadaman taasifameen bu’aa gaariin argamuus himaniiru.
Dhabbilee barnoota olaanaas waliinis hojiin qorannoo waloofi humna namaa industiiriwwaniif dhiyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjeetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013