“Ijaarsi yunivarsitoota dhaloota 4fa yeroodhaan xumuramaa jiraatullee hanni damicha golgoleessaa jiru xiyyeeffannaa fedha” -Doktar Girmaa Mokonnon

 Waasihun Takileetiin

Ijaarsi yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa qulqullinaafi yeroon akkasumas haala bajata qusachuu danda’uun gaggeeffamaa jiraachuu Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaatii Hogganaan Damee Ijaarsa Yunivarsitiiwwanii ibsan.

Doktar Girmaa Mokonnon gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin ijaarsi yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa qulqullinaafi yeroon xumuramaa jiraachuu beeksisaniiru.

Yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa jalatti ramadaman 12 (Salaalee, Dambidolloo, OdaaBultum, Booranaa, Qabrii Dahaar, Jiinkaa, Boongaa, Waraabee, Injibaaraa, Dabaarqiifi Yunivarsiitii Raayyaa) yoo ta’an, ijaarsasaaniif qarshiin biliyoona 13 ol kan ramadamuufi qisaasama tokko malee raawwatamuu ibsaniiru.

Sababa harkifannaa ijaarsatiin yeroon simannaa mudachaa ture kan yaadachiisan Doktar Girmaan, ijaarsiwwan hedduun qulqullinafi hordoffii dhabuun mootummaa baasii hinmalleef saaxilaa akka turan dubbatu.

Hordoffiin ijaarsaa yunivarsiitiiwwan dhaloota 4farratti taasifame hattootatti karaa kan cufe, ergama kaa’ame kan milkeesse, qulqullinaafi yeroon kan xumurame ta’uu himaniiru.

Pirojektonni ijaarsa yunivarsiitiiwwan dhaloota 1fa hanga 3fa hedduunsaanii hannaafi saamichaaf saaxilbahuusaaniin walqabatee rakkoon qulqullinaa akkasumas baasiin dabalataa akka bahu taasianiiru jedhu Doktar Girmaan.

Dameen ijaarsaa maallaqni guddaan baasii itti ta’e pirojektonni gurguddaa kan itti gaggeeffamanidha jedhanii hordoffii dhabuun qarshiin biliyoonaan lakkaawamu akka qisaasahuufi kiisii namoota dhuunfaa akka galu ta’aa waan jiruuf mootummaan xiyyeeffannoo itti kennuu akka qabu dhaamaniiru.

Guutummaa gaafdeebiisaanii fuula Mijuurraa argattu

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You