“Wiirtuun odeeffannoo irraa argannu tokko jiraachuu qaba” -Gaazexeessaa Girum Caalaa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Itoophiyaa keessatti hojii gaazexeessummaadhaan walqabatee odeeffannoo sirriifi qulqulluu argachuun rakkisaa ta’uusaatiin wiirtuun tokko osoo hundeeffame gaarii ta’uu Gaazexeessaan Idil Addunyaa Girum Caalaa ibse.

Gaazexeessaan kun gaafdeebii Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhetti, waajjiraalee sadarkaa sadarkaan jiranitti daarektarri ykn ogeessi kominikeeshinii jiraatuus odeeffannoo qulqulluu, sirriifi walfakkaatu argachuun rakkisaa ta’aa jira.

Haalli kun akka jijjiiramuuf mootummaas ta’u namoota dhimmichi ilaallatu irra deddeebiin gaafachuufi marii yeroo tokko ministira muummee waliin waajjirasaaniitti taasifamee turrerrattis ka’uu eeree, haalli kun jijjiiramuu baannaan odeeffannoo miidiyaaleen tamsaasan garaagarummaa uumuun ummatallee burjaajeessuu akka danda’u dubbateera.

“Amma yeroon kan miidiyaa hawaasummaati. Namni tokko ka’ee “Akkana ta’ee jira” jedhee yoo maxxanse isa adda baafachuuf yommuu yaallu baay’ee rakkanna. Dhimmi kun itti yaadamuu baannaan biyyattii miidhuu danda’a, waldhabdeefi waljibbinsis bal’achuu danda’a. Akka duraa sana Ministirri Kominikeeshinii deebi’ee ijaaramuu yoo baatellee, wiirtuun odeeffannoo nuuf kennu akka jiraatu ni barbaanna jedha.

Wiirtuun odeeffannoo kan yeroo barbaannetti deemnee gaafachuu dandeenyu, bilbillee kan irraa qulqulleeffannu, moosaajii isaanii bannee odeeffannoo barbaanne kan irraa argannu hundeessuun barbaachisaadha kan jedhgu Girum, odeeffannoo nuti barbaannu dhimma bishaanii, daandii ykn  nageenyaa haa ta’u wiirtuu tokko keessatti haalli itti argannu utuu mijatee gaariidha” jedha.

Akka gaazexeessaan kun jedhutti, wiirtuu akkanaa dhibuun hojiirratti dhiibbaa uumaa jira. Fakkeenyaaf dhimma walfakkaataa tokkorratti odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Nageenyaa, Poolisiifi kan kana fakkaatanrraa argamu yeroo inni addadda ta’u ni jira.

Dhimma tokkicha adda baafachuuf gaafa bakka sadii afur deemamus ni jira. Ta’uu kan qabu garuu akka biyyoota biroo saaphanni odeeffannoo qulqullaa’aa ta’e tokko uumamee namni barbaade isa cuqaasee odeeffannoo barbaadu argachuudha. Ta’uu baannaan odeeffannoon sirrii hintaane tamsa’uun biyyaafi ummatallee balaa keessa buusuu danda’a.

Guutummaa gaafdeebii Gaazexeessaa Girum Caalaa wajjin taasine  fuula Keessummaa Gaazexaa Bariisaarraa argattu.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You