Taphini kan banamu Itoophiyaafi-Eritiraadhaan

Tashoomaa Qadiidaatiin

F i n f i n n e e : Q o p h e e s s u m m a a Konfedereeshinii kubbaa miilaa biyyoota Bahaafi Gidduu Galeessa Afrikaatii yeroo jalqabaaf kan adeemsifamu wal morkiin waancaa kubbaa miilaa dargaggoota umri 23 gadii har’aa magaalaa Baahir Daaritti eggalama.

Wal morkiin kun kanaan dura waancaa kubbaa miilaa Bahaaf Giddu Galeessa Afrikaa “CACAFA” jedhamuudhaan waggoottan 40f adeemsifamaa tureera.

Haata’u malee sababii COVID 19n bara darbee addaan cite barana waancaa kubbaa miilaa dargaggoota umri 23 gadi jedhamuudhaan moggaafamEe Itoophiyaatti akka gaggeeffamu Konfedereeshinichi murtessuudhaan akka eegalamu ta’eera.

Haaluma kanaan Wal morkiin waancaa kubbaa miilaa dargaggoota biyyoota Bahaafi Giddu Galeessa Afrikaa umrii 23 gadii yeroo jalqabaaf har’aa istaadiyooma biyyooleessaa biyyoolessaa Baahirdaaritti yoo jalqabamu guyyoota kudha shaniif gaggeeffama.

Wal morkii yeroo jalqabaaf adeemsifamu kanarratti gareewwan biyyoota Bahaaf Giddu Galeessa Afrikaa sagal ramaddii saditti adda qodamuudhaan taphatu.

Hirmaattonnis Qopheessituu wancaa Itoophiyaa dabalatee Eertiraa, Burundii, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa, Jibuutiifi Keeniyaa yoo ta’u Ripaabilikni Koongoo ammoo affeerraan qooda fudhatti.

Akkaataa sagantaan bahe mul’isutti ramaddii tokkoffaa keessatti Ugaandaa,Taanzaaniyaafi Ripaabilikiin Dimokiraatawa Koongoo, lammaffaa keessatti Itoophiyaa,Eertiraafi Burundiin,sadaffaa keessatti ammoo Sudaan Kibbaa,Jibuutifi Keeniyaatu argamuu.

Sagantaan bahe akka muldjisuutti wal morkiin kun kan jalqabamu har’aa sa’aatii 9:00 irratti tapha Itoophiyaafi Eritiraa jidduutti taasifamun banama.Borus itti fufuudhaan Ugaandaafi Rippaabilikin Dimookiraatawa Kongo,iftaan ammoo Jibutiifi Keeniyaan ni taphatu.

Waancaa kanarratti biyyoonni miseensa konfedereeshinii Bahaaf Giddu Galeessa Afrikaa 11 akka hirmaatan waamichi godhamuufis Zaanzibaar,Sudaanifi Somaaleen hin hirmanne.

Waldorgommiin kubbaa miilaa dargagoota umrii 23 ta’an jidduuti adeemsifamu hariiroon waloo isaan jidduutti akka uummamu gochuuf akka ta’es beekuun danda’ameera.

Konfedereeshinichi wal morkii kanaaf walumaa galatti gareewwan hirmaatan tokkoon tokkoo isaaniif doolaarri kuma 20 baasii ta’uu beeksiseera.

Wal morkii kanaaf Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa leenjisaa ramaduudhaan taphattoonni ji’a tokkoof qophirra akka turan taasisuun dandahmuus ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You