Miidiyaa “Global Television Network of Africa/ GTNA’ Afrikaarraa addunyaatti jedhamu qabannee dhiyaachuuf jenna” -Gaazexeessaa Girum Caalaa

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexeessitoota miidiyaa idiladdunyaarra seenuun gabaasawwan fakkii Itoophiyaa jijjiiran dhiheessuuf tattaafatan keessaa, ilmi Oromtichaa gaazexeessaa Girum Caalaa isa tokko. Gaazexeessaan kun miidiyaa mootummaa Chaayinaa ‘CGTN’ jedhamu keessa kan hojjetu yoo ta’u, waltajjiiwwan guguddoo garagaraa beeksisuudhaanis ni beekama. Nutis keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa taasifachuun muuxannoosaa dubbistoota keenyaaf akka qooduuf afeerranneerraa dubbisa gaarii!

Bariisaa: Mee dubbistoota keenyaan walbari mee?

Girum: Maqaan koo Giruum Caalaa Gammachuu jedhama. Abbaakoo Caalaa Gammachuu Jiruufi haadhakoo Wanjii Lammaa Birruurraan Oromiyaatti dhaladhee guddadhe. Bakki dhalootakoos Shawaa Bahaa, magaalaa omisha sukkaaraafi karameellaa Dastaatiin beekamtu, Wanjii Gafarsaatti.  

Maatiikoo ilmaan saddeet kan horan yoo ta’u, ani ilma sadaffaadha. Obbolaa dubaraa lamaafi dhiira shaniin qaba. Haalli guddinaakoos akkuma nama magaalaa xiqqoo keessatti dhalatee tokkootti.

Bariisaa: Barumsa hoo eessa eessatti baratte?

Girum: Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa maagaalaadhuma Wanjii Gafarsaatti, sadarkaa lammaffaa ammoo Adaamaattin baradhe.

Gaafan kutaa saglaffaa baradhu abbaan koo lubbuunsaa waan darbeef haadhakoofi obbolootakoo kaan gargaaruuf jecha qonnallee qoteera. Barumsakoottis barataa qaxaleen ture. Guyyaa mana barnootaa ooleen, yeroo boqonnaakootti hojii qonnaa hojjetaan galgalammoo qo’achaan barnootakoo xumure.

Digriikoo jalqabaa Yunvarsiitii Haramaayaatti Afaaniifi Gaazexeessummaa, digrii lammaffaammoo ammoo biyya alaattin Gaazexeessummaafi Kominikeeshiniin baradhe. 

Bariisaa: Ogummaa gaazexeessummaa yoomiifi akkamiin eegalte?

Girum: Ani ogummaa gaazexeessummaa daa’imummaakootii kaaseen jaaladha. Dur mana keenya televizyinii adiifi gurraachaa (kan akka ammaa abbaa halluu hintaane) tokkotu ture. Abbaankoo anumaaf jedhee tv kana bite.

Sana dura tv daaw’achuuf obbolaakoo wajjin mana namaa deemnee, gaafa waldhabneefaa dhufnu waan arguuf bite jechuudha. Isaa booda warra oduu dubbisan ilaalee akkumasaaniitti irra deebi’ee jechuuf yaalaan ture.

Mana barnootaattis gumii miinii miidiyaa keessa seenee waa barreessuufi dubbisuu eegale. Yunvarsiitiittis waldaa gaazexeessitoota amaatarii dhaabnee ogummicha shaakalaa turre. Haala kanaanin dandeettiikoo gabbifachaa ture.

Ergan yunvarsiitiidhaa ba’eemmoo kanin baradhe ogummaa gaazexeessummaa waan ta’eef  Dhaabbata Sabqunnamtii Finfinnee (kan yeroo ammaa Addis Miidiyaa Netwoorki jedhamu)tti hojii eegale.

Dhaabbata Televizyinii Itoophiyaa keessas yeroo muraasaaf hojjedheera. Dhaabbata ‘British Counsil’ttis gorsaafi qopheessaa sagantaa raadiyoo ta’ee hiriyyootakoo biroo wajjin  Faanaafi Shaggarirratti gara waggaa lamaa sadii sagantaa qopheessinee dhiheessaa turre. Miidiyaa biyya keessaarra haala kanaan yeroo muraasa hojjedheera jechuudha.

Keessikoo gaazexeessaa biyyoolessaa ta’ee hojjechuun biyya keenya addunyaarratti beeksisaa muuxannoo gaarii argachuu waanin barbaadeef miidiyaa mootummaa Chaayinaa ‘CGTN’ duraan ‘CCTV’ jedhamutti waraqaa ragaakoo (‘CV’) galfadhee ogeessota baay’ee, muuxannoo cimaa qaban wajjin dorgomee darbee seene.  Ergan ‘CGTN’ keessa hojjechuu eegalee amma kunoo waggoonni 12 lakkaa’amaniiru jechuudha.

Bariisaa: Waggoota 12f miidiyicharra hojjettus kan beekamte garuu yeroo dhihoodhaa asi. Kun maaliif laata?

Girum: (Takka akka itti yaaduu ta’ee…) Ani hinbeeku. Tokkoffaa warra diishiifi ‘DSTV’ qaban malee namoonni baay’een carraa tv ‘CGTN’ daaw’achuu hinqaban. Isaanumtiyyuu amaleeffannaa miidiyaa biyyoolessaa ilaaluu waan qaban natti hinfakkaatu. Keessumaa warreen miidiyaa oduufi odeeffannoo fiilmiifi qophiilee bashannanaa daaw’atu.

Garuu gaafa pirojektonni guguddoon kanneen akka hidha guddichaa Itoophiyaafaa ittiin beekamtu dhufu namoonni miidiyaan alaawoo maal jedhan laata jechuun ilaaluu eegalaniiru. Kanaafin dhiheenya beekamuutti ka’e. Waanti si ajaa’ibu Itoophiyaarra biyyoota Afrikaa biroo kanneen akka Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaafi kkfttin beekama. 

Itoophiyaatti waltajjii qindeessuufi beeksisuunin caalaatti beekama malee gaazexeessummaakootiin hinturre. Amma garuu sun sirrateera, namoonni baay’ee ogummaadhumakootiin na beekaa jiru.

Bariisaa: Waltajjii beeksisuunwoo carraa ogummaan kee sii uumeedhamoo akkami waansaa?

Gaazexeessaa Giruum: Waltajjii beeksisuus baay’een jaalladha. Sababnisaas innumtiyyuu indastirii guddaadha. Hojiin akkanaa ‘MC’ (Master of Ceremony) jedhama. Hojiin kun walga’ii qofa osoo hintaane sagantaawwan guguddoo qopheessuufi qindeessuudha.

Fakkeenyaaf addunyaarratti sagantaawwan kanneen akka badhaasa ‘Oscar’ yoo ilaalle namni waltajjii akkanaa qopheessu nama damichaan ogummaa olaanaa qabuudha; qarshiin inni irraa argatus akkanuma olaanaadha. Waltajjii tokkotti gara doolaara miliyoona lamaa sadii argachu danda’a. 

Biyya keenyatti garuu kun hinbaramne. Namuma sagantaa qabu tokkotu waamee “nuuf hojjedhu” siin jedha malee akkan yaade sanatti miti kan hojjetamu.  Waltajjiiwwan guguddoo kanneen Waxabajjii 16 bara 2010faa hojjedheera. Gamtaa Afrikaafi Komishinii Dinagdee Afrikaa wajjinis hariiroo hojii baay’een qaban ture. Itoophiyaa keessa qofa osoo hintaane Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaafi kkfttis hojjedheera. Amma garuu isas dhiisee kallattii biraatiin dhufuun yaadaa jira.

Bariisaa: Kallattii maaliitin dhufaa akka jirtu ittideebinatii, miidiyaa biyya keessaafi alaarra hojjetteetta. Mee garaagarummaansaa maali? Ciminniifi hanqinnisaawoo akkamiin ibsama?

Girum: Miidiyaa biyyaaleessaarra hojjechuufi kan idiladdunyaarra hojjechuun garaagarummaa guddaa qaba. Inni biyya keessaa dursa kan kennu waanuma biyyasaa keessaa qofaafi. Kan addunyaa garuu xiyyeeffannaan kan biyyoota addunyaati. Har’a kan Keeniyaa yoo hojjette, bor kan Afrkaa Kibbaa hojjechuu qabda, achii kan Ameerikaa, Chaayinaa… jechaa ittifufa. Hojiin ati hojjettus hanguma sana bal’achaa deema.

Yoo siyaasa Itoophiyaa beekte siyaasa biyya biroos qixxuma beekuu qabda. Ta’uu baannaan ni doggoggorta; odeeffannoo dogoggoraas dabarsita. Kanarraa ka’uun waldhabdeewwan garagaraallee akka uumamaniif sababa taata.   Dhimmoota aadaa, hawaasummaa, dinagdeefi kanneen biroorratti beekumsaafi hubannoo walfakkaataa qabaachuun sirra jiraata jechuudha. Kanaaf miidiyaa biyyoolessaarra hojjechuun ni ulfaata.

Bariisaa: Mee miidiyaafi ogummaan gaazexeessummaan biyya keenyaa kan biyyoota kaanii wajjin walbira qabamee yommuu ilaalamu ammayyuu ni hafa jedhama. Kanuma ollaa keenya Keeniyaallee kan Itoophiyaa ni caala jedhama. Atimmoo kana ilaaluuf carraa argattetta. Yaadni kun sirriidhaa? Yoo ta’ewoo mudaan isa kan keenyaa akkamitti ibsama?

Girum: Ani jarri ogummaa gaazexeessummaatiin nu caalu jedhe hinamanu. Miidiyaansaanii garuu gama hundaan kan keenyarra daran guddateera. Keeniyaan waan kolonii Ingiliz jala turteef miidiyaadhaan nu caalte. Baay’inni miiidiyaa dhuunfaa kan mootummaa biyyattii ni caala.

Miidiyaansaanii banaadhas. Yaada namaa bilisaan keessummeessuurrattis rakkoon hinjiru.  Seerasaa hordofanii keessummeessu. Mirgaafi dirqamasaanii hordofanii hojjetu jechuudha. Kunneen miidiyaansaanii akka daran guddatu taasiseera. Gaazexessummaanis kanuma waliin deema.

Biyya keenyattis hamma barbaadame ta’uu baatus rakkoon dandeettii gaazexeessaa ni jira jedhee hinamanu; ogeessota sadarkaa idiladdunyaattillee hojjetan waan qabnuuf.

Akka hanqinaatti kan ka’u rakkoo afaanii ta’uu mala. Namni Ingiliffa sirriitti danda’u fuulduratti ba’ee ittiin hojjechuu barbaadu muraasa. Keessumaa Afaan Fireenchiifi Araabaammoo baay’een keenya hinbeeknu; beekuufis hintattaafannu.

Amma garuu jijjiiramoonni tokko tokko ni mul’atu. Fuuldurattis yoo sammuu dhalootaarratti hojjenne, leenjiiwwan garagaraa fudhanne, muuxannoo gabbifanne, miidiyaa cimaa ijaarre akkumasaanii guddachuu dandeenya. Kanaa achi ogummaan gaazexeessummaa akkuma addunyaattuu walfakkaataadha; kan Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Ameerikaa… jedhamee waanti ibsamu  hinjiru. 

Bariisaa: Naamusa ogummaa gaazexeessummaa biyya keenyaafi kan biyya alaawoo akkamiin madaalta?

Girum: Dhugaa dubbachuuf wantin baay’ee taajjabuufi yeroo tokko tokko hiriyyootakoo wajjinillee dubbadhu, hojii ofii akka dhimma cimaa (serious)tti fudhachuurratti hanqinni jiraachuusaati.  

Gaazexeessummaan ogummaakooti, hojiikooti jedhanii ofitti fudhatanii ogummichammoo guddisuuf tattaaffiin taasifamu gadaanaadha.

Namni tokko hojiisaa fudhateefi jaalatee akkamiinin sadarkaa olaanaarraan gaha jedhee hinhojjetu taanaan bu’aa qabeessa hinta’u.

Gaazexeessitoonni tokko tokko waan ogummichumayyuu ofitti fudhatan hinfakkaatan. Tokko tokko hojii quunnamtii ummataa ykn kan biroo naa barbaadimee siin jedhu. Kun garuu sirrii natti hinfakkaatu.

Ogummaan gaazexeessummaa ogummaa kabajamuufi yoo sirriitti ittiin hojjennemmoo nus kan nu kabachiisuudha. Kana jechuun hundumtuu akkasi jechuu koo miti. Tokko tokkommoo of guddisuu waan barbaadaniif anallee dhuunfaan dhufanii akkan muuxannoo qooduuf kan gaafatan jiru.

Inni biraa uffannaa wajjin walqabatee hanqina guddaatu jira. Gaazexeessaa baay’een gaafa waa’ee naamusa uffataa itti kaastu suufii hedduu qabaachuu wajjin walqabsiisa. Dubbiin dhimmasuufii baay’ee qabaachuu osoo hintaane uffatuma jiru qulqullinnisaa eegameefi nama hinsaalfachiifne uffatanii, rifeensa sirnaan filatameefi qabameen bakka hojiis ta’e waltajjiilee adda addaarratti dhihaachuun barbaachisaadha.

Yeroo baay’ee gaazexeessitoonni keenya haala uffannaafi qabannaa ykn murannaa rifeensaa wajjin walqabatee oggaa qeeqni irratti ka’u nan dhaga’a. Otoo hanqinoonni kunniin  sirraa’anii gaariidha jedheen yaada.

Ani kabajaafi beekamtii kanin argadhe kanarraa dhufe malee Chaayinaa keessaa abbaa ykn haadha qabaadhee miti. Ingiliz keessaas firaafi aantee hinqabu. Kan asiin na ga’e hojiifi ogummaakoo kabajee, yeroo yeroodhaan ammoo guddachuuf tattaafachuukooti.

Bariisaa: Girum Alaa Ingiliffa, biyya keessaa Afaan Oromoofi Amaariffa dandeessa. Keessumaa oggaa Ingiliffaan waltajjii beeksistu ofitti amantaakee namoota baay’eetu dinqiisifataatii kun maalirraa dhufe? 

Girum: Ani afaan barachuurratti kennaa addaan qaba jedheen amana. Akkuman dura sii kaase, magaalaa xiqqootti dhaladhee, guddadhee, baradhee gaazexeessaa idiladdunyaa ta’uun cimina. Deggarsi addaa maatiirraa naa taasifamee, mana barnootaa cimaatti baradhee miti dandeettii afaaniikoo kanin guddifadhe. Baay’ee dubbisu, namoota waliin dubbachuu, miidiyaa dhaggeeffachuufi muuxannoo hojiikootiin gabbifadhe. Kanarrattimmoo ani ofitti amanamummaa cimaan qaba. 

Waan si dhibu ani hangan yunvarsiitii seenutti Afaan Oromooyyuu dubbachuu hindanda’u. Ergan Yunvarsiitii seenee gaafan ijoollee baay’ee argu inaaffaan eenyummaa na keessatti uumamnaanin ofumaan of barsiise.

Ilma Oromoo ta’ee akkamiin afaankoo wallaala jedheen dirqama ofii kennee shaakalee baradhe. Haala kanaan kunoo har’a si wajjinillee gaafdeebii taasisuu danda’e. Kanaaf of kenninaan afaan kamuu barachuun ni danda’ama. Afaan Arabaas barachuuf karoorfadheera.

Bariisaa: Atis kallattii biraatiin dhufuuf akka jettu irranatti eerteettaa anis odeeffannoosaa qabaatii waa’ee miidiyaa banuuf karoorfattee osoo nutti himtee?

Girum: Miidiyaa ani banuu barbaadu miidiyaa addunyaa garuu kan Afrikaa keessaa tamsa’uufi waajjirrisaa muummeen Finfinnee ta’eedha. Maqaansaas ‘GTNA (Global Television Network of Africa)’ jedhama. Miidiyaa kana banuuf kanin yaade waggaa shan dura. Biyyi xiqqoo Kaataar jedhamtu miidiyaa guddicha Aljaaziiraa banattee daran ittifayyadamaafi irraa fayyadamaa akka jirtu hubadheera.

Turkiin ammoo ‘TRT’ qabdi. Afrikaa keessammoo miidiyaa cimaan dhugaa Afrikaanotaa addunyaatti baasee beeksisu hinjiru. Biyyoonni xixiqqoon oggaa miidiyaa cimaa, addunyaarratti dhiibbaa uumu qabaatan nuti garuu biyyaafi ardii guddicha qabannee nuu dubbatu hinqabnu.

Itoophiyaan ammoo Afrikaaf jettee teessoo Gamtaa Afrikaa kenniteetti. Sammuu qabna, biyyoota Afrikaa biroo waliin hariiroo gaarii qabna. Biyyoonni Afrikaa baay’ee nageenyasaaniillee akka kabachiifatan  isaan gargaarreerras.

Amma garuu malli waraanaa jijjiirameera. Barri bara waraana odeeffannooti. Har’a meeshaa waraanaa (taankiifi helkoptarii) baay’ee hiriirstee hindeemtu. Maayikiraafooniifi kaameeraa qabattee addunyaa wajjin haasofta. Gaafan kan siin jedhu yaadnikoo Aljeeziraafi ‘CNN’faa waliin waldhabdee uumuu ykn walmorkachuu miti. Garuu seenaa seenaan duubaa (the story behind the story) isa jedhu agarsiisuufi. 

Fakkeenyaaf hidha guddicha Itoophiyaa wajjin walqabates ta’u dhimmoota garagaraarratti “Dhugaan Itoophiyaa maali?” isa jedhu addunyaatti agarsiisuun yaada. Akkanumammoo dhugaa biyyoonni Afrikaa biroollee qaban mul’isuun yaada. Haala kanaan waa’ee Itoophiyaa darbees kan Afrikaa addunyaatti beeksisuun barbaada. Ilaalcha addunyaan nuu qabu jijjiiruun barbaada. Itoophiyaafis ta’u Afrikaaf raayyaa ittisaa odeeffannoo ijaaruun barbaada. Hojiin ani eegale daran ulfaataafi dadhabsiisaadha; qormaata olaanaas qaba. Amma garuu sadarkaa gaariirra qaqqabeera.

Bariisaa: Miidiyaan akkanaa dhabamuusaatiin Itoophiyaanis ta’u Afrikaan maal dhaban?

Girum: Uuuuy… waan baay’ee dhaban malee. Dura sii kaaseen ture. Afaan waan hinqabneef dhugaan keenya hinbeekamu. Yeroo mara “Afrikaan kana taati” jechaa maqaa ‘The dark Continent’ (Ardii dukkanooftuu) jedhu kan nuuf kennan waa’ee keenya odeeffannoo waan hinqabneefi. Waa’ee Itoophiyaas Afrikaas quba hinqaban. 

Fakkeenya tokkoon sii kaasa. Yeroo tokko xiyyaarri Itoophiyaa tokko Ingilizitti waan xiqqoonsaa duubarraan gubate. Wantichi rakkoo guddaa osoo hintaane baatrii wajjin walqabatee kan mudate ture. Xiyyaarichis ‘Boeing 787 Dreamliner’ ture. Garuu yemmuus oduu guddaa kan ta’e biyyi Itoophiyaa jedhamtu, Afrikaatti argamtu xiyyaara doolaara miliyoona 300 ta’u qabaachuusheeti.

Kun akka lammii Itoophiyaattis ta’e Afrikaatti namatti hintolu. Kanaaf animmoo seenaa akkanaa jijjiiruun barbaada. Seenaa keenya jijjiiruu kan dandeenyummoo yoo dubbachuufi agarsiisuu dandeenye, waltajjii isaaf mijatummoo ijaarre qofa. Sababa miidiyaa nuu dubbatu dhabneef wanti dhabne baay’eedha. Invastimantii, fakkii keenya, turizimiifi kkf dhabnee turre. Namni kana nuu hinbeeku.

Hawaasni addunyaa Itoophiyaa kan yaadatu seenaa beelaa bara 1977 uumamee tureeni. Kana jijjiiruuf hojiin gama miidiyaatiin hojjetame laafaa waan ta’eef waliin taanee jijjiirra yaada jedhuunin miidiyaa ‘GTNA’ banuu yaade.

Bariisaa: Hawaasni addunyaa hedduun Abbayyaan akka waan kan Misir ta’eetti beeka. Dhimma Naannoo Tigraay wajjin walqabates dhugaa Itoophiyaan qabdu dhokatee mootummoonni addunyaa yommuu dhiibbaa nurratti uuman mul’ata. Kunneen sababa miidiyaa nuuf dubbatu dhabneef ta’an jettee yaaddaa?

Gaazexeessaa Giruum: Eeyyee, dhibbaa dhibbatti nu miidheera. Maaliif yoo jette, hawaasni kan beeku biyya Itoophiyaa jedhamtu, lammiileenshee beela’e, boodatti hafummaa keessatti argamtu, isayyuu Afrikaa keessaa doolaara biliyoona shan ta’u baastee akkamiin hidha ijaaruu dandeesse kan jedhu.

Kun duris rakkoo ture, ammas rakkoodha. Miidiyaan ummanni biyyattii akkamitti akka jiru, misoomnishee hammam deemaa akka jiru agarsiisu ammayyuu hinjiru. Kana dhabuu keenyaani dhimma ijaarsa hidha Abbayyaatiin seeraan ala Mana Maree Nageenya Addunyaa kan dhaabanneef. 

Misir amma addunyaarratti beekamtuudha. Sababnisaa haasa’uufi dhiibbaa uumuu ni beekti. Isheen soballee dhugaa fakkeessuu dandeessi. Walumaagala dhimma Abbayyaafi Tigraay qofa osoo hintaane miidiyaa idiladdunyaa dhabuu keenyaan waan baay’ee dhabne.

Miidiyaa addunyaa qabaachuun hangam akka fayyadu kan beektu haasaan dheengadda Ministirri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Doktar Injinar Silashii Baqqalaa Mana Maree Nageenyaatti taasisan hammam xiyyeeffannaa addunyaa akka hawate yommuu agartuudha. Utuummoo miidiyaa dhaabbataa qabaannee waan baay’ee jijjiiruu dandeenye jechuudha.

Bariisaa: Akka nuu kaastetti mul’ata guddaa qabattanii kaatan. Kanaaf amma miidiyaa ati banuuf yaadde sadarkaa akkamiirra jira? Yoom qilleensarratti baatu? Eessa eessattimmoo eegaluuf yaaddan?

Gaazexeessaa Giruum: Hojiin kun kan hojjetamu gareedhaani. Gareen keenya amma ‘Editorial policy’ ykn seera ittiin bulmaataa keenya hojjetee xumureera. Akkasumas, haala kamiin hojjechuu qabna, eessa ga’uummoo yaadna isa jedhu hunda adda baafanneerra. Afrikaa keessatti biyyoota 13tti waajjira kan qabaannu yoo ta’u, achittis gabaastota mindeessuuf mariirra jirra. Akkasumas, Ameerikaa, Ingiliziifi Beejiingi Chaayinaarraas ni qabaanna jennee karoorfanneerra.  

Hojiichi hojii boqonnaawwan garagaraa qabuudha. Jalqabarratti gamoo darbii sadii afur qabu ijaarree meeshaa nu barbaachisu guuttannee tamsaasa keenya eegaluudha; kanaafis hojiitti jirra. Erga tamsaasaa keenya eegallee booda hojii keenya hojjechaa namoota waliin hariiroo uummachaa, guddisaa deemna. Pirojektii yaadne kana xumuruuf kan qabanne waliigalaan qarshii biliyoona sadii.

Boqonnaa ittaanuun ammoo ‘Media Complex’ abbaa darbii 25 ijaaruu yaadna. Achi keessas istuudiyoo, wiirtuuwwan qorannoo, ga’umsaa, leenjii, mana kitaabaa, laabraatoorii suur sagalee, mana jireenyaa gaazexeessitoota biyya alaatii oduu dubbisaniifi keessummoota garagaraatiif ta’u, wiirtuu daldalaa miididiyaa waliin deemuufi kkf qabatu ijaaruuf yaadna.

Kanaafis Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lafa gaafannee nuu kennamuuf sadarkaa xumuraarra jira; torbee dhufu nu harka ga’a jennee abdanna. Maallaqaan walqabatees qaamoleen garagaraa waadaa nuu seenaniiru. Dubbii keenyarratti, miidiyaan keenya indastirii miidiyaa guddaa waan ta’eef namoonni irratti invasti godhan baay’inaan ni jiraatu, nu quunnamaas jiru. Bu’aan kanarraa argatanis olaanaa ta’a. Sheeriis dhibbantaa muraasaan ni qopheessina.  Amma haala kanarra jirra. 

Qilleensarratti yoom baatuu isa jedhuuf guyyaa kana jennee kaa’uun ni ulfaata. Garuu waggaa tokko keessatti karaa intarneetii ni jalqabna jennee yaadna. Kanarraa kan hafe miidiyaa addunyaa yommuu ijaartu fakkeenyikee Aljaziiraa ykn ‘BBC’ ykn kanneen biroo waan ta’aniif ammuma kaatee akkanan godha waan jettu hinqabdu. Yoo jalqabasaa balleessite bor sirreessuuf waan si dhibuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan deemuun dirqama.

Bariisaa: Afaanota kam fa’iin hojjechuuf yaaddan?

Girum: Jalqabarratti Ingiliffaan eegalla. Boqonnaa lammaffaatti Afaan Faransaayiifi Arabiffa ittidaballa. Tamsaasni keenyas sa’aatii 24:00 yoo ta’u, dhimmoota oduu, dokmantarii, ispoortii, aadaafi kkf kan qabaatuufi Itoophiyaa, Afrikaarratti kan xiyyeeffatudha. Akkasumas, sagantaa ‘counter balance’ jedhamu ni qabaanna. Kana jechuun biyya tokkorratti dhimmi tokko yoo dubbatame fakkeenyaaf “Itoophiyaan akkana gooteetti” yoo jedhame isa qulqulleessinee addunyaaf dhiheessuu jechuudha. Kan biyyoota biroos akkasuma. Dhaadannoon keenyas ‘GTNA from Africa to the world’ ykn ‘GTNA’ Afrikaarraa addunyaatti kan jedhuudha.

Bariisaa: Egaa ati ogummaa gaazexeessummaa keessa waggaa baay’ee hojjatteetta. Miiidyaa mataakees banuuf deemta dhangala’iina odeeffannoo biyya keenyaa akkamiin ilaalta? Maaltummoo sirrachuu qaba jetta? 

Gaazexeessaa Giruum: Biyya kanatti odeeffannoo argachuun daran rakkisaadha. Waajjiraalee sadarkaa sadarkaan jiranitti daarektara ykn ogeessa kominikeeshinii ni argatta. Garuu odeeffannoo wayitaawaa, qulqulluufi sirrii akkasumas walfakkaataa wiirtuu tokkorraa argachuuf ni rakkatta. 

Haalli kun akka jijjiiramuuf mootummaas ta’u namoota dhimmichi ilaallatu irra deddeebiin gaafanneerra. Marii al tokko ministira muummee wajjin waajjirasaaniitti taasifnerratti dhimma kana kaasneerra.

Amma yeroonsaa kan miidiyaa hawaasummaati. Namni tokko ka’ee “akkana ta’e jira” jedhee yoo maxxanse oggaa kana adda baafachuuf yaallu baay’ee rakkanna. Dhimmi kun itti yaadamuu baannaan biyyattii miidhuu danda’a, waldhabdeefi waljibbiinsi bal’achuu mala.

Akka duraa sana sadarkaa biyyaatti waajjirri dhimmoota kominikeeshinii deebi’ee ijaaramuu baatus wiirtuun odeeffannoo kennu jiraachuu qaba. Kan yeroo barbaannetti deemnee gaafachuu dandeenyu, bilbillee irraa qulqulleeffannu, moosaajiisaanii bannee odeeffannoo barbaanne irraa argannu hundeessuun barbaachisaadha. Odeeffannoon barbaannu dhimma bishaanii haa ta’u, kan daandii ykn kan nageenyaa haallitti wiirtuu tokko keessaa argannu utuu mijatee gaariidha.

Bariisaa: Dhabamuun wiirtuu akkanaa hojii gaazexeessummaarratti dhiibbaa uumaa jira jechuudha?

Girum:  Eeyyee rakkoo qaba. Fakkeenyaaf dhimma walfakkaataa tokkorratti odeeffannoon ati Ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Nageenyaa, Poolisiifi kkf irraa argattu yeroo addadda ta’u jira. Yeroon dhimma tokko adda baafachuuf bakka sadii afur deemtu jira. Kun ta’uu hinqabu. Kan ta’uu qabu akkuma biyyoota biroo saaphanni odeeffannoo qulqulluun tokko uumamee namni barbaade isa cuqaasee odeeffannoo barbaadu argachuudha. Ta’uu baannaan odeeffannoon sirrii hintaane tamsa’uun biyyaafi ummatallee balaa keessa buusuu danda’a.

Bariisaa: Waliigala miidiyaa biyya keenyaa guddisuuf mootummaa, ummata, ogeessotaafi hoggantoota miidiyaarraa maaltu eegama jetta?

Gaazexeessaa Giruum: Waa hunda caalaa hunduu tokko ta’ee walgargaaree hojjechuu qaba. Hundi keenya biyya tokko waliin qabna. Yoo kana ta’e fuulduratti addunyaan gara keenya ilaaluun isaa hinoolu. Akkuma dhimmi hidha guddichaa nu tokkoomse waantota biroorrattis tokkoomuu qabna. 

Ameerikaafi biyyoonni biroo dhimmi ijaarsa hidha haaromsaa Mana Maree Nageenyaatiin ilaalamuurra gara Gamtaa Afrikaatti akka deemu murtaa’uun bu’aa tokkummaa keenyaa ta’uu agarsiisa. Yoo tokko taane siyaasni, dinagdeen, invasimantiifi wantoonni guddina biyya keenyaatiif murteessoo ta’an gara keenya dhufu jechuudha.

Dhimmi ijoo biraan akka biyya keenyatti miidiyaan hinbabal’anne taasise baay’achuu birokraasiiti. Ani ergan miidiyaa kana banuus sochii  eegalee waan baay’een taajjabe. Gaafa waantonnin hundi dhumanii bakkan yaade ga’eu nan dubbadha ta’a. Namoonni tokko tokko si deggaruufi utubuuf fedha hinqaban. Kan ta’uu qabu garuu namuu bakka jirutti walgaggaaruufi walutubuudha. Yoo kana ta’e miidiyaa keenya miti biyyi keenyayyuu ni guddatti.

Bariisaa: Kabaja gaazexeessaan biyya keenyaa qaburrattoo waan taajabde qabdaa? Ummanni miidiyaafi gaazexeessaa biyyattiitiif ilaalchaafi kabaja akkamii qaba?

Girum: Gaazexeessummaa biyyoota guddatanii yoo ilaalte ummata kan ijaare miidiyaadha. Kun biyya keenyatti hanqina guddaa qaba. Garuu ani ummata keessa rakkoon ni jira jedhee yaaduu hinbarbaadu. Sababnisaas miidiyaan sammuu ummataa jijjiiruuf humna waan qabuuf. Yoo miidiyaan fuuldura deeme, ummanni boodarra jira jechuudha.

Akkamiin yoo jette, odeeffannoo madaalawaafi sirrii yoo dhiheessiteef si hordofuufi daaw’achuu waan barbaaduuf. Kun akka ta’uuf ammoo gaazexeessaan ummata keessa seenee, odeeffannoo qulqulleessee dhiheessuu qaba. Hojii jalqabaa ta’uu kan malu isa kana. Akkakootti gaazexeessaan tokko ummata biraa kabajaa yoo dhabe rakkoon kanumsaati jedheen yaada. Ani jaalalaafi kabaja ummata biraa qabu kanin argadhe hojiin hojjedheeni. 

Bariisaa: Miidiyaa Afaan Oromoo akkamiin ilaalata? Ciminaafi hanqina jiru taajjabdeetta yoo ta’e?

Girum: Akka ilaalachakootti miidiyaan Afaan Oromoo daran guddachaa jira. Raadiyoodhaanis televizyiniidhaanis ummata bira ga’uuf waanti hojjetamaa jiru gaariidha. Asirratti OBN yoo kaasne miidiyaa Afrikaa Bahaa keessa seeneera, borimmoo kan addunyaa keessa ni seena jedheen yaada.

Afaan keenya fayyadamnee addunyaa wajjin haasa’uu danda’uun keenya guddina tokko jedheen yaada. Dur ummata bal’aa kanaaf gaazexoota muraasaafi raadiyoofi tv’n ammoo kan biyyaalessaa qofatu ture. Amma garuu maxxansawwan garagaraa, raadiyoofi tv Afaan Oromootiin hojjetan baay’ee qabna.

Fuulawwan miidiyaa hawaasummaas yoo ilaalle hedduudha. Kana wajjinis gaazexeessummaafi Oromummaanis guddachaa jira. Akka fakkeenyaatti Irreechi ‘UNESCO’dhaan akka galmaa’uuf shoora olaanaa kan taphate miidiyaadha; keessumaa kan Afaan Oromoo. Miidiyaan Afaan Oromoo diishiidhaan, saatalaayitiidhaan akkasumas miidiyaa hawaasummaarra ummata addunyaa bira qaqqabuun fayyadeera jechuudha.

Caalaatti akka guddatuuf ammoo gorsi irranatti ogummaa gaazexeessummaa wajjin walqabsiisee sii kaase asittis dhufuu qaba. Gaazexeessaan hojiisaa jaalateefi kabajee hojjechuu qaba. Itoophiyaa ijaaruu keessatti ga’een Oromoo maali isa jedhu agarsiisuuf hojiileen waggoota sadan darban hojjetaman caalaatti mul’achuu qabun jedha.

Bariisaa: Dhumarratti, yeroo baay’ee nuti ofuma keenyaaf iddoo olaanaa ofii kennuurra waltajjiwwan guguddoorraa ni dheessina. Kan keenya Oromiyaa qofa nutti fakkaata.  Ati fakkeenya ta’uun gaazexeessitoota Oromoof ergaa maalii dabarsita?

Girum: Akkuman sii kaase ani magaalaa xiqqoottin dhaladhee, achumattin baradhe. Yeroo sanatti interneetiin hinjiru. Raadiyoo, tvfi gaazexaa argattee dubbisuun rakkisaadha. Garuu tattaaffiidhuma kootiinin keessaa ba’ee as ga’e.

Wanti guddaan asiin na ga’emmoo abdii qabaachuukooti. Akkasumas bakkan ga’uu qabus kaa’adheera. Kanaafis ifaajjii baay’ee ifaajjeera. Araadan keessa seene hinqabu. Kanaaf gaazexeessitoonni haala kanaan of qopheessanii aadaafi duudhaa ummata Oromoo bu’uura godhachuun yoo hojjetan waa hundi salphaadhan jedha.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You