Saamraawiit Girmaatiin
Adaamaa: Caffeen Oromiyaa walga’ii idileesaa 14fa, waggaa 6fa, bara hojii shanaffaa Adaamaa Galma Caffeetti kaleessaa eegalee taa’aa jira. Cafficha adda kan taasisu, sababa weerara koviid-19n turtiinsaa waggaa shan ture ja’a ta’uusaati. Walga’iinsaa kun immoo isa dhumaati jechuudha.
Pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaas raawwii hojii bara 2013fi karoora bara 2014 bal’inaan dhiheessaniiru.
Akka ibsasaaniitti, bara darbe akka waliigalaatti hojiileen injifannoo boonsaa argamsiisaniifi fayyadamummaa ummataa qabatamaadhaan mirkaneessan hojjetamaniiru.
Bara 2013 biyyattiin gama tokkoon gaaga’ama rakkoo nageenyaa, dhibee koviid-19, weerara awwaannisaafi dhiibbaawwan dippilomaasii hidha laga Abbayyaatiin walqabatee uumamaa ture hunda keessatti filannoo marsaa 6fa milkaa’inaan xumuruun danda’ameera. Kanaafis qaamoleen nageenyaa halkanii guyyaa rakkoon tokkoyyuu filannoon dura, gaafa filannoofi filannoon booda akka hinuumamneef xiiqiidhaan hojjetaa turaniiru; bu’aa onnachiisaanis argameera jedhan.
Gama biraatiin nageenya mirkaneessuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojii hojjetameen bu’aawwan fakkeenyummaa qaban galmaa’uu eeranii, yaalii humnoonni badii biyya diiguuf taasisanis fashalaa’u ibsu.
Gama hariiroo naannolee ollaa cimsuufi walitti bu’iinsa ittisuufi hiikuutiin hojii hojjetamaa tureen barana jijjiramni fooyyee qabu galmaa’uufi karoora misoomaa waliinii qopheessuunis hojjetamaa turuu dubbatu.
Hojii gama qonnaatiin hojjetameen isa bara 2013 lafa heektaara miliyoona 2.2 irra midhaan akaakuuwwan addaddaa kan facaafame yoo ta’u, kanneen keessaa heektaarri miliyoona 1.6 paakeejii guutuun kan faca’e ta’uu Obbo Shimallis ni dubbatu.
Misooma jallisii marsaa lamaatiinis lafa heektaara kuma 687.2 misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 102.9 sassaabuuf karoorfamee heektaara kuma 849.1 (% 123.5) irra facaasuun fuduraafi kuduraa qofarraa omisha kuntaala miliyoona 86.7 sassaabuun danda’amuu addeessu.
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, misooma jallisii baranaatiin qamadii alaa galchuu hambisuuf hojii hojjetameen bonaafi arfaasaa darbe lafa heektaara kuma 382.2 misoomsuun callaa kuntaala miliyoona 15.2 argachuuf karoorfame keessaa marsaa tokkoffaatiin kuntaala miliyoona 4.8 sasaabameera, inni hafe marsaa lammaffaatiin sassaabamaa jira.
Akka waliigalaatti qonna bara2012/13tti lafa heektaara miliyoona 5.9 irraa omisha kuntaala miliyoona 169.6 sassaabameera. Qonna arfaasaa bara 2013/14n ammoo lafa heektaara miliyoona 965.6 misoomsuun midhaan kuntaala miliyoona 15.5 argamsiisuuf karoorfamee, lafa heektaara kuma 973.5 irra sanyiin faca’eera. Gannas lafa heektaara miliyoona 6.3 irraa omisha kuntaala miliyoona 184.6 argamsiisuuf karoorfamee, lafa heektaara miliyoona 3.7 irra midhaanota akaakuuwwan addaddaa facaafameera.
“Hojii ashaaraa magariisaa hojjetameen biqiltuuwwan biliyoona 3.2 ganna darbe dhaabame kunuunsuun %87.5 akka latu ta’eera. Sagantaa Itoophiyaafi Oromiyaa haa uwwisnu jedhuunis biqiltuun biliyoona 4.4 qophaa’eera” jedhu.
Gama biraatiin waldaalee hojii gamtaa 235 (%117.5) gurmeessuun miseensota haaraa kuma 947fi kaappitaala qarshii biliyoona 1.2 horachuun danda’ameera.
Qabeenya albuudaatiin walqabatee hojii adda baafannaa lafa kiiloomeetir iskuweerii 798 irratti raawwatameera. Kanas gabaa biyya alaafi keessaatiif dhiheessuun doolaara Ameerikaa miliyoona 152fi qarshii miliyoona 79 ta’u argachuun danda’ameera.
Pirojektonni baroota hedduuf harkifatan kuma 11fi tokko qarshii biliyoona 31.7n xumuramanii tajaajila ummataaf oolaniiru. Kanarraa ka’uun ummanni miliyoona lamaa ol tajaajila bishaan qulqulluu argateera. Uwwisa bishaanii %71.5 irraa 76.42tti guddisuun danda’ameera.
Daandii asfaaltii km 13.8, cirracha km 259.5, waliinga’iinsa daandii baadiyyaa km kuma tokkoofi 810.4 hojjetameera.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa lammaffaa 59 xumuramaniiru, 41 hanga Fulbaana dhufutti ni xumuramu. Kan bultii addaa torba ijaarsisaanii %76 qaqqabeera. Manneen barnootaa addaa 30 ijaarsiisaanii xumurameera, 10 ammoo ijaarsarratti argamu. Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa ijaarsarra turan 26 keessaa 25 xumuramaniiru. Sadarkaa tokkaffaan shan ijaarsarra turan hundi xumuramaniiru.
Dhaabbilee fayyaa 237 xumuruun ummata miliyoona 15 fayyadamaa ta’aniiru. Carraan hojii dargaggootaa miliyoona 1.4f uumameera.
Simannaa invastimantiin walqabate pirojektoota kuma afuriifi 359 kaappitaala qarshii biliyoona 86.8 galmeessan namoota kuma 313f carraa hojii uumu boorditti dhihaatee murtaa’eera.
Waliigala bara bajataa 2013tti hojiiwwan ijoo imala badhaadhinaa dhugoomsan hedduun hojjetamaniiru, badhaadhina kanas sadarkaa maatiitti dhugoomsuuf bara 2014 xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’a.
Bara bajata 2013tti, Oromiyaatti hojiilee guguddoo dameelee garagaraatiin hojjetaman milkaa’oo akka turan Pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa gabaasa Caffeef dhiheessan ibsaniiru.
Gama biraatiin hirmaattonni Yaa’ii Idilee Caffee Oromiyaa 14fa, bara hojii caffee 5fa, waggaa 6fa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Luumee, Ganda Malalee, Sulula Gaangootti dheengadda marsaa 3faf bakka afyaa’iifi afyaa’ii ittaantuun argamanitti biqiltuulee
kuma sadiifi 500 dhaaban yoo ta’u, Adoolessa 6 bara 2013 guyyaa tokkotti biqiltuuleen 392,106,136 dhaabamuunis eerameera.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013