Garee olompikii Itoophiyaafi imaanaa itti kenname

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee:Taphini olompikii waaggoota afur, afuriin adeemsifamuufi ummata addunyaa biratti miidhaginasaatiin hawwii guddaadhaan eegamu, dargaggoota addunyaa diimaafi gurraacha osoo addaan hinqoodiin miira obboolummaafi jaalaatiin gaadisa tokko jalatti walitti qabuun beekama.

Tapha olompikii ammayyaa ALA bara 1896 magaalaa guddoo Giriik,Ateensitti eegalamuun biyyoota miseensota koree olompikii biyyooleessaa jidduutti kan adeemsifamaa jiru ammaan tana waggoota 125 lakkoofsiseera.

Sababii Waraana addunyaa tokkoffaa ALA bara 1916,waraana lammaffaatiin bara 1940fi 1944 adeemsifamun irraa ture addaan citeen alatti yeroo 33fa adeemsifamera.Taphichi baranas yeroo 34faf Adoolessa 23 hanga Hagayyaa 8 bara 2021 Jaappaan, magaalaa Tokiyootti adeemsifamuf guyyoota jaha qofatu isa hafa.

Tokiyoon kan baranaa kana dabalate yeroo 2faf keessumootashee guutuummaa addunyaarraa gara sheetti imalaa jiran simatee keesmmeesuu jalqabdeera.

Jaappaan olompikii kana haalaa gaariidhaan keessumeessuuf edda carraa argatee magaalaa guddoosheetti istaadiyoomaafi wiirtuulee atileetonni keessa qubatan ijaaruu dabalatee qophiilee adda addaa gochaa tureetti.

Olompikii kanarratti hirmaachuf atileetonni kuma 11fi 238 dorgommiiwwan 339n, akkaakuwwan ispoortii 33n biyyoota 206 irraa galmaa aniiru.Akkasumas guutuu addunyaarraa olompikii kana hordofuf daawaataan kumaatamatti lakkaa’amu duraan dursanii tikeeta istaadiyooma ittiin galan bitachun isaanii kan yaadatamuudha.

Haata’u malee sababii kovid 19 amalassaa jijirachuudhaan “Deeltaa” jedhamuudhaan ammaan tana Jaappaannota hubaa waan jiruf biyyatiin atileetotaa alatti daawataan garasitti akka hin imalee dhorkusaatti dorgomichi daawataa male akka gageefamu ta’era.

Jaappaan wayita Olompikii kana qopheessuf karorfatu galii achirraa argamu ilaalcha keessa galchuudhaan iddoowwan olmaa ispoortii harawomsuf doolaarii biliyonatti shalagamu kan dhangalaastte.

Akkasumas Hoteelootaafi iddowwan hawataa harawomsun turistoota achi galan simachun galii achirraa argamuun dinagdee ishee guddisuuf karorfate turte.Abdiin ishee kun jalaa fashalaa’uusaatti rifaatii keessa galtera. Sababin isaamoo tikeeta gurguruudhaan dolaari fudhate deebisuf dirqama waan ta’uf

Itoophiyaans miseensa koree olompikii biyyooleessaa ta’u sheetti jila olompikii biyyaaleessaa achitti erguf qophiishee xumurun guyyaa taphichaa eeggaa jirtti.

Pireezidaantii Riipabiliika Fereraalaa Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudee Jila olompikii 34faTokiyoo irratti hirmaatu kana tibana gageessaniiru.

Sirna gageessaa Masara Mootummaatti Kibxata darbe gageefamerratti pireezidanti Saahilawarq haasawa taasisaniin,olompikii Tokiyoorratti biyyasaanii bakka bu’anii wal dorgomicharratti hirmaachuuf atileetoni adeeman biyya bakka bu’uun kabaja guddaa ta’uusaa akka hin dagane hubachisaniiru.

Atileetonni imaanaa Mootummaafi Ummataa fudhachuun akkuma kanaan dura gochaa turan qabxii gaarii akka galmeesisan abdiin qaba jedhaniiru.

Faarun biyya kenyaa kan faarfamuufi alaabaan keenyaas addababaii olompikii Tokiyootti akka ol ka’ee balali’u kan abdatan ta’uu ibsanii,gareen olompikii kuns dirqamasaa naamusa ispoortiitiin akka kessa darbu yaadachisaniiru.

Minsiri Aadaaf Turizimi dokitor Hirut Kaasa gamasaaniitiin ,Itoophiyaan Adolessa 23 hanga Hagayyaa 8 bara 2021tti kan adeemsifamu olompikii Tokiyoorratti kan hirmaatu atileetota 38 qopheessuushee beeksisaniiru.

Atileetonni kunneenis akkaakuuwwan dorgommii atileetiksii addaddaa, dabalate daakaa bishaanii, tekuwaandoofi biskileetan ta’u ibsaniiru.

Sirna gaggeessaa kanarratti Komishinarri Ispoortii Federaalaa Obbo Eliyaas Shikur, pirezidantiin koree olompikii biyyaalessaa Doktor Ashabbir Waldagiyorgis, pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa komaandar Daraartu Tulluufi keesumoonni aferaman argamaniiru.

Yeroma kana jilicha bakka bu’uudhaan atileetti Leelisaa Disaasaafi Sambare Tafarii alaabaa Itoophiyaa pireezidant Saahilawarqi harkaa fudhun milkii gaariin debi’uf waadaa galani ru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You