Riippoorta gaazexichaatiin
Finfinnee: Dargagoonni Oromoo lubbuufi barnoota itti dhabanii, lafeesaanii itti cabsanii harka duwwaa dhagaan qabsaa’anii kabaja biyyaa eegsisaafi eegaa jijjiiramni gama hundaan wayita ammaa mul’atu akka ittifufu gaafatame.
Pirezidaantii Ittaantuun Waldaa Dargaggootaa Oromiyaa (WDO) Saamiyaa Abdallaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kenniteen akka jettetti, ABUT haala amma jiruun biyya jeequuf muratee ka’uun tuffii sabootaafi sablammoota Itoophiyaaf qabu agarsiisa.
ABUT akkuma amalasaa biyyattii jeequuf tattaafataa waan jiruuf keessumaa dargaggoonni Oromoo miira abbaa biyyummaatiin biyyasaa tiksuu qabu. Badii biyyasaaniirratti aggaamames miira abbummaatiin qolachuun irraa eegama.
Dargagoonni Oromoo waan mormanis ta’e deeggaran sababaan ta’uu akka qabus eeranii, humnoota nageenyaa cinaa dhaabachuufi tumsa barbaachisu hunda gochuun olola sobaarraa ofeegaa nageenyaafi tasgabbii naannoosaa eeggachuu qabu jetteetti.
Oromiyaa Itoophiyaa xiqqoo waan taateef bulchiinsi Oromiyaa wayita ammaa biyya bulchus saboota hundaaf wabii nageenyaa mirkaneessuu qaba jettee, dargageessi Oromoos saboota Oromiyaa qofaaf osoo hintaane kanneen Itoophiyaa keessa jiran hundaaf dawoo ta’uu qabu dubbatteetti.
Waanti juuntichi biyya keenya gara kaabaatti raawwataa jiru dhimma biyyaafi ofii ta’uun hubatamee dargaggoon dhimma biyyasaa hundarratti hirmaachuun qoodasaa bahachuu qaba jechuun ibsiteetti.
Gareen kun garee saba keessaa baheef kan hin yaadne ta’uu Saamiyaan eertee, daa’imman umuriinsaanii waraanaaf hingeenye osoo barachuu qabanii du’aaf hiriirsuun fedhiinsaanii aangoo duwwaa ta’uu kan hubachiisu ta’uu addeessiteetti
Pirezidaantiin waldichaa, Dargagoon Kadiir Indaalkaachoo gamasaatiin, ABUT yeroo hedduu naannoo Amaaraa waliin qofa waliitti bu’iinsaa uumaa akka jiru wayita ibsu dhagahama. Haata’umalee walittibu’iinsi taasisaa jiru guutummaa ummatoota Itoophiyaa waliin ta’uun hubatamuu qaba jedheera.
Dargaggoonni Itoophiyaa hundi gocha ABUT raawwachaa jiru mormaa jiraachuus eeree, gocha badii raawwachaa jiru yeroo dhumaatiif dhaabsiisuufis naannoleen hundi kutaawwan biyyattii hundarraa humnoota addaasaanii garas imalchiisuun walittibu’iinsi garichi uumaa jiru saboota Itoophiyaa wajjin ta’uu hubachiisa jedheera.
Dargaggoonni kaleessa harka qaxxaamursuun dura ABUT dhaabbatanii aangoorraa buusan, har’as irra deebi’uun gochasaa ofirraa qolachuu qabu jedheera.
Finfinnee: Gocha shororkeessaan ABUT gara jabummaan ummata qulqullurratti ajjeechaafi weerara naannooleerratti taasisaa jira.
Miseensi waldichaa Dargaggoo Gazaahany Andargee Cifrees gochi gara jabummaa ABUT raawwachaa jiru hamaafi kan biyya diigu ta’uu eeree, gocha diigumsaa juuntichiifi fakkaattonnisaa biyya keessaafi ala taa’anii raawwataa jiran dargaggoonni biyyattii tokkummaan bahanii “Hinta’u” jechuu qaba jedheera. Itoophiyaan yoo jiraatteedha mirga keenya gaafachuufi kabachiifachuu kan dandeenyu jechuunis ibseera.
Akka Dargaggoo Gazaahanyi jedhutti, aarsaa goototni keenya nutti kennan qabannee diina amma nurratti bookkisaa jiru waliin ta’uun ofirraqolachuu qabna. Gocha juuntichi raawwachaa jiru tuffii ummata biyyattiitiif qabu ibsuu bira taree gocha biyya ganuuti.
Gidiraa shororkeessaa ABUT kallattiilee adda addaatiin ummata biyyattiirraan gahaa qolachuuf dargaggoonni Oromoos ta’e guutuu Itoophiyaa raayyaa ittisaatti makamuu dabalatee waan danda’an hunda’an hundaan hirmaachuu akka qabanis dubbateera.
Dargaggoonni kaleessa harka qaxxaamursuun ABUT aangoorraa ari’e har’as irra deebiin gootummaasaa agarsiisuu qabu jechuunis dhaameera.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013