Wayinisheet Kaasaatiin
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Addaa 4fa Bara Hojii 6fa Wiixata darbe kan gaggeessee yoo ta’u, Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis walga’icharratti argamuun gaaffiilee miseensota mana maricharra dhiyaateefi haala wayitaawaa Itoophiyaarratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Ibsasaanii keessatti haala dinagdee Itoophiyaa kan kaasan yoo ta’u, waggaan kun dinagdeen addunyaa weerara vaayirasii koronaatiin kan qorame, dinagdeen keenyas koviid-19 dabalatee balaa weerara awwaannisaafi lolaatiin raafameera jedhan.
Dabalataanis waggaa kana keessa walitti bu’insi hedduun uumamuu, lubbuun namoota danuu galaafatamuu, buqqaatiin lammiilee mudachuu, hojiileen waggoota darban hojjetamuu otoo qabanii ce’uunsaanii, sadarkaa adduunyaatti qaala’insi gatii cimuu, fakkeenyaaf gatiin xaa’oofi boba’a dachaan dabaluu, lammmiileen Itoophiyaa biyyoota garagaraa hojiif deeman dhiibbaadhaan akka bahan taasifamuufi kkf dinagdee biyyattii miidhuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan jijjiramaa as, bara 2011 guddinni dinagdee Itoophiyaa dhibbantaa jaha, kan bara 2012 ammoo dhibbantaa sagal ture kan jedhan Doktar Abiyyi, kan bara bara 2013 Fulbaanaatti kan beekamu ta’us kunneenirra fooyya’iinsi kan eegamu ta’uu eeraniiru.
Sababnisaas guddinni dinagdee baranaa rooba gahaa, omishawwan qamadii bonaa, omishni bunaa baay’achuu, kuduraaleefi fuduraalee dabaluu, albuudawwaniifi omishoonni birootiin bu’aa fooyya’aan ni eegama jedhan.
Yeroo ammaa galiin nama tokkoo doolaara kuma tokko darbuu, galiin guddina dinagdee Itoophiyaa alaa doolaara biliyoona 100 ol ta’uu, mallaqni baankiidhaan socho’u qarshii tiriiliyoonii tokko darbuu, addaaddummaan galiifi baasii daldala gidduu jiru gara dhibbantaa 9.3tti hir’achuu, daldalli alaa dhibbantaa 18n guddachuu, fooyya’insi waggoota darbaniirra jiraachuu kan mul’isuudha jedhanii, Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif omisha alergiitiin doolaara biliyoona 3.5 argachuunshees ibsituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniiru.
Qaala’ina gatii ilaalchisees gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’eef wayita deebii kennan, qaala’inni gatiifi jireenyaa tokko otoo hintaane, inni tokko isa tokkotti akka caalchisu taasisa jedhan.
Waggoota 16 darbanitti qaala’insi abbaa dijiitii lamaa ta’ee ture kan jedhan ministirri muummeen, sababnisaas fedhiifi dhiyeessiin walmadaaluu dhabuu, qaala’insi nam olchees jiraachuu, daldalaan gatiin dabaluu danda’a jedhe omisha dhoksuu, bitattoonnis qaala’uu mala jedhanii dursanii baay’isanii bituufi kkfn kanneen ijoo ta’uu himaniiru.
Kana ittisuufis waldaalee shamattootaatiif qarshiin biliyoonni walakkaa gadhiifamuu, Finfinneetti buufataalee gabaa guguddaa ijaaruuf yaalamuu, mootummaan dabalataan qamadii, zaayitiifi shukkaara galchaa jiraachuu eeranii, tarkaanfiileen kunneen hanga barbaadamu ta’uu baatus hanga tokko qaala’ina jireenyaa salphisuusaanii beeksisaniiru.
Dabalataanis mootummaan waggoota sadii darbaniif boba’aa gatii ittiin gurguramuu qabu gaditti gurguruusaatti qarshii biliyoona 47.8 kasaareera jedhan.
Kana boodas haalota qaala’ina jireenyaa salphisan kanneen akka warshaalee daabboo Finfinneetti qofa otoo hintaane naannoleetti dabalataan 10 ijaaruu, sirna daldalaa sirreessuu, daldaltoonnis sirna daldalaa seera qabeessa hordofanii hojjechuu qabu, imaammataan rakkoo gama kanaan mul’atu sirreessuuf tattaaffiin ni taasifama jechuun kallattii gara fuulduraa kaa’aniiru.
Hojii ‘Lafti soomii hinbulu’ jechuun waggaa darbe jalqabameenis jabeessinee ittifufuudhaan omishaafi omishtummaa keenya guddisuu qabna kan jedhan Doktar Abiyyi, ummanni qamadii kadhatu kabaja hinqabu, kabaja keenya deebifachuuf hojjechuu qabna jechuun ibsan.
Deebii dhimma Naannoo Tigraayiifi juunticha ilaalchisuun kennaniinis, juuntaawwan kanaan dura bajata mootummaa federaalaarra kennamuun loltootasaa raayyaa ittisaa gitan ijaaraa tureera, ofiisaanii of cimsuutiin ala naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaafi kkf tasgabbiin akka hinjiraanneef namootasaa bobbaasee shirasaa facaasaa tureera jedhan.
Juuntichi wayita aangoorra turetti ummata Tigraayi hiyyummaa keessaa baasuuf hinhojjenne, faallaasaatiin waraanaaf isaan kakaasaa ture, ajaja kaabaa oolmaa Tigraayiif ooleen yoo xiqqaate hanga harma muruutti deemuu hinqabu ture, fedhiinsaanii jajaja kaabaa haleelanii dhaabuu otoo hintaane Itoophiyaa diiguuf ture jechuun ibsaniiru.
Waraanicha dura jaarsummaa hedduu yaalleerra, waraanichi ummata Tigraayi ni miidha jennee isaan kadhanneerra, kadhachiisneerra. Mootummaan federaalaa otoo hinjaalatiin dirqameeti gara waraanaatti kan seene. Waraanichi achumatti akka xumuramuufi naannichi akka hindiigamne taasisneerra, walitti bu’insa kana keessatti xiyyeeffannoon keenya humna juuntaa to’achuu turee inni milkaa’eera jedhan.
Waraanichi akka magaalaa hinseenne taasisuu keessatti hojiin raayyaan ittisaa raawwate seenaadhaan yaadatama. Namni Maayikaadiraarratti obboleettiifi obboleessasaa dhabe gara haalootti seenuu dhiisuunsaa seenaan kan isa galateeffatu ta’uus dubbataniiru.
Gama miseensota juuntaa to’annoo seeraa jala jiranii ilaalchisee, miseensonni kunneen sarbamni mirga namummaa irra gahe hinjiru. Sirriitti qabamaniiru, waan reebaa turtaniif reebamtu hinjedhamne jechuun ibsaniiru.
Akka Doktar Abiyyi himanitti, mootummaan naannichatti nagaafi tasgabbiin akka uumamuufi ummaticha deeggaruuf biyyoota kamuu ol hojjeteera, tajaajilota mootummaa yeroo gabaabaa keessatti eegalsiisuun danda’ameera, mo’ichi argame hedduudha, ajajni kaabaa bilisa baheera, hoggantoonni juuntaa olaanaan ajjeeffamaniiru, qabamaniiru, kan jirus sodaa akka hinuumne taasifameera, misaa’eelii keenya deebifanneerra, shirri Itoophiyaa qoqqooduuf xaxamaa ture zeeroo taasifameera. Sana cimsuun nurraa eegama.
Wa’ee dippiloomaasiifi raayyaan ittisaa Tigraayirraa bahuu ilaalchisee ibsa taasisaniin, Itoophiyaan imbaasiiwwan 60 ol biyyoota garagaraa keessatti kan qabdu yoo ta’u, Itoophiyaa fayyaduusaa ilaaluun barbaachisaadha jedhan.
Imbaasiiwwan tokko tokko cufamanii ambaasaaddaroonni akka barbaachisummaasaatti bakka itti muudaman beellamaan deemuu ni danda’u, gama baasii baafnuufi dhimmoota adda addaa ilaalcha keessa galchuun mootummaan ittaanu jijjirama hojmaataa taasisuun waggaa dhufutti imbaasiiwwan qabnu keessaa yoo xiqqate 30 hir’isuu qabna jedhan.
Raayyaa ittisaa Tigraayirraa baasuu ilaalchisees, adeemsa mala loltummaatiin ibsuu waan hindandeenyeef malee loltoota Tigraayii baasuun hojii ji’a tokkoo dura itti yaadame ta’uu eeranii, marsaa lamaan loltoonni wayita bahan kan hindhagahamne, marsaa sadaffaarratti raayyaan ittisaa bahuun kan dhagahame jedhu.
Humni waraanichaa guutummaatti kan Tigraayii bahe marsaa afraffaarratti jedhanii, sababnisaas haalichi akka duraanii biyyattiif sodaa waan hintaaneef waraanota keenya sochoofneerra jedhan.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013