Natsaannat Taaddasaatiin
Hawaasaa: Itiyoo Telekoom tajaajila (‘4G LTE Advanced’) Riijinii Kibbaa, tajaajila interneetii mobaayilii daran si’eessu Kibxata darbe Magaalaa Hawaasaatti jalqabsiiseera.
Tajaajilichi maamiltoota kuma 925 magaalota 12 (Hawaasaa, Shaashamannee, Arsii Nagallee, Bulee Horaa, Diillaa, Yaabal’oo, Yirgaalam, Alataa Wandoo, Moyyaalee, Shaakkisoo, Adoolaafi Nagalleen)tti argaman fayyadamoo kan taasisuudha.
Raawwachiiftuun Hojii Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu saganticharratti akka jedhanitti, kubbaaniyyichi bara bajataa 2013 tajaajila ”4G LTE Advanced’ magaalota biyyattii 103tti babal’isuuf karoorfatee hajjechaa jiraachuufi hanga Kibxata darbeetti magaalota 65 fayyadamtoota tajaajilichaa taasiseera. Itiyoo Telekoom tajaajilicha magaalota naannolee biyyattii birootti babal’isuuf hojjechaa kan jiru ta’uus himaniiru.
Itiyoo Telekoom guyyichuma waaree booda immoo hojjettootaafi maamiltootasaa wajjin mooraa Mana Barumsaa Sadarkaa 1fa Gimbii Gannat Magaalaa Hawaasaa keessa biqiltuu dhaabaniiru.
Kubbaaniyyichi sagantaa “Itoophiyaa Haa uwwisnuu” dhugoomsuuf barana biqiltuuwwan miliyoona tokko dhaabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Raawwachiiftuun Hojii Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu saganticharratti ibsaniiru.
Dhaabbiin biqiltuu Itiyoo Telekoom Magaalaa Hawaasaatti jalqabe kun kutaalee biyyattii gara garaatti kan ittifufu ta’uus himaniiru.
Itiyoo Telekoom bara 2011 biqiltuuwwan miliyoona 1.5 kan dhaabe yoo ta’u, isaan keessaa biqiltuuwwan miliyoona 1.1 kan qabataniiru. Bara 2012 immoo sababa weerara vaayirasii koronaatiin walqabatee biqiltuuwwan kuma 660 kan dhaabe yoo ta’u, isaan keessaa biqiltuuwwan kuma 547 kan qabatan ta’uu himaniiru.
Hojjettoonniifi maamiltoonni Itiyoo Telekoom akkasumas hawaasni naannawa biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Hawaasaa Pirofeesara Gargaaraa Tsaggaayee Tukee Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, tajaajilli (‘4G LTE Advanced’) interneetii mobaayilii daran si’eessu magaalattiitti jalqabuun turistoonni, investeroonniifi jiraattonni magaalattii odeeffannoo barbaadan akka argatan, bakka barbaadan taa’anii kaffaltii akka raawwatan, hariiroon mootummaafi ummata gidduu jiru caalaatti cimsuu, hojiisaanii beeksisuufi milkeessuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Turistoonniifi investeroonni tajaajilaafi teknolojii fooyya’aa waan barbaadaniif tajaajilichi fedhiisaanii guutuun magaalattiin turizimii, investimantiifi jireenyaaf daran mijattuufi filatamtuu akka taatu kan taasisu ta’uu himanii, tajaajilichi turee isaan qaqqabus gaaffii ummatni irra deddeebiin kaasaa ture kan deebise ta’uu himaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013