Natsaannat Taaddasaatiin
Hawaasaa: Sidaamaan naannoo biyyattii 10fa taatee erga hundooftee waggaa tokko ta’eera. Naannoo Sidaamaa keessatti kan argamu Magaalaan Hawaasaa yeroo ammaa teessoo bulchiinsa mootummmaa naannichaafi naannoo Sabootaafi Sablammoota Kibbaa ta’ee tajaajilaa jira.
Magaalaa Hawaasaa turizimiifi investimantiifi jireenyaaf daran akka filatamtuuf nageenyaafi tasgabbii magaalattii mirkaneessuus waggaa tokkoo as hojiilee gurguddoon raawwatamuu bulchiinsi magaalattii ibse.
Kantiibaa Ittaanaa magaalattii Pirofeesara Gargaaraa Tsaggaayee Tukee Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, waggaa tokkoo as magaalattiin turizimiifi invesimantiif daran akka filatamtuuf hojii nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa ture. Nageenyi bu’uura waan hundaati. Yoo nageenyi jiraate malee turizimiin, investimantiifi misoomni hinjiru.
Hawaasaan Magaalaa turizimii, investimentiifi jireenyaaf mijatuudha kan jedhan kantiibichi, nageenyi magaalattii mirkanaa’uusaatiin yeroo ammaa hojiileen investimantiifi pirojektoota gara garaa baay’inaan gara magaalattii dhufaa jiru. Magaalaan Hawaasaa qabeenya dabalataa hinfiduudhaan magaalota biyyattii biroo waliin dorgomuuf humna qabduun hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Hawaasaan wiirtuu tuurizimiifi ivastimantiiti kan jedhan kantiibichi, bulchiinsi magaalattii tuuristootaafi invastaroota haaraas hawwachuufi simachuudhaaf hojjechaa jira. Lafti investimantiis adda bahee qophaa’ee jiraachuu eeraniiru.
Magaalattii wiirtuu turizimiifi investimantii taatee akka itti fuftuuf hojiilee hedduun raawwatamaa jiraachuu himanii, ummatni magaalaa magaalattiis qabeenyi dabalataa akka dhufu barbaada. Magaalaan Hawaasaa magariisaafi qulqulluu waan taateef jireenyaafis ta’e bashannanaaf daran filatamtuudha. Magaalattiin bu’uuraalee misoomaa heddumminaan waan qabduuf turizimiifi investimantiif daran filatamtuudha.
Magaalattiin investeroota hedduu, paarkii industirii, bu’uuraalee misoomaa, buufata xiyyaaraa gahaa kan qabdu ta’uu himanii, daandii saffisaan Hawaasaa Mojoo yeroo xumuramu kankolootaadhaan sa’aatii muraasa keessatti omishaalee magaalattii gabaa Finfinneetiif dhiyeessuun ni danda’ama. Hawaasaan Finfinneerraa kiilo meetira 270 fagaattee kan argamtu ta’uus dubbataniiru.
Bulchiinsi magaalattii investerootaafi paarkii industirii Hawaasaa waliin ta’uun mari’achaafi qabeenyasaanii eeguufi kunuunsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu kan himan kantiibichi, hojiin kun invastaroonni haaraan akka dhufaniif carraa gaarii kan uumu ta’uus eeraniiru.
Nageenyi magaalattii mirkanaa’uun qabeenyi dabalataa gara magaalattii akka dhufu taasisaa jiraachuu himanii, kana malees hojiin invasimantii daran akka babal’atu taasisuudhaan carraa hojii bal’aa uumuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013