Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Ragaaleen akka mul’isanitti, addunyaarraa lafti heektaarri biliyoona 40 bosona uffateera. Itoophiyaattimmoo lafti heektaara miliyoona 17.2 mukeen gosa garagaraan uwwifameera. Kanarraa kan ka’es akaakuuwwan lubbuu qabeeyyii hedduu qabaachuun addunyaarraa 25fa,
Afrikaarraammoo sadarkaa shanaffaarratti argamti; Itoophiyaan.
Haa ta’u malee qabeenyi uumamaa kun sababoota garagaraatiin hir’ataa deemuun yaaddoo idil addunyaa ta’eera. akka qorannoon damichaa ALA bara 2013 taasifame agarsisuutti addunyaarraa waggaatti bosonni heektaara miliyoona 13, Itoophiyaatti ammoo heektaarri kuma 92 manca’aa ture. Kana garuu hojii misooma sululaa hojjetameen kuma 33tti gadi buusuun danda’ameera.
Ammas hojichi xiyyeeffannaa olaanaa kan barbaadu ta’uudha Qorataan Komishinii Naannawaa, Bosonaafi Jijjirama Haala Qilleensaa akkasumas, Miseensi Garee Teknikii Ashaaraa Magariisaa Doktar Adafris Warquu yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin kan ibsan.
Akka isaan jedhanitti, waggoota kurnan lamaan darban lageen naannawa sulula qiinxaamaa jiran bosonaan kan uwwifaman turan. Fakkeenyaaf Haroowwan Dambaliifi Laangaanoo muka laaftootiin marsamanii ilaaluufillee rakkisaadha. Amma garuu mukni naannawaa baay’inaan waan cirameef rakkoo tokkoo malee fagoodhaa ilaaluun ni danda’ama.
Haroon Abijaataas waggoota 40 keessatti lafti heektaara 477 qaama harichaa ture duwwaa ta’uu eeranii, haala kanaan ittifufnaan waggoota 40 booda cira bade seenaan bishaan Haromaayaarra qaqqabe isarras qaqqabuu akka hinoolle addeessu.
“Kana malees hidhi Qoqaa dur dhiheenyatti ilaallu amma hinmul’atu. Gandaan bishaanii bishaan baay’ee baachaa ture har’a, lafa qonnaa ta’eera. Haroowwan waggoota muraasa dura gadifageenya meetira 15, 16 qaban har’a meetira lamaafi sadiitti gadi bu’aniiru. Fuulduratti ammoo bishaan kuusuu dhiisanii dirree ta’uuf deemu” jedhu.
Haala amma jiruun biyyattiitti qonnaan bulaafi horsiisee bulaa qofa osoo hintaane bosonaan bulaanis heddummachaa jiraachuu kaasanii, dargaggoonni kutaalee biyyattii addaddaa keessa jiran mukeen dhaabaa, kutanii gurguraa jiraachuu akka agarsiisaatti kaasu.
Dhiibbaan laggeeniifi haroowwan irratti qaqqabu kun ammoo deeme deemee hidha guddicha ummanni biyyattii ija irra kaa’ate akka miidhu ibsanii, kana jechuun naannawa bosonni irraa manca’eetti gogiinsii ni uumama, roobnis hinjiraatu jechuu ta’uu addeessu.
“Kanaaf lageen dolol’oo Abbayyaa waan Abbayyaaf gumaachan dhabu. Kana malees gaafa roobeemmoo biyyoo dhiqamee timjiin isaa dhaqee hidha guddichatti seena. Kunimmoo umrii hidhichaa gabaabsa. Kanaaf hojiin eegumsa naannawaa duulaan qofa osoo hintaane hojii idilee ta’uu qaba” jechuun hubachiisu Doktar Adafris.
Yunvarsiitii Finfinneetti, Daarektarri Bishaaniifi Qabeenya Lafaa Doktar Geetee Zallaqaa gamasaaniin, Itoophiyaa keessa waggoota 40 darban hojiin misooma sululaa hojjetamus ammayyuu qabeenyi uumamaa manca’aatuma jira. Qorannoo yaa’a Abbayyaarratti taasifameenis waggaatti biyyoon hanga toonii 200 ol roobaan dhiqamee timjii ta’a.
Yeroo baay’ee eegumsa naannawaa hojii qonnaaf qofa akka fayyaduutti kan fudhatamu ta’uu kaasanii, ta’uus hojiichi biyyoo dhiqamee laga Abbayyaatti dabalamu %75 hir’isuun umurii hidha guddichaa 375 dabaluu danda’a jedhu.
Sababa qabeenyi uumamaa manca’uun hidhawwan madda humna elektrikii haayidiroo guguddaan timjiidhaan guutamanii dandeettiin humna maddisiisuusaanii hir’aachaa jiraachuu eeranii, akka fakkeenyaattis Hidhi Borkannaa ijaaramee waggaa lama keessatti timjiidhaan guutamuu kaasu.
Dabalataanis, babal’inni biqiltuuwwan weeraraa eegumsa naannawaarratti dhiibbaa fidaa jiraachuus kaasanii, akka fknttis biqiltuun pirosooppis jedhamu Naannoo Affaar qofa lafa heektaara 1.2 uwwisuu ibsu. Gama biraatiin ammoo aramaan bocee Haroo Xaanaarratti mul’ate hidha haaromsaa guddichaafis yaaddoo ni ta’a jedhu.
Kanaafuu misooma sululaafi eegumsa naannawaa ijaarsa hidha guddichaa kaayyoo ka’umsaa taasifachuun hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamuu akka qabu kan ibsan Doktar Geeteen, hojiin hojjetamus haala qabatamaa naannawaa hawaasaas jijjiiruu kan danda’u ta’uu akka qabu addeessu. Akkasumas, hojii misooma qabeenya beeldootaa qaama misooma sululaa taasisanii ilaaluun barbaachisaa ta’uu hubachiisu.
Hojiin kunis humna namaatiin qofa hojjetamee lafa yaadame ga’uu waan hindandeenyeef teknolojiwwan barbaachisan fiduu, sirna hordooffii cimaa diriirsuufi kununsa barbaachisu taasisuun akka barbaachisu ibsanii, yoo kana ta’e biyyattiin ofirrayyuu haftee addunyaaf bu’aa olaanaa akka buustu dubbatu.
Yaa’a Abbayyaarratti qofa hojiin ittifufiinsa qabu hojjetamee timjii lagichatti seenu %50 hir’isuun yoo danda’ame umurii hidhichaa waggaa 275tti dheeressuufi humna qofaarraa galii biliyoona 140 argachuu akkasumas, timjii lagicha seenuu %75 hir’isuun yoo danda’ame umurii hidhichaa waggaa 375tti dheeressuufi humna elektrikiirraa qofa galii doolaara biliyoona 246 argamsiisuun ni danda’ama jedhu.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013