Natsaannat Taaddasaatiin
Finfinnee: Miseensonni Mana Marii Tikaa Mootummoota Gamtoomanii dheengadda Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti mari’ataniiru. Mariin dhimma hidhichaarratti adeemsifamu karaa Gamtaa Afrikaa ittifufuu akka qabus himameera.
Manni marichaa dhimma hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaarratti fedhii Misiriin mariif kan taa’e yoo ta’u, Ameerikaa dabalatee bakka buutonni biyyoota hedduu mariin karaa fayyadamummaa waloo hidhicharratti bu’uura godhateen taasifamu Gamtaa Afrikaatiin akka ta’u fedhii qabaachuu agarsiisaniiru.
Maricharratti miseensonni biyyoota akka Ameerikaa, Ruusiyaa, Chaayinaa, Ayirlaandi, Ingiliiz, Meeksikoo, Hindiifi Keeniyaa kanneen marichi karaa Gamtaa Afrikaa akka ittifufu fedhii agarsiisaan keessatti kan argamaniidha.
Dhimmichi furmaata kan argatu gidduseenumma biyyoota biraatiin osoo hintaane biyyoonni sadan (Itoophiyaa, Sudaaniifi Misir) Gamtaa Afrikaa waliin taa’anii mari’achuudhaan akka ta’es beeksisaniiru.
Mariin Manni Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun taa’erratti bakka buutonni Misir, Sudaaniifi Itoophiyaa haasaa taasisaniiru.
Maricharratti bakka bu’aa Itoophiyaa ta’anii kan hirmaatan Minisirri Bishaan, Jallisiifi Inarjii FDRI Doktar Injiinar Silashii Baqqalaa haasaa taasisaniin, ijaarsi hidhichaa baasii doolaara biiliyoona shaniin ijaaramaa jiru dhiiga, dafqaafi imimmaan lammiilee Itoophiyaan ta’uu eeranii, hojiin ijaarsa hidhichaa kallattii faayidaa waliinii mirkaneessuu danda’uun hojjetamaa jira jedhan.
Dhimmichi gara Mana Marii Tikaa dhufuun sirrii hinturre kan jedhan ministirichi, sababnisaas nuti ijaaraa kan jirru hidha bishaaniiti malee gabbisa Niwukilarii miti. Dhimmi hidhichaa furmaata argachuu kan qabu karaa Gamtaa Afrikaa waan ta’eef gamtichi akkuma jalqabetti gaheesaa bahachuu akka qabu waamicha taasisaniiru.
Hanga ammaatti ummatni Itoophiyaa miiliyoona 65 ol tajaajila humna elektirikii kan hinarganne ta’uus eeranii, biyyootni yaa’a Laga Abbayyaa gajjallaa garuu %100n tajaajila humna ibsaa argachaa kan jiran ta’uu himaniiru.
Hangi bishaan qabannaa hidha haaromsa guddichaa Itoophiyaa hidha Aswaan Misir waliin yoo madaalamu dachaa sadiin kan hir’atu ta’uu himanii, biyyootni sadan dhimma ijaarsa hidhichaarratti waliigalteerra akka gahaniif Itoophiyaan ofitti amanamummaa guutuun cimsitee kan hojjettu ta’uu beeksisaniiru.
Dhimmi marii ijaarsa hidhichaa biyyoota sadanii waan ta’eef marichi mari’achiisummaa Gamtaa Afrikaatiin ittifufuu akka qabu eeraniiru.
Madda hidha humna elektirikiirratti Afrikaas ta’e addunyaan muuxannoowwan guguddoo kan qaban ta’uu himanii, hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaan ijaaraa jirtus tarbaayinoota humna elektirikii maddisiisan rukutee darbuun gara biyyoota yaa’icha gajjallaa jiraniitti yaa’uu kan ittifufu ta’uu himaniiru.
Ijaarsi Hidha Guddichaa pirojektii ummataa isa jalqabaati kan jedhan Doktar Injiinar Silashiin, lammiileen biyyattii hundi ijaarsa hidhichaa xumuramee ifasaa arguuf abdiidhaan eeggachaa akka jiran beeksisaniiru.
Lagi Abbayyaa kan biyyoota yaa’a lagichaa hundaa ta’uus himanii, namootni biiliyoona walakkaa ta’an ammoo biyyoota yaa’ichaa keessa jiraatu. Lagni Abbayyaa %85 kan ta’u Itoophiyaa keessaa kan madduudha jechuun dubbataniiru.
Itoophiyaan biyyoota ollaashee, Sudaaniifi Misiriif waan gaarii kan yaaddu ta’uu himanii, dhimma hidhichaarratti waliigaluun nageenya gaanfa Afrikaafis murteessaa ta’uu addeessaniiru.
Marichi haala gaariidhaan akka ittifufuuf Itoophiyaan kutannoo cimaadhaan kan hojjettu ta’uu himanii, dhuma marichaarratti biyyoonni sadan waliigalteerra kan ga’an ta’uutti amanti jedhan. Biyyootni sadan dhimmoota baay’eerratti waliigalaniiru. Dhimmoota irratti walii hingallerratti waliigaluuf ammoo marichi mariisisummaa Gamtaa Afrikaatiin ittifufuu akka qabu hubachiisaanii TOIn gabaaseera.
Oduudhuma walqabateen Dhimmi hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa carraa gara Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhaquu akka hinqabne Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii himaniiru.
Kana boodas ajandaa mana marichaa miti jedhanii, dhimmi hidhichaa karaa Gamtaa Afrikaatiin ilaalamuu akka qabuufi dhimma misoomaa akka ta’e ibsameera jedhan.
Miseensonni mana marichaa 15 yaada adda addaa yoo qabataaniyyuu harki caalaan dhimmi hidhicha dhimma misoomaa malee dhimma nageenyaa akka hintaane waliigalaniiru. Kunis Itoophiyaaf mo’icha dippiloomaasiidha jedhan.
Miseensota mana marichaa waliin yeroo adda addaatti marii gochuun bu’aa argamsiiseera kan jedhan dubbii himichi, wayita mariin mana marichaa gaggeeffamutti Itoophiyaanonni ejjennoosaanii ibsaniiru, kanaafis galateeffamuu akka qaban addeessaniru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013