Haaressi Istaadiyooma Finfinnee jalqabame

Tashoomaa Qadidaatiin

Finfinnee: Waggoota dheeradhaaf tajaajila kennaa kan ture haaressi Istaadiyoomiin Finfinnee geggeeffamaa jira.  Haaressichaaf torban lama dura walta’iinsi kan mallatteeffame yoo ta’u, jalqaba torban kanaarraa kaasee geggeeffamaa jira.

Haaressichi yaada Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ”CAF” kenne bu’uureffachuun kan adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u,  dirree kubbaa miilaa dabalatee, kutaalee taphattoonni uffata jijjiirrataniifi qaama itti dhiqatan, mana fincaanii qaba. Haaressichaan hojiileen eletirikiifi saaniitariis ni adeemsifamu. 

Hojichi kubbaaniyyaa dhuanfaa Fireendis Injinariingi jedhamuun kan geggeeffamu ta’uu Komishiniin Ispoortii Federaalaa beeksiseera.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013

Recommended For You