Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Waggaa dhufu Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa (Special Economic Zone) ijaaramuuf ta’uu Waajjirri Ijaarsa Pirojektota Guguddoo magaalattii ibse.
Hogganaan waajjirichaa Injinar Shimallis Isheetuu gaafdeebii tibbana waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, pirojektiichi walt’iinsa mootummoota Itoophiyaafi Chaayinaatiin naannawa Gootaraatti lafa heektaara 35 irratti kan ijaaramu yoo pirojektichi akka Afrikaattillee guddicha. Keessoosaattis wantoota aadaa ibsan, wiirtuun saayinsiifi teknolojii, riil isteetii, hoteela, giddugala gabaafi kkf kan of keessatti qabatuudha.
Baasii zoonicha ijaaruun fixu qoratamaa jiraachuu eeranii, ijaarsisaa garuu muuxannoo jirurraa ka’uun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf kallattii kaa’uu ibsu.
Waajjirichi of jalatti hojiiwwan guguddoo lama kan hojjetu ta’uus eeranii, kunneenis damee indastirii ijaarsaa hogganuufi damee korporeetii akka ta’aniifi dameen indastiriis ijaarsaa pirojektiiwwan garagaraa abbummaadhaan kan ijaaru ta’uu, akkasumas, korporeeshiniin ammoo galii kan maddisiisu (business developer) ta’uu ibsaniiru.
Damichi pirojektota kanaan dura qoratamanii sababoota garagaraatiin hinijaaramiin hafaniifi rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an qoratee bajata bulchiinsa magaalaatiin ykn invastaroota alaa shariikummaadhaan hirmaachisuun akka ijaaraman kan taasisu ta’uu himanii, fakkeenyaaf pirojektiin Egliis naannawa Lagahaaritti hojjetamaa jiru agarsiiftu ta’uu kaasaniiru.
Akka Injinar Shimallis jedhanitti, invastaroonni alaa sharikummaadhaan yommuu hojjetan bulchiinsi magaalaa lafa liiziidhaan yoo dhiheessu, isaanimmoo kaappitaala fidanii dhufu. Bu’uura kanaan bulchiinsi Magaalaa Finfinnee pirojektii Lagahaar irraa sheerii %27 qaba. Ijaarsii zoonii addaas bifuma kanaan kan raawwatamudha.
Kana malees baasiin bulchiinsa magaalichaa kiraa gamootiif ba’u olaanaa ta’uufi ji’aan qofa gara qarshii miliyoona 846 akka ba’ee eeranii, kana hambisuufis qorannoo pirojektii tokko dhumee bajata ramachiisuu qofti akka hafu dubbataniiru. Kunis sadarkaa Afrikaatti haala adda ta’een ijaaruuf karoorfamuusaafi seektaroota magaalattii 43 ta’an bakkawwan addaddaatti faffaca’aanii turan bakka tokkotti walitti qabuun tajaajila si’ataa akka kennan akkasumas, tajaajilamaan dhimma tokko raawwachiifachuuf guyyoota lamaa sadii itti fudhatu yeroo muraasa keessatti bakkuma tokkotti akka tajaajilamuuf kan fayyadu ta’uu eeraniiru.
Pirojektiichi kan ijaaramu magariisummaa akka qabaatuuf akkasumas, bifa hojjetaafillee daran hawataa ta’een ta’uu ibsanii, hojjetaan oolmaasaa caalu kan dabarsu bakka hojiisaatti waan ta’eef yoo hawataafi mijataa ta’eef tajaajila gaariillee kennuu akka danda’u kaasaniiru.
Waliigala pirojektiin kan hindhaabanne waan ta’eef muuxannoo argamerraa ka’uun pirojektiiwwan haala qabatamaa magaalattii jijjiiran heddumminaan hojjechuuf mul’ata qabaachuuhimanii, ummanni ammoo wantoota hojjetaman kanneen akka kan dhuunfaasaatti kununsuun darbees haala sirriin itti fayyadamee dhalootaaf dabarsuu akka qabu dhaamaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013