Natsaannat Taaddasaatiin
Akka dhahaa biyya keenyaatti yeroon keessa jirru kun yeroo dhimmi bajajaafi isaan walqabatan irra deddeebiin itti ka’uudha. Oduun mootummaan federaalaa ykn naannoo bara bajataa kanaaf qarshii hammanaa ramade ykn ramadan jedhus bal’inaan dhaga’ama.
Keessummaan keenya maxxansa kanaas hayyuu dinagdee faayinaansiifi isaan walqabatanirratti muuxannoo waggoota dheeraa qabaniidha. Hayyichi Obbo Tolasaa Gaddafaa jedhamu. Obbo Tolasaan yeroo ammaa Hogganaa Biiroo Maallaqaafi Walta’iinsa DinagdeeOromiyaa ta’anii tajaajilaa jiru.
Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii? Eessa eessa akka hojjetanis achumaan?
Obbo Tolasaa: Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Horroo, Ganda Qonnaan bulaa Dooyyoo, Magaalaa Shaambuu cinatti argamuttan dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhaloota koottan baradhe. Digirii koo tokkoffaa Yunivarsiotii Finfinneetti baradheen ‘Ikkoonomiksiidhaan’ ykn Dinagdeedhaan bara 1980 eebbifame. Akkuman barumsa koo digrii tokkoffaa eebbifameen Waajjira Komishinii Karooraatti ‘Centeral Pilanning’tti mindeeffameen Baahir Daaritti bara 1981 hojii jalqabe.
Erga Oromiyaan hundaa’ee ammoo Ittigaafatamaa Qajeelcha Faayinaansii Godina Wallaggaa ta’een hojjechaa ture. Utuman achi hojjechaa jiruucarraa barumsaa argadheedigrii koo lammaffaa Yunivarsitii ‘Panjab’ Hinditti argamutti waggaa lamaaf baradhee ‘Ikkonomiksiidhaa’ eebbifamee Gimbiitti deebi’ee waggaa 10 oliif tajaajile.
Isa booda Biiroon Faayinaansii Oromiyaa na fudhate. Yeroo sana Faayinaansii, Galiifi Karoorri bakkuma tokko turan. Biiricha keessatti qajeelchotaa adda addaarra hojjedheera. Ittigaafatamaa qajeelcha nispeekshinii, bajataa, qabeenyaafi hogganaa ittaanaa biiroos ta’ee tajaajileera.
Yeroo ammaa immoo Hogganaa Biiroo Maallaqaafi Walta’iinsa Dinagdeeta’een tajaajilaa jira. Biiroo kana keessa tajaajiluun waggoota 20 lakkoofsiseera.
Waggoota ja’aaf iddoo biraas hojjedheera. Fakkeenyaaf, Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Oromiyaa keessa waggaa sadiif hojjedheera. Korporeeshinii Sukkaaraatti Ittaanaa Daariktaraa damee karooraafi pirojektii ta’ee waggaa lamaaf hojjedheera.
Waggaa tokkoof ammoo Ministir De’eetaa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Federaalaa ta’ee hojjedheera. Yeroo riifoormiin akka biyyaatti ta’etti hojjettoota mootummaa federaalaa muraasa dirqamni kennameef keessaa tokko ta’uun gara Oromiyaatti deebi’een hojjechaa jira. Gabaabumatti Tolasaafi faayinaansiin walittihidhamiinsa guddaa qabu.
Bariisaa: Haala maatiifi guddinaafi barumsa keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Obbo Tolasaa: Ani abbaa koo Gaddafaa Goobanaafi Haadha kooItaalam Masqaleerraan Hagayya 24 bara 1959 dhaladhe. Maatiin koo ijoollee dhiiraa afuriifi dubaraa ja’a, waliigalaan ijoollee 10 qabu. Ani maatii kootiif ilma torbaffaadha.
Bara 1965ttin Mana Barumsaa Shaambuu sadarkaa tokkoffaa gale. Mana barumsichaatti barataa barataa sadarkaan ture. Yeroo sana ministiriin kutaa 1fatti kennamaa ture. Yeroo sana mana barumsaa kootti qabxii 96 galmeessisuudhaan tokkoffaan ture. Kutaa saddeettaffaattis qabxii 99 galmeessisuudhaan tokkoffaan ture. Maatiin koo qonnaan bultoota waan ta’aniif yeroo barumsa kootiin ala qotaa, aramaafi haamaan ture.
Yeroo sana ibsaan elektirikii waan hinturreef kurraaziidhaanan qayyabachaa ture. Yeroon horii tiksuu dhaqus dabtara koo qabadhee baheen qayyabachaa ture. Maatiin koo hanga yunivarsitiitti akkan baradhuuf na jajjabeessaafi na gargaaraa turan.
Oggaan barachaa turetti yeroo koo harka caalu qayyabannaarrattan dabarsaa ture. Gargaarsi maatii koo jireenya koo har’aafi sadarkaan har’a irra jiruuf gumaacha olaanaa waan qabuuf galata guddaan qabaaf. Anis bultii dhaabbadhee abbaa ijoollee shaniiti.
Bariisaa: Bu’aan sektara tokkorra waggoota 20 oliif hojjechuu akkamitti ibsama?
Obbo Tolasaa: Hojiin faayinaansii hojii karoora waggaafi bajata mootummaa wajjin walitti hidhamiinsa guddaa qaba. Hojiin faayinaansii kan mana barnootaatti baratamu caalaa keessa deddeebi’anii hojjechuudhaan muuxannoo argamuudha. Hojiinsaas daran baay’ee dadhabsiisaadha. Hojichi karoorri qabame akka milkaa’u gochuu keessatti gahee olaanaa qaba. Tajaajilli mootummaan kennu bajata wajjin walqabata. Hojiin faayinaansii ogummaa hundagaleessa of keessaa qaba.
Ani hojii faayinaansiirra waggoota dheeraaf hojjechuu kootiin ogummaa hundagaleessa argadheera. Hojii kanarra waggaa dheeraa hojjechuu kootiin imaammata faayinaansii dhaqnaan godhadheera.
Barumsan digrii tokkoffaafi lammaffaatiin argadhe caalaa hojii faayinaasiitiin barumsa guddaa gochaan utubamen argadhe. Seerota, labsiifi dambii faayinaansiidhaan walqabatanii bahan akkasumas hojmaata herregaa, bittaafi bajataa sirriitti hubadheera jedhee afaan guutee dubbachuun danda’a. Damee hojii kanaan barumsaafi muuxannoo gaarii horachuun koo rakkoo mudate hiikuuf waan fooyya’aa hojjechuuf nagargaareera.
Bariisaa: Karoorriifi bajatni akka Oromiyaatti waggaa waggaan qabamu hangam walsimee deemaa jira?
Obbo Tolasaa: Yeroo ammaa Oromiyaa keessa waajjiraalee mootummaa 58 ta’antu jiru. Baay’eensaanii sadarkaa godinaafi aanaatti dameelee qabu. Bajatni ammaan tana hojii tokkoof waggaatti ramadamu waggoota dura bajata waggaa naannichaa ture. Bajatni waggaa yeroo ce’umsaa eegalee hanga bara 1994tti naannichaaf ramadamaa ture xiqqaadha ture, innumtuu deebi’aa ture. Kun humni raawwachiisummaa naannichaa daran dadhabaa turuu agarsiisa.
Bara bajataa darbe bajatni waggaa Oromiyaa qarshii biiliyoona 90tu labsame. Wixineen bajata baranaa ammoo qarshii biliyoona 124. Bajatni kun kan akka biyyaatti duraan qabamaa turtee oli.
Ani bara 1998 as Hogganaa Biiroo Maallaqaafi Misooma Dinagdee Oromiyaa ta’een tajaajilaa jira. Bara 1998 hanga 2002tti sektaroota hunda keessatti hojiilee guguddoon raawwatamaniiru. Fedhiin ummataa garuu hojiilee raawwatanmaniin ol dabalaa dhufe. Bajatni naannichaa wagga waggaan ramadamu fedhii ummataa waliin yoo madaalamu hanqina guddaa qaba.
Bariisaa: Hojiirra oolmaan, hordoffiifi to’annoon bajataa jijjiirama duraafi boodaa akkamitti ibsama? maal
Obbo Tolasaa: Jijjirama dura Oromiyaa keessatti hojiileen gara garaa hojjetamanis ilaalchi ummataaf waan bu’uuraa hojjechuufi waan jenne raawwachuu qabna jedhu akka yeroo ammaatti xiyyeeffannaa hinarganne. Danqaalee hedduunis turaniiru. Hoggansi yerosii bilisa ta’ee waan hunda hojjechuu hindanda’u ture.
Jijjiiramaan as garuu dandeettiin raawwii sirriitti dabaleera. Akka hogganaa tokkootti rakkooleefi danqinoonni turan furamanii jijjiirama kana arguu kootti baay’een gammadda. Bara bajataa darbetti ijaarsi pirojektotaa hedduun xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru.
Pirojektota kanneen xumursiisuuf bajatni addatti ramadame hinjiru. Bajatuma waggaa naannichaaf ramadame sirriitti karoora qabameef oolchuufi danqaa ture san furuudhaan bu’aa argameedha. Bajatni qabame karoora qabameef akka ooluuf hordoffiifi to’annaa cimaa taasifamaa tureen bu’aa argameedha.
Jijjiiramaa as danqaan sirnaa ture waan hiikkateefi hojii hordoffiifi to’annoo waan cimeef hojiin haala gaariin adeemsifamaa jira. Hojiilee raawwatamaniin akka Oromiyaattis ta’e biyyaatti jijjiiramni guddaan mul’ateera. Ummatins hojjettoota mootummaa wajjin ta’uun hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa jira.
Ummatni hojiilee pirojektotaa adda addaa kan kooti jedhee hojjechaa jira. Pirojektonni waggoota dheeraaf harkifataa turanis ta’e kanneen ijaarsisaanii jalqabame yeroo karoorfameef keessatti xumuramaa jiru. Waggoota sadan darbanii as hundumtuu yaadasaa gara misoomaatti deebisee hojjechaa jira. Hojiin kun akkasitti ittifufnaan akka Oromiyaattis ta’e biyyaatti jijjiirama guddaatu dhufa jedheen yaada.
Bariisaa: ittifayyadamni bajataa, raawwiin pirojektotaafi hirmaannaan ummataa maal fakkaata?
Obbo Tolasaa: Bajata ramadame keessaa hangamtu hojiirra oole jedhamee bara baraan yoo ilaalamu waggaa waggaan jijjiirama guddaatu mul’achaa jira. Bajatni waggaa waggaan qabamus hojiirra oolaa jira. Utuu bajanni gahaan jiraatee hojii raawwatamee ol raawwachuun ni danda’ama.
Hojjettoonni mootummaa harki caalaan ilaalcha ofirra ummataaf jedhu hordofaa jiru. Sirni hordoffiifi to’annoo bajataas jabaa waan dhufeef ittigaafatamummaan cimaa dhufeera. Dandeettiin raawwachiisummaas fooyya’aa dhufeera. Qulqullina hojii pirojektotaatiin walqabatees fooya’iinsi guddaan mul’achaa jira. Haata’u malee ammayyuu iddoowwan tokko tokkotti qisaasa’inni ykn harcaatiin bajataa ni jira. Ijaarsi pirojektotaa buleeyyii ykn yeroo karoorfameef keessatti hinxumuramnes ni jiru.
Hojiin jalqabame kun cimee ittifufnaan gara fuulduraatti jijjiirama kana caalutu dhufa. Bajatni waajjiraaleen barbaadaniifi isaaniif ramadamaa jiru garuu gahaa miti. Waajjiraaleen utuu bajata gahaa argatanii kana caalaa hojjechuu danda’u. Gama biraatiin ammoo baasiin mootummaa daran dabalaa dhufeera.
Jijjiiramni bajata mootummaa qofaan dhufu gahaa miti. Yeroo dhiyoo as garuu waanti gaariin mul’achaa jiru hirmaannaan ummataa dabalaa dhufuusaati. Bara bajataa darbetti hirmaannaa ummataatiin hojiilee guguddoon qarshii biiliyoona 20tti tilmaamamu raawwatameera.
Ummatni hojii tola ooltummaarratti bal’inaan hirmaachuudhaan akkasumas hojii biqiltuu dhaabuu, maneen barnootaa keessatti kutaa dabalataa ijaaruun ofiisaatiin rakkoosaa furachuuf hojjechaa jira. Kun akka muuxannoo gaariitti ittifufuu qaba.
Humni ummataafi bajatni mootummaa qindaa’ee yoo deeme fedhii ummataa guutuuf qaawwi jiru dhiphataa deemuun ummatni jireenya fooyya’aa akka jiraatu kan taasisuudha. Ittifayyadamni bajataa fooyya’aa dhufus qusannaan ittifayyadamuurratti ammayyuu hanqinni ni mul’ata. Bajatni qabamus pirojektota daran ummata fayyadanirra ooluu qaba. Rakkooleefi hanqinoota mul’atan furuudhaan ciminoota jiran kan ittifufsiisnu taanaan naannoo Oromiyaa ceesisuuf carraa guddaatu jira.
Bariisaa: Fooyya’insi sirna bulchiinsa bajataarratti jiru maal fakkaata?
Obbo Tolasaa: Sirni bulchiinsa bajataa kan biyyaafi naannoo walitti hidhjataadha. Sirna bulchiinsa bajataa naannoo keenyaarratti rakkoon jiraatus fooyya’iinsi guddaan mul’ataa jira. Duraan bajata ramadame utuu hojiirra hinoolchin deebisuun mul’achaa tureera.
Amnmaa bajatni qabame hojii fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf oolaa jira. Kun dandeettiin raawwachiisummaa guddachaa dhufuu agarsiisa.
Sirni odiitii keessaafi alaas maallaqa socho’urratti to’annoofi hordoffii cimaa taasisaa jiru. Manni hojii odiitii muummee naannichaa bu’aa odiitiisaa waggaa waggaan Caffeedhaaf ni gabaasa.
Odiitiin keessaa kan biiroo keenyaan hogganamu ammoo gabaasasaa mana hojii aanaatii kaasee nuu dhiyeessa. Gabaasa qaamolee lamaaniirratti hundaa’uun sirna bulchiinsa bajataa keenya yoo ilaalle baasiin seeraan alaa, hir’inni maallaqaa darbee darbee ni mul’ata.
Rakkooleen kunneen duraanis turaniiru; har’as ni jiru. Maal akka fooyya’eefi fooyya’uu qaburratti garuu dubbachuu dandeenya. Hojiilee to’annoo, hordoffiifi ittigaafatamummaarratti fooyy’iinsi jira. Utuu sirni bulchiinsa bajataa hinfooyyofne ta’ee badii guddaatu nu mudata ture. Naannichatti hir’inni maallaqaa sadarkaa guddaadhaan hir’ateera. Kun sirni baasiin ittiin to’atamu fooyya’uusaa agarsiisa. Ittifayyadamni bajataas sadarkaa naannootti daan fooyya’eera; sadarkaa aanaatti ammoo hanqinni ni jira.
Waajjiraalee galii guyyaa guyyaan walitti qaban kanneen akka buufata fayyaa, bishaanii, geejjibaa, gurgurtaa qorichaafaa keessatti ammayyuu qaawwi ni mul’ata. Raawwiin seeraan alaa sadarkaa naannoo, godina, aanaafi bulchiinsa magaalaatti ammayyuu ni jira.
Raawwiin seeraan alaa ragaa dhiyeessuu dhabuu, utuu adeemsa bittaa hineegiin bittaa raawwachuudhaan walqabata. Rakkoo gama kanaan mul’atuuf dhiifama gochuun nurra hinjiraatu. Rakkoon gama kanaan mul’atu furamuu qaba. Akka waliigalaatti sirni bulchiinsa faayinaansii naannichaa waggaa waggaan fooyya’iinsa guddaa agarsiisaa jira. Kana jechuun garuu rakkoon tokkoyyuu hinjiru, qulqullaa’eera jechuu miti. Iddoon to’annoo maallaqaa cimaa barbaachisu jira. Qarshii xiqqoon seeraan ala qisaasa’u ykn ba’u yoo walitti ida’ame qarshii guddaa ta’a.
Hanguma bajatni mootummaa waggaa waggaan dabalaa deemu maallaqa seeraan ala ba’u hir’isaa deemuun barbaachisaadha. Hoggantoonnis sirna bulchiinsa faayinaansii sirriitti beekuufi hojiirra oolchuu qabu. Hoggantoonni hojjetanii jijjiirama fiduu qofa osoo hintaane qarshii seeraan ala ba’u hambisuurrattis xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.
Oromiyaa keessa sanadoonni hinbuunes qormaata biraa ta’anii jiru. Waan walittiqabamaafi kaffalamaa jedhamutu jira. Walittiqabamaa kan jedhamu qarshichi sanadarra jira ykn ni deebi’a jedhamee yaadama garuu maallaqichi kan hindeebineedha. Kanarratti duula geggeessuudhaan hir’isuu dandeenyeerra. Kaffalamaa jechuun idaa ykn baasii jiru herregatti jijjiiranii cufuu dhiisuudha. Rakkoo kana hir’isuufis irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Waxabajjiifi ittifayyadama bajata manneen hojii mootummaa akkamitti ibsitu?
Obbo Tolasaa: Waajjirri mootummaa karooraan hindeemne Waxabajjiin gaafa ga’u ni fiiga. Bajata ramadameef utuu ittiin hinhojjetin akka hindeebineef baasii hinbarbaachifneef oolchuun tureera. Fiigicha akkasii hambisuuf hojiilee hedduun raawwatamaniiru. Yoo haala addaa ta’een ala kurmaana sadaffaa keessa bittaan hingeggeeffamu.
Waajjirri bajata ranadameef fixee bajata dabalataa gaafatu jira. Kanneen bajata ramadameef sirriitti itti hinfayyadamne har’as jiru. Waajjiraaleen kunniin bajatni itti baay’atee osoo hintaane sababoota gara garaatiin utuu itti hinfayyadamin hafu. Adeemsi bittaa harkifachuun, adeemsi caalbaasii kufuun, yeroodhaan dhiyaachuu dhabuun, qaamni hojii kontiraata fudhate akka jedhametti hojjechuu dhiisuun sababoota guguddoo ittifayyadama bajataarratti dhiibbaa uumaniidha.
Bajatni mana hojii tokkoof ramadame seeraan akka hojiirra hinoolleef sababa kan ta’u hogganaa mana hojichaa qofa osoo hintaane qaamoleen gara garaas qooda qabu.
Dafanii karoorsuu dhiisuufi karoora qabame ciniinnatanii galmaan ga’uu dhabuun garuu dadhabina waajjirichaati. Bajatni ramadamee hojiirra hinoolle dhuma Waxabajjiitti saanduuqa mootummaatti hafa jechuudha.
Oromiyaa keessatti sirni bulchiinsa bajataa daran jabaachaa dhufeera. Baasiin kan taasifamu hojii hojjetamee xumurameefi tajaajila kennameef qofaafi. Waajjirri mootummaa bajata qabameef ji’a 12f qoodee ji’a sadii sadiin ykn kurmaana kurmaanaan qoodee ittifayyadama.
Hojii dhumeefi meeshaa bitameef qofa baasiin kaffaltiin akka raawwatamu ta’uun qisaasam maallaqaa hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Waajjiraaleen mootummaa dhuma Waxabajjiitti bajatatu gubata jedhanii baasii hinmalle raawwachuu hinqaban. Bajatni manneen hojii utuu itti hinfayyadamin hafan saanduuqa mootummaa keessatti hafa malee waan gubatuuf hinqabu.
Waajjira tokkotti bajatni hanqatee akka gaafatu wantoonni taasisan lamatu jiru. Tokkoffaa sababa hanqina bajataatiin jalqabumarraa kaasee bajatni gahaan ramadamuufii dhabuu yoo ta’u, lammaffaan hojii itti kennamee ol hojjechuudhaan hanqinni bajataa mudachuu danda’a. Pirojektonni guguddoon akka daandiifaa waggaa lama keessatti hojjechuuf karoorfaman waggaa tokko keessatti yoo xumuraman bajata dabalataa barbaadu.
Yeroo ammaa dandeettiin kontiraaktarootaa dabalaafi sirni hordoffiifi to’annoo ijaarsa pirojektotaa cimaa waan dhufeef ijaarsi akka daandii, manneen barnootaa, bishaanii yeroo karoorfame dura xumuramaa jiru.
Waajjirri tokko hojii kennameef ariitiidhaan xumuree yoo hanqinni bajataa isa mudatu akkaataa seera jijjiirraa bajataatiin bajanni waajjira biraa ni naanna’aaf. Kan gaafatee dhabus jira. Bajatni dabalataa kan kennamuuf barbaachisummaa hojichaafi seera jijjiirraa bajataarratti hundaa’uudhaani.
Bariisaa: Qulqullinni karoora waajjiraaleefi bajatni ramadamuuf maalfakkaata?
Obbo Tolasaa: Karoorri waggaa shaniifi kudhanii ni jira. Waajjiraaleen mootummaa oggaa karoora waggaa qopheeffatan kan waggaa shaniifi kudhanii waliin walsimsiisuu qabu. Karoorasaanii injiranii kan dursa argachuu qabuuf dursa kennuu qabu. Karoora haala kanaan qopheessuurratti waajjiraalee tokko tokko biratti hanqinni ni mul’ata. Kun hanqinni qulqullina karooraa jiraachuu agarsiisa.
Mootummaan waajjiraaleen hundi karoorasaanii injiranii akka fidaniifi karoora qulqullina hinqabne yoo fidan waan ittigaafatamaniif karoorasaanii qulqullinaan qopheessuurratti fooyya’iinsi gaariin mul’achaa jira. Karoora dursuu qabuuf dursa kennuurratti jijjiiramni guddaan mul’ateera.
Waajjiraaleen tokko tokko karoora yeroodhaan dhiyeessuurratti hanqina qabu. Gabatee yeroo karooraafi bajataa sirriitti eeganii hojiirra oolchuurratti hanqina qabu. Karoorri bara ittaanuu walakkaa waggaa (Amajjiirraa) kaasee hojjetamuu qaba. Karoorri qorannoofi dizaayinii pirojektota waggaa ittaanu hojjetamanii dursanii xumuramanii dhiyaachuu qabu. Kanaafuu karoorarratti waantonni fooyya’anis fooyya’uu qabanis ni jiru.
Mootummaan naannichaa keessumaa waggoota lamaan darbanii as qophii karooraaf xiyyeeffannoo addaa kennee irratti hojjechaa jira. Karoorri manneen hojii waltajjii pirezidaantiin naannichaa argamanirratti dhiyaatanii irratti mari’atama. Manni marii karoorasaa qulqullinaan hindhiyeessine irra deebi’ee sirreessee akka fidu taasifamaa jira.
Akka naannichaatti kilaastariin afur hundaa’ee karoora waajiraalee utuu pirezdaantiif hindhiyaatin sakatta’ee ilaalaa jira. Kun karoorarratti jijjiirama bu’uuraa fuduun dadhabbii biiroo kanaas hambisaa jira. Rakkoo karoora qulqullinaan dhiyeessuurratti tures sadarkaa olaanaadhaan fooyyesseera. Gama karoora qulqullina qabu qopheessuutiin fooyya’iinsi guddaan jiraatus ammayyuu sadarkaa yeroon gaafaturra hinga’amne.
Kanaafuu karoorarratti nama leenjisuufi qopheessuun barbaachisaadha. Waajjiaaleenis karoora guutuufi qulqullina qabu qopheessuun walakkaa hojii ta’uu amananii fudhachuu karoorasaanii qulqullinaan dhiyeessuu qabu.
Bariisaa: Ce’umsi iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa rakkoo maalii fure?
Obbo Tolasaa: Ce’umsi iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa sirna jijjiirama bu’uuraa baroota dheeraaf ykn bara Hayilasillaaseerraa kaasee ture gara sirna sadarkaatti kan ceessiseedha. Sirni sadarkaa kun hojii walfakkaatuuf kaffaltiin walfakkaatu akka raawwatamu kan taasisuudha.
Ce’umsi kun akka biyyaatti erga hojjetamee baasii qaba. Naannoo Oromiyaatti kaffaltiin ce’umsa kanaaf kaffalamu waggaa tokko keessatti raawwachuun waan hindanda’amneef kaabineen naannichaa hojjetaa wajjin mari’atee waggoota sadii keessatti kaffalamee akka xumuramu taasiseera. Hojjetaan tokko iskeelii mindaa sirrateef guutuu argachuu kan danda’u waggaa sadii booda. Hojjettoonni mootummaa Adoolessa 2014 irraa kaasanii iskeelii mindaasaanii guutuu argachuu jalqabu.
Kaffaltiin iskeelii mindaa waggaa jalqabaa ji’a saglaffaarraa jalqabee kanname. Kaffaltii mindaa ji’a sadii kana kan nuu dabarse Ministeera Maallaqaati. Utuu ministeerichi kaffaltii hojjettoota mootummaa ji’a 12 nuu dabarseera ta’ee kaffalticha raawwachuu ni dandeenya turre.
Hojjettoonni garuu kaffaltiin mindaa ji’a sagalii duubatti nu jalaa hafe gaaffii jedhu kaasu. Kaffaltiin kun dandeettii kaffaluu naannoorratti waan hundaa’uuf ni raawwatama. Utuu kaffaltii kana waggaa duraarraa kaanee guutummaasaa hojjettoota mootummaatiif kaffallee ijaarsa pirojektota adda addaa adeemsisuu hindandeenyu turre.
Bariisaa: Warraaqsi dinagdee Oromiyaa sadarkaa akkamiirratti argama?
Obbo Tolasaa: Oromiyaan tajaajiloota gara garaa fooyyessuudhaan, bu’uuraalee misoomaa adda addaa ijaaruudhaan fuulduratti deemeera. Tattaaffiin jireenya qonnaan bulaa fooyyessuuf taasifamaa jirus gaariidha. Haata’u malee qonnaan bulaan ijaaramee gara daldalaafi invastimantiitti akka galu taasisuurratti hanqinni ni mul’ata.
Mootummaan abbootiin qabeenyaafi qonnaan bulaan ijaaramanii hojii daldalaafi invastimantiirratti hirmaachuu misoomaafi guddina biyyaa mirkaneessuu keessatti qooda akka fudhatuuf deggersa barbaachisu taasisaafii jira.
Warraaqsi dinagdee Oromiyaa kun jalqabarratti ija shakkiitiin ilaalamaa ture. Hojii warraaqsa dinagdee kanaan damee konistiraakshiniirratti Dhaabbatni Konistiraakshinii Walaabuu ijaaramee hojiitti galeera.
Hojii kana keessatti abbootii qabeenyaafi dhaabbilee misoomaa mootummaatu qooda fudhate. Kana malees sheer kaampaaniin ‘Keenyaa Bevereeji’ jedhamu Giinciitti hundaa’ee qabatamaan erga hojiitti galee waggaa lama ta’eera. Hojiin kun dargaggoota barataniifi hinbaranneef carraa hojii bal’aa uuma. Inni sadaffaan ‘Baasii Odaati’.
Kaayyoon mootummaa waan daldala hintaaneef oggas dhaabbileen dhuunfaa of danda’anii deemuu jalqaban mootummaan keessaa ba’aa deema. Deggarsi mootummaan taasisaa jiru kun abbootiin qabeenyaa gurmaa’anii akka hojiilee invasimantii adda addaarratti akka hirmaataniif kaka’umsa gaarii uumaa jira.
Bariisaa: Sassaabbiin galii naannichaa bara bajataa darbee maal fakkaata?
Obbo Tolasaa: Galii naannichaa karaa adda ta’een walitti qabuuf hojjetamaa ture. Fedhiin baasii keenyaa baay’ee waan dabaleef hojii sassaabbii galii keenya guddisuurratti xiyyeeffannee hojjechaa ture. Dinagdeen naannoo keenyaa fooyya’iinsa guddaa agarsiisaa jira. Dinagdee naannichi maddisiisu duguugnee bajata keessa galchinee bajataafi karoora galii walqixxeessuuf hojjechaa jira.
Galiin sirnaan sassaabamuusaatiin pirojektota rarra’anii taa’aa turan hedduun xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru. Bajatni naannichaa harki caalu hojiilee pirojektii raawwachiisuuf oola. Galii naannichaa guddisuuu jechuun misooma ummataa bal’inaan hojjechuuf gargaara. Galii duguuganii galchuun, karoora hiixatanii karoorsuufi hirmaannaa ummataa dabaluudhaan milkeessuun hojiilee ijoo xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jiraniidha.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa ykn dhaamsa yoo qabaattan?
Obbo Tolasaa: Biyyi kun abdii qabdi.Biyya magariisa, qabeenya bishaanii, roobaafi humna dargaggootaa gahaa qabduudha. Garuu immoo carraa qabdu kana duguugdee itti hinfayyadamne. Naannoon Oromiyaas akkasuma. Qonna biyyattii keessaa walakkaan Oromiyaa keessatti argama. Qamadiin godinaalee Arsiifi Baalee otoo humna guutuudhaan omishamee guutummaa biyyattii sooruu danda’a. Qabeenya uumamaa qabnutti waan sirnaan hinfayyadamneef badhaadhina hawwinu bira otoo hinga’iin turreerra.
Yeroo ammaa agruu mootummaan, ummatniifi dargaggoonni kaka’umsa cimaadhaan carraa jirutti fayyadamanii jijjiiramuuf qindoominaan hojjechaa jiru. Kanaaf ammoo nageenyi bu’uura. Bakka nagaan hinjirre investimantiifi misoomni hinjiru.
Kanaafuu namni hundi nageenya naannawaasaa tikfachuu qaba. Bakka nagaan jiru misoomaafi carraa hojii bal’aatu jira, hojjetanii badhaadhuutu jira. Hundumtuu mootummaa wajjin ta’ee ofiifi biyyasaa jijjiiruuf akka hojjetun dhaama. Nutis carraa qabnuun ummata keenyaa tajaajiluuf qophiidha.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013