Raas Hayiluu: Wiirtuu Leenjii Ispoortii

Bara 2005 bu’uurrisaa kana’ameefii rakkoolee walxaxoo bulchinsa gaariirraa kan ka’e hojiinsaa duubatti hafee kan ture iddoon oolmaa daakaa bishaanii Wiirtuu Leenjii Ispoortii Raas Hayiluu xiyyeeffannaa hoggansa jijjiiramaatiin kennameefiin ijaarsisaa xumuramuun eebbifamee tajaajilaaf qophaa’eera.

Lafa kaaree meetira kuma 15fi 117 irratti kan hojjetame iddoon daakaa bishaanii kun sadarkaa biyyoolessaa kan qabuufi Afrikaa Bahaarraa kan duraatti jedhama.

Ammaan tana bishaan botteedhaan waraabee kan guutame ta’us gara fuula duraatti morichumaa bishaan ho’isuuf qarshiin miiliyoona shanii ramadameera.

Bulchiisni Magaalaa Finifinnee pirojektiiwwan misooma ispoortii 51 barana hojjechisee xumure kan eebisiise yoo ta’u, walumaagalatti qarshii miiliyoona 700 ol baaseera.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You