“Pirojektonni meeggaa magaalaa Finfinnee aadaa hojii keenyaa kan jijjiiraniidha” -Injinar Shimallis Isheetuu

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Waajjirri Ijaarsa Pirojektota Guguddoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara 2012 kan hundaa’e yoo ta’u, pirojektota guguddoo fakkii magaalattii jijjiiruun miidhaginaafi ammayyummaa uffisan hojjeteera; hojjetaas jira.

Dhiheenya kanas pirojektiin Addababa’ii Masqalaa, daandii lafoo waajjira kantiibaarraa eegalee jiru eebbifame akka agarsiisaatti kaasuun ni danda’ama. Pirojektichi halkanii guyyaa hojjetamuun ji’oota 11 keessatti xumuramuusaati hogganaan waajjirichaa Injinar Shimallis Isheetuu gaafdeebii Roobii darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin tasisaniin kan ibsan.

Bara bajataa 2012tti waajjirichi pirojektiiwwan guguddoo torba hojjechaa jiraachuu eeranii, baay’eensaaniis xumuurarratti akka argaman dubbatu. Pirojektonni kunneenis, haaressa waajjira kantiibaa, Adwaa Zeeroo Zeeroo,  Addababa’ii Masqalaa, mana kitaabaa guddicha, paarkiingii masaraa guddichaa, gamoo abbaa darbii 20 waajjira guddichaa Ministeera Geejibaatiif ooluufi Wiirtuu Hoggansa Ga’oominaa Afrikaa damee Finfinnee ta’uu addeessu.

Pirojektonni kunneen harki caalaansaanii ijaarsisaanii xumuramee tajaajilaaf ooluuf akka jedhan kan himan hogganichi, hojiileen kunneen yeroo gabaabaa, qulqullinaafi baasii olaanaadhaan kan hojjetaman tahuu addeessu.

Pirojektonni hojjetaman xumuramanii yommuu hojii eegalan miidhagina magaalattii dabaluun hawaasaaf mijatoofi hawatoo ta’uurra darbanii, magaalattiin teessoo dippilomaatootaa ta’uusheetiin misooma maluuf akka gonfattus ni taasisa jedhan.

Hojii pirojektotaa kanaan  aadaan hojii kan itti jijjiramedha kan jedhan Injinar Shimallis, namoonni hojicharratti hirmaatan sa’aatii saddeet hamuummachaa hojjechuurra sa’aatii 16 hanga 24 hojjechuu eegaluu ibsu.

Sochii hawaas dinagdee ummataarrattis bu’aa olaanaa kan qabaatan pirojektonni kunneen, aadaafi duudhaan ummatichaas akka irratti mul’atu taasifamuusaa kaasu.

Fuuldurattis pirojektota guguddoo amnayyummaa magaalattii dhugoomsan hojjechuuf karooraatti qabamuu himanii, ijaarsii daandiifi manneenii pirojektiiwwan meeggaa keessatti akka hinhammatamne dubbatu.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013

Recommended For You