Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Dhukaasa dhaabuun sababoota adda addaatiin kan labsamu yoo ta’u, hanga guutummaatti waraana ykn lola dhaabuuf hanga waliigalteen tolfamutti yeroof labsamuu mala. Sababni waraana dhaabuun labsamuuf waraana keessatti lammiileen nagaa hedduun yoo miidhamaniifi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haalli rakkisaan uumame ykn hojii deeggarsaatiif akka mijatuufi.
Akkaadaamii hoggansa Oromiyaati, Darektarri hayyoota seeraa biyyoolessaafi misooma hoggansaa Obbo Saadiq Adam akka jedhaniitti, murtoon dhukaasa dhaabuu qeenxeen mootummaan fudhate faayidaafi miidhaa biyyaafi ummatarraan gahu kan giddugaleeffateedha.
Tarkaanfichi ittigaafatamuummaafi dirqama kan itti kennu jedhanii, ija seeraanis yoo ilaalamu waliigaltee qaama kamiinuu wajjin raawwatameen kan fudhamee osoo hinta’iin murtoo qeenxee ta’uus eeraniiru.
Murtichi faayidaa hedduu kan qabu ta’uufi waktichi ganna waan ta’eef qonnaan bultoonni Tigraay fuulasaanii gara qonnaatti akka garagalchan kan taasisu, dhiibbaa warreen lixaatiin taasifamaa jiruuf deebii kan ta’uufi mootummaanis guutinsa hidha haaromsaa laga Abbayya marsaa 2faf humna walitti qabachuuf yeroo akka argatu kan taasisa ta’uu ibsaniiru.
Gareen shororkeessaa kun Raayyaa Ittisa Biyyaa waan mo’ee fakkeessuun ummata Tigraayiif afaanjaajessuuf ifaajaa jiraachuu eeranii, garichi humna dadhabaa miidiyaa hawaasaafi arraba qofarra jiru ta’uus himaniiru.
Gameessi Siyaasaa Diimaa Nagoo (PhD) gamasaaniin akka jedhanitti, gareen shororkeessaa ABUT ummata Tigraayyiif kan dhimmame fakkeessuun shira duriisaatti fayyadamuun beela mala qabsoo taasisee ittifayyadamaa jira.
Gareen kun yeroo ammaa Naannoo Tigraayi bulchuuf humnas dandeettiis hinqabu jedhanii, wayita aangoorra turetti rakkoo walxaxaa naannichaa hinhiikne, ammammoo ilaalcha loltummaatiin hiikuuf tattaffachaa jiraachuu eeran.
Adeemsisaa amma itti jiru akkuma kaleessaa dheebuu aangoosaa bahachuurra darbee faayidaan buusu akka hinjirre eeranii, garichi akka meeshaa ololaatti kan fayyadamu beelli, to’annoo mootummaa Itoophiyaatiin ala akka hintaanes ibsaniiru.
Garee Shororkeessaan kun ummataaf kan dhaabbatu fakkatee gama tokkoon dargaggoota waraana bu’aa hinqabneef affeeraa, gama kaaniin ammoo “Haleellamteetta, miidhamteetta” jechuun ummata keessatti jibba olaanaa uumaa jira jechuun ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013