Misoomni sululaa sirrataafi milka’aa akka jiraatuuf gaheen miidiyaa olaanaadha

Saamraawiit Girmaatiin

Bishooftuu: Hojiin misooma sululaa sirriifi milkaa’aan akka jiraatuuf gaheen miidiyaa olaanaa tahu Abbaan Taayitaa Misooma Sululaa ibse.

Daarektarri ittaanaan abbaa taayitichaa Obbo Geetaachoo Gizaawu leenjii guyyoota lamaaf gaazexeessitootaaf kaleessaa eegale Bishooftuutti kennamaa jirurratti akka jedhanitti, qabeenya uumamaa dhalootaaf dabarsuuf eeguu, bulchuufi seeraan ittifayyadamuu gaafata. Kana ummata hubachiisuuf ammoo shoorri miidiyaa gita kan hinqabneedha.

Uumamni uumamashee wajjin kan nutti kennamte balleessuuf osoo hintaane sirnaan fayyadamnee dhalootatti dabarsuuf tahuu kaasanii, faayidaa irraa argachuun kan danda’amu hammuma kunuunsan waan ta’eef kanarratti hubannoon ummataa akka cimuuf akkasumas, bu’aan barbaadamu akka argamuuf miidiyaan gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Biyyattiin dinagdee fayya qabeessa akka qabaattuuf misoomni sululaa fayya qabeessi jiraachuu akka qabu kan himan Obbo Geetaachoon, kanarraa ka’uun hojii misooma sululaa waggoota lamaan hojjetaniin bu’aa jajjabeessaan argamuu ibsaniiru.

Hojichi garuu hojii duulaa qofa osoo hintaane aadaa ta’uu waan qabuuf ammayyuu hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Leenjicha Waajjirri Mana Maree Biyyaalessaa Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, Abbaa Taayitaa Misooma Sululaafi Yunvarsiitii Finfinneetti Wiirtuu Qabeenya Lafaafi Bishaanii waliin ta’uun kan qopheessan yoo tahu, har’a ni xumurama. Dhuma sagantichaarrattis ogeeyyiin miidiyaa biqiltuu kan dhaaban tahuu sagantaan jiru ni mul’isa.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You