Mirgootni heeraan lammiilee biyyattiitiif kannaman kabajamuu akka qaban Dhaabbanni Abbagaar Ummataa gaafate

Bayyanaa Ibraahimiin

Adaamaa: Heerri biyyattii lammiileen hundi hojii humnasaaniitiin olii akka hinhojjjanneefi sa’aatiin hojiirratti dabarsuu qabanis ifatti kan kaa’u ta’us, sa’aatii namni tokko guyyaa keessatti hojjachuu maluun olitti hojjachiisuufi daa’imman hojii humnasaaniitiin olii irratti bobbaasuun bal’inaa mul’achaa jiraachuu Dhaabbanni Abbagaar Ummataa Itoophiyaa ibse.

Dhimmichi yeroo ammaatti rakkoo guddaa hawaasaa ta’aa jiraachuu kan eeran dhaabbatichatti abbaagaarri damee daa’immanii, dubartootaa, miidhamtoota qaamaafi maanguddootaa Aaddee Saaniyaa Saamii, furmaanni rakkinichaa mirgoota heeraan lammiileen biyyattii argatan guutummaatti hojiirra oolchuu akka ta’e sagantaa marii tibbana qaamota dhimmichi ilaallatu waliin Adaamaatti adeemsifamerratti dubbataniiru.

Dhimmi daa’imman rakkoolee gara garaatiif saaxilaman hojii humnasaaniitii oliirratti bobbaasuu naannolee biyyattii hedduu keessatti raawwatamaa jiraachuu kan eeran immoo Dhaabbatichatti Ogeettii Leenjii kan ta’an Aadde Ruhaamaa Darrasaa kanas hojii to’annoofi qorannoo naannolee afurirratti gaggeeffameen mirkanaa’uu ibsu.

“Dhaabbatichi rakkoolee hawaasaa kanneen fakkaatanirratti to’annoofi hordoffii taasisuudhaan mala itti furamu akeekuun ala qaama dirqisiisee hojii kana raawwachiisu hinqabu” kan jedhan Aadde Ruhaamaan, qorannoo gaggeesseen garuu rakkoon daa’imman hojii humnasaaniitiin olii irratti bobbaasuu sadarkaa namaa irra akka jiru addabaasuudhaan naannoleen rakkoon kun itti heddumaatu immoo haala itti furuu danda’anirratti yaanni furmaataa isaaniif kennamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti; namootniifi qaamotni daa’imman hojii humnaa oliirratti bobbaasaa jiran gara seeraatti deebisuun hojii tokko yemmuu ta’u, daa’imman maatii biraa bahanii rakkoolee kanaafi kanneen birootiif akka hinsaaxilamneef maatiirratti xiyyeeffatanii hojjachuun garuu furmaata hunda caaluudha.

Daa’imni umriinsaa waggaa 14fi sanaa gadi ta’e hojii idileerratti hirmaachuu akka hinqabne heerri biyyattii kan dhorku ta’uun ni yaadatama.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You